Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun Nu Bira kan Gaʼe Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun utuu hin mancaʼin nu bira gaʼuun isaa dinqii guddaa dha. Barreeffamee kan xumurame waggoota 1,900 ol dura dha. Wantoota salphaatti baduu dandaʼan kanneen akka waraqaa biqiltuu paappirasii irraa hojjetamee fi biraannaa gogaa bineeldotaa irraa hojjetame irratti barreeffama ture. Jalqaba kan barreeffames afaan namoonni yeroo harʼaa jiran muraasni dandaʼaniin ture. Kana malees, moototaa fi geggeessitoota amantii dabalatee namoonni aangoo guddaa qaban Kitaaba Qulqulluu balleessuuf yaalii guddaa godhaniiru.

KITAABNI dinqisiisaa taʼe kun balaawwan isa irra gaʼan hundumaa dandamatee ilmaan namootaa biratti beekamtii argachuu kan dandaʼe akkamitti? Mee sababiiwwan lama haa ilaallu.

Baayʼinaan Garagalfamuun Isaa Balaa Irraa Akka Oolu Isa Taasiseera

Israaʼelonni warri Kitaabni Qulqulluun jalqaba imaanaadhaan isaanitti kenname, maraawwan kitaabaa jalqabaatiif eegumsa guddaa godhaniiru, akkasumas baayʼinaan garagalchaniiru. Fakkeenyaaf, mootonni Israaʼel, ‘garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame akka garagalfatan’ ajajamanii turan.—Keessa Deebii 17:18.

Israaʼelonni hedduun Kitaabonni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼan waan hubataniif dubbisuu ni jaallatu turan. Kanaafuu, kitaabichi kan garagalfamu barreessitoota leenjii guddaa argatanii fi of eeggannoo guddaa godhaniini. Barreessaan Waaqayyoon sodaatuu fi Izraa jedhamu, “garagalchituu Seera Musee isa Yihowaan Waaqni Israaʼel kenne akka gaariitti beeku” akka ture ibsameera. (Izraa 7:6) Maasoreetonni Dh.K.B. jaarraa jaʼaffaa fi jaarraa kurnaffaa gidduutti Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa ykn Kakuu Moofaa garagalchan dogoggora hambisuuf qubee isaa lakkaaʼu turan. Of eeggannoo guddaa akkasiitiin garagalfamuun isaa, ergaan isaa akka hin jijjiiramnee fi diinonni kitaabicha balleessuuf hanga isaaniif dandaʼame carraaqqii wal irraa hin cinne kan godhan taʼus, badiisa irraa akka oolu gumaacha godheera.

Fakkeenyaaf, Dh.K.D. bara 168⁠tti Bulchaa Sooriyaa kan ture Antaayikas 4⁠ffaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa guutummaa Paalastiinaa keessatti argate hunda balleessuuf yaalii godhee ture. Seenaan waaʼee Yihudootaa ibsu tokko akkana jedheera: “Maraawwan kitaaba seerichaa argatan hunda tatarsaasaniiru, akkasumas gubaniiru.” Kitaabni The Jewish Encyclopedia jedhamu akkana jedheera: “Abbootiin taayitaa hojii kana akka raawwatan isaaniif kenname hojii kana of eeggannoo guddaadhaan raawwataniiru . . . Namni Kitaabni Qulqulluun kun harkatti argame . . . duʼaan adabama ture.” Haa taʼu malee, Kitaabonni Qulqulluun garagalfamanii fi Yihudoota Paalastiinaa fi biyyoota kan biraa jiraatan bira turan badiisa irraa ooluu dandaʼaniiru.

Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii ykn Kakuu Haaraa akkuma barreessanii xumuraniin xalayaawwan, raajiiwwanii fi seenaawwan isaan geggeessaa hafuuraatiin barreessan baayʼinaan garagalfamaniiru. Fakkeenyaaf, Yohaannis Wangeela isaa kan barreesse Efesoon keessatti ykn naannoo ishiitti ture. Taʼus ciccitaan Wangeelichaa inni garagalfame Gibxii ishii kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu fagaattee jirtu keessatti argameera. Akka hayyoonni jedhanitti Wangeelli kun kan garagalfame erga Yohaannis barreessee yeroo waggoota 50 hin guunne keessatti dha. Argannoon kun Kiristiyaanonni biyyoota fagootti argaman kitaabota geggeessaa hafuuraatiin yeroo muraasa dura barreeffaman irraa garagalfaman kan qaban akka turan argisiisa.

