Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Annisaa Qusachuu Ilaalchisee Wanta Beekuu Qabdu

Annisaa Qusachuu Ilaalchisee Wanta Beekuu Qabdu

MANA keenya hoʼisuu fi qabbaneessuuf, bobaʼaa konkolaataa keenyaaf barbaachisuuf, akkasumas sochii guyyaa guyyaan raawwannuuf annisatti fayyadamna. Taʼus, namoonni addunyaa irra jiran hedduun annisaa wajjin haala walqabateen rakkinni isaan mudachaa jira.

Geerii inni Afriikaa Kibbaa jiraatu, “gatiin bobaʼaa dabalaa deemuun isaa” yaaddoo guddaa isatti taʼeera. Jeeniifar ishiin Filippiinsi jiraattu immoo, “humni ibsaa yeroo baayʼee waan ciccituuf” waaʼeen annisaa amansiisaa taʼe argachuu ishii yaaddessa. Farnaandoo inni Eel Saalvaador jiraatu immoo, “dhiibbaan itti fayyadamni annisaa naannoo irra geessisu akka isa yaaddessu” dubbateera. Biyyoota hedduutti maddawwan annisaa naannoo faalaa jiru.

‘Rakkoowwan annisaa wajjin wal qabatan kanaaf furmaata argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafachuun kee hin oolu.

Hundi keenya annisatti ogummaadhaan fayyadamuuf filachuu ni dandeenya. Annisa qusachuunis taʼe sirriitti itti fayyadamuun faayidaa qaba. Hamma itti fayyadamnu hirʼisuudhaan baasii annisaaf baasnu xiqqeessuu dandeenya. Akkasumas utuu hin barbaachisin fedhiin annisaa caalaatti akka dabalu gochuu dhiisuudhaan, naannoo keenya faalama irraa eeguu dandeenya.

Mee kallattiiwwan annisatti ogummaadhaan fayyadamuu dandeenyu sadii haa ilaallu: mana keenya, geejibaa fi sochii guyyaa guyyaa.

MANA

Meeshaalee qilleensa manaa hoʼisanii fi qabbaneessan of eeggannoodhaan fayyadamaa. Qorannoon biyya Awurooppaa keessatti godhame tokko yeroo gannaatti meeshaa hoʼa qilleensaa lakkaaʼu digirii lamaan qofa hirʼisuun mala waggaa keessatti humna elektiriikii hedduu qusachuuf gargaaru akka taʼe ibseera. Deerik inni Kaanaadaa jiraatu yaada kana irratti kan walii galu siʼa taʼu, “Meeshaa qilleensa hoʼisu hamma dhumaatti banuu mannaa uffata hoʼa kennu uffachuudhaan maatiin keenya humna elektiriikii qusachuu dandaʼa” jedheera.

Malli armaan olitti ibsame meeshaalee yeroo hoʼaatti qilleensa manaa