Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Magaalaa Astaanaa

BIYYOOTAA FI UUMMATA | KAAZAAKISTAAN

Kaazaakistaaniin haa Daawwannu

Kaazaakistaaniin haa Daawwannu

NAMOONNI Kaazaak aadaa horsiisanii buluutiin beekamu. Hanga harʼaatti iyyuu, horsiisee bultoonni Kaazaak tokko tokko waqtiilee irratti hundaaʼanii horii isaanii iddoo kaloon jiru adda addaatti godaansisu. Yeroo boonaa baddaa qabbanaʼoo kaloo qaban gubbaatti dabarsu. Yeroo ganni caabbii roobu dhihaatutti immoo, horii isaanii gara gammoojjii ooʼa taʼetti geessu.

Namoonni Kaazaak muraasni immoo, magaalota ammayyaa guguddoo keessa jiraatu. Taʼus, wantoonni aadaa baayʼeen, nyaataa fi hojiiwwan aartii jireenya horsiisee bultoota akaakiliiwwan isaanii dabarsan kan mulʼisan dha. Namoonni Kaazaak, walaloowwan, sirbootaa fi muuziqaawwan meeshaalee muuziqaa aadaatiin taphataman hedduu qabu.

Mana aadaa horsisee bultootaa salphaatti iddoo tokko gara biraatti geeffamuu dandaʼuu fi “Yaarti” jedhamu, mallattoo nama uumamaa wajjin wal simee jiraatu argisiisu taʼeera. Tiksitoonni amma iyyuu yaartiin kan filatan siʼa taʼu, Kaazakonni magaalaa keessa jiraataniis yeroo baayʼee qophii addaatiif ittin dhimma baʼu. Kana malees, yaartiin tuuristootaaf mana mijataa taʼe ni tajaajila. Keessi isaa immoo iddoo hodhaa harkaa dubartootaa, uffataa fi afatawwan isaan dhaʼanii tolchan itti argisiifamu taʼanii tajaajilu.

Keessa yaartii

Maatiiwaan Kaazaak baadiyyaa keessa jiraatan fardeen isaaniitiif iddoo guddaa kennu. Warri Kaazaak fardaaf yoo xinnaate jechoota 21 taʼanii fi hiika adda addaa qabanitti fayyadamu; akkasumas halluu kooraa fardeen isaanii ibsuuf jechootaa fi jechamootaa 30 ol taʼantu jira. Kennaan fardaa gaarii taʼe tokkoo, yeroo ammaatti illee kennaa gatii guddaa qabuu fi bakki guddaan kennamuufi dha. Ijoolleen dhiiraa baadiyyaa daaʼimummaa isaaniitii eegalee fardaa gulufu baratu.

Nyaanni aadaa warra Kaazaak yeroo hunda foon qabaachuu kan qabu taʼus, yeroo baayʼee garuu miʼeesituu hedduu hin qabu. Dhugaatii aadaa jaallatamoo warra Kaazaak keessaa koowuumiis, isa aannan fardaa irra hojjetamuu fi fayyaadhaaf faayidaa guddaa akka qabu yaadamu, akkasumas shuubaat, dhugaatii furdaa xiqqoo hadhaaʼuu fi aannan gaala irra hojjetamu ni argamu.

Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa Oolmaatii keessummoota kan simatu siʼa taʼu, daawwannaadhaaf banaa dha.

Qeerransi cabbii Kaazaakistaan yeroo bonaa tulluuwwan irratti dabarsa