Dubbiin Waaqayyoo balʼinaan raabsamuun isaas erga Kiristoos lafa irra jiraatee jaarraawwan hedduu booda illee balaa irraa akka oolu gumaacha godheera. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 303, Guraandhala 23 ganama barii Mootii Mootota Roomaa kan ture Diyooqilaaxiyaan loltoonni isaa balbala bataskaanaa cabsanii seenuudhaan Kitaabota Qulqulluu garagalfaman yommuu guban dhaabbatee ilaalaa akka ture dubbatama. Diyooqilaaxiyaan barreeffamoota qulqulluu balleessuudhaan Kiristiyaanummaa balleessuu akka dandaʼu yaada ture. Guyyaa itti aanuttis guutummaa Bulchiinsa Roomaa keessatti Kitaabonni Qulqulluun garagalfaman hundi uummata duratti akka gubaman labsii baase. Haa taʼu malee, Kitaabonni Qulqulluun garagalfaman muraasni badiisa irraa oolaniiru, akkasumas deebiʼanii garagalfamaniiru. Inumaa iyyuu kutaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii garagalfaman lamaa fi tarii Diyooqilaaxiyaan ariʼatama geessisuu jalqabee yeroo muraasa booda qopheeffaman hanga harʼaatti jiru. Inni tokko Roomaa keessatti argama; inni kaan immoo Biriitish Laayibrarii isa Landan Ingilaanditti argamu keessa jira.

Kitaabni Qulqulluun jalqabaa harkaan barreeffame hanga yoonaatti argamuu baatus, Kitaabni Qulqulluun harkaan garagalfamee fi kumaan lakkaaʼamu guutummaan isaa ykn gartokkoon isaa hamma bara keenyaatti turuu dandaʼeera. Isaan keessaa tokko tokko waggoota dheeraadhaaf kan turani dha. Maarree yeroo harkaan garagalfamutti ergaan barreeffamoota jalqabaa irra ture jijjiirameeraa? Hayyuun Wiiliyaam Henarii Giriin jedhaman Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa ilaalchisee akkana jedhaniiru: “Barreeffamoonni durii hamma kitaabota kanaa sirrii taʼan hin jiran yoo jedhame arbeessuu hin taʼu.” Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii ilaalchisee immoo hayyuun Sar Fireediriik Keeniyon jedhamanii fi Kitaabota Qulqulluu bara durii harkaan garagalfaman irratti qorannoo godhan akkana jedhaniiru: “Garaa garummaan yeroo Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa fi kitaabota bara durii harkaan garagalfaman gidduu jiru baayʼee muraasa dha. Kanaaf shakkiin Kitaabonni Qulqulluun bara keenyatti argaman jijjiiramaniiru jedhu guutummaatti badeera. Kitaabonni Qulqulluun Kakuu Haaraa amansiisoo fi akka walii galaatti sirrii taʼuun isaanii guutummaatti mirkanaaʼeera.” Itti dabaluudhaanis akkana jedhaniiru: “Qabiyyeen Kitaaba Qulqulluu guutummaatti sirriidha yoo jedhame arbeessuu hin taʼu. . . . Kitaaba bara durii guutummaa addunyaa irratti argamu kam iyyuu ilaalchisee akkas jedhamuu hin dandaʼu.”

Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu

Sababiiwwan guguddaa Kitaabni Qulqulluun kitaaba kam iyyuu caalaa namoota hunda biratti akka beekamu taasisan keessaa inni lammaffaan afaanota hedduudhaan kan argamu taʼuu isaa ti. Dhugaan kun kaayyoo Waaqayyo namoonni sabootaa fi afaanota garaa garaa keessaa dhufan akka isa beekan, akkasumas “hafuuraa fi dhugaadhaan” akka isaa waaqeffatan qabuu wajjin kan wal simu dha.—Yohaannis 4:23, 24; Miikiyaas 4:2.

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa Afaan Giriikiitiin qophaaʼe inni jalqabaa Saptuujantii jedhama. Hiikkaan kun kan qophaaʼe Yihudoota biyya Paalastiinaa ala jiraatanii fi Afaan Giriikii dubbataniif ture. Hiikamee kan xumurames Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa utuu hin jalqabin gara waggoota dhibba lamaa dura ture. Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii dabalatee guutummaan Kitaaba Qulqulluu afaanota hedduudhaan kan hiikame kitaabichi barreeffamee erga xumuramee jaarraawwan muraasa keessatti dha. Yeroo booda garuu mootonnii fi qeesonni Kitaabni Qulqulluun harka namootaa akka galuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuu qaban aangoo isaaniitti fayyadamanii tarkaanfii faallaa taʼe fudhachuu jalqaban. Qeesonni Dubbiin Waaqayyoo afaanota namoonni hedduun dubbataniin akka hin hiikamne dhowwuudhaan hordoftoonni isaanii dukkana hafuuraa keessatti akka hafan gochuuf yaalii godhaniiru.

Namoonni ija jabeeyyii taʼan bataskaanaa fi mootummaa mormuudhaan Kitaaba Qulqulluu afaan namoonni hedduun dubbatanitti hiikuuf lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Fakkeenyaaf, bara 1530⁠tti Wiiliyaam Tiindal inni lammii Ingilaandi taʼee fi Ooksifoorditti barate hiikkaa Kitaabota Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa jalqabaa shanan, jechuunis Peentaatukii qopheesseera. Mormii cimaan isa irra gaʼus nama yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa gara Afaan Ingiliffaatti hiike taʼeera. Kana malees, Tiindal hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa keessatti nama maqaa Yihowaatti fayyadame isa jalqabaa ti. Hayyuu Kitaaba Qulqulluu Afaan Ispaanish kan taʼan Kaasiyoodooraa de Reeyinaa jedhaman hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ispaanish warra jalqabaa keessaa isa tokko yommuu hiikanitti namoota amantii Kaatolikii hordofan irraa doorsisni ajjeechaa isaan irra gaʼaa ture. Hiikkaa isaanii xumuruuf gara Ingilaandi, Jarman, Faransaayi, Hoolaandii fi Siwiizarlaandi deemaniiru. *

Yeroo harʼaattis Kitaabni Qulqulluun afaanota dabalataa hedduudhaan hiikamuu isaa ittuma fufeera; koppii miliyoonaan lakkaaʼamuunis maxxanfamaa jira. Kitaabni Qulqulluun badiisa irraa oolee kitaaba namoota hundumaa biratti beekamu taʼuun isaa wanti Pheexiros ergamaan geggeessaa hafuuraatiin, “Margichi ni coolliga, habaaboon isaas ni harcaʼa; dubbiin Yihowaa garuu bara baraaf jabaatee ni dhaabbata” jedhee dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa.—1 Pheexiros 1:24, 25.

[Miiljalee]

^ key. 14 Hiikkaan Reeyinaa inni bara 1569⁠tti maxxanfame bara 1602⁠tti Seeppiriyaanoo de Vaaleeraadhaan fooyyeffamee baʼeera.

[Saanduqa/Fakkii]

Hiikkaa Isa Kamin Dubbisuu Qaba?

Afaanonni hedduun hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu baayʼee qabu. Hiikkaawwan tokko tokko jechoota durii ulfaataa taʼanitti fayyadamu. Hiikkaawwan kaan immoo hiikkaan isaanii sirrii taʼuu irratti utuu hin taʼin, dubbisuuf salphaa akka taʼu gochuu irratti xiyyeeffatu. Warri tokko tokko immoo kallattiidhaan jechaa jechatti kan hiikamani dha jechuun ni dandaʼama.

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Ingiliffaatiin Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan, afaanota Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin qophaaʼe irraa koree maqaan isaanii akka beekamu hin barbaanneen kallattiidhaan kan hiikamedha. Sana boodas hiikkaan kun hiikkaawwan gara 60 taʼan hiikuuf akka buʼuuraatti tajaajileera. Haa taʼu malee namoonni afaanota sanaan hiikan, Kitaaba Qulqulluu isa afaan jalqabaatiin qophaaʼee wajjin wal bira qabanii ilaalaniiru. Kaayyoon Hiika Addunyaa Haaraa hiika jalqaba afaan Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame hamma hin dhoksinetti kallattiidhaan hiikuu dha. Hiiktonni sun namoonni yeroo harʼaatti jiran akkuma namoonni bara durii Kitaaba Qulqulluu afaan jalqabaatiin qophaaʼe sana hubatan akka hubatan gochuuf carraaqqii godhaniiru.

Hayyoonni afaanii tokko tokko, fakkeenyaaf sirrii taʼuu isaa fi amantiin isaanii isaan irratti dhiibbaa gochuu isaa ilaaluuf Hiika Addunyaa Haaraa dabalatee hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu ammayyaa irratti qorannaa geggeessanii turan. Hayyoota kanneen keessaa tokko Yunivarsiitii Kaaba Ariizoonaa isa Yuunaayitid Isteetis keessatti argamutti gargaaraa piroofeesaraa qorannaa amantii kan taʼan Jeesan Deevid Beeduuni dha. Bara 2003⁠tti “Kitaabota Qulqulluu namoonni Afaan Ingiliffaa dubbatan balʼinaan itti fayyadaman” * sagal ilaalchisee qorannoo fuula 200 qabu maxxansaniiru. Qorannaan isaanii yaadawwan Kitaaba Qulqulluu falmii kaasan hedduu fi “amantiin isaanii hiikkaa isaanii irratti dhiibbaa godhee taʼuu dandaʼu” irratti kan xiyyeeffate ture. Caqasoota sana hunda amantiin isaanii dhiibbaa isaan irratti gochuu isaatiin kan kaʼe hiikkaa isaanii irratti jijjiirama gochuu yaaluu isaanii hubachuuf hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa Afaan Giriikii wajjin wal bira qabanii ilaalaniiru. Maarree xumura akkamii irra gaʼan?

Beeduun namoonnii fi hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun Hiikni Addunyaa Haaraa (NW) adda kan taʼe amantii isaanii hiikkaa isaanii irratti dhiibbaa waan godheefi jedhaniiru. Haa taʼu malee, akkana jedhaniiru: “Harka caalaa isaa garaa garummaan kan jiraate Hiikni Addunyaa Haaraa kallattiidhaan, akkasumas of eeggannoodhaan waan hiikameef warra kaan caalaa sirrii taʼuu isaatiin kan kaʼe dha.” Beeduun akkaataa yaadawwan tokko tokko Hiika Addunyaa Haaraa irratti itti hiikaman irratti kan walii hin galle taʼanis, ‘hiikkaan kun hiikkaawwan kaanii wajjin yommuu wal bira qabamu hundumaa caalaa sirrii akka taʼee fi hiikkaa baayʼee gaarii akka taʼe’ dubbataniiru.

Hayyuun Afaan Ibrootaa Israaʼel keessa jiraatanii fi Doktar Beenjaamiin Keedaar jedhaman Hiika Addunyaa Haaraa ilaalchisee yaada wal fakkaatu kennaniiru. Bara 1989⁠tti akkana jedhaniiru: “Hiikkaan kun hamma dandaʼametti akka hubatamu gochuuf garaadhaa carraaqqiin akka godhame argisiisa. . . . Hiika Addunyaa Haaraa keessatti ragaa yaada afaan jalqabaa irra jiru jijjiiruuf yaalii akka godhan argisiisu tokko illee hin arganne.”

Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Kitaaba Qulqulluu yommuun dubbisu galmi koo maali dha? Hiika Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼuu baatus dubbisuuf salphaa taʼen barbaadaa? Moo Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqaba geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame wajjin hamma dandaʼame baayʼee walitti dhihaatu dubbisuun barbaada?’ (2 Pheexiros 1:20, 21) Kaayyoon kee hiikkaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf filattu irratti jijjiirama fida.

“Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa” afaan hedduudhaan argama

[Miiljalee]

^ key. 22 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa malees Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ingiliffaa kan armaan gadii ti: The Amplified New Testament, The Living Bible, The New American Bible With Revised New Testament, New American Standard Bible, The Holy BibleNew International Version, The New Revised Standard Version, The Bible in Today’s English Version fi King James Version.

[Fakkii]

Fuula gubbaa irra jiru: National Library of Russia, St. Petersburg; lammaffaa fi sadaffaa: Bibelmuseum, Münster; duubaan kan jiru: © The Trustees of the Chester Beatty Library, Dublin

[Fakkii]

Kitaabota Qulqulluu durii Maasoreetonni harkaan garagalchan

[Fakkii]

Ciccitaa Luqaas 12:7 isa, “. . . hin sodaatinaa; isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedhu qabate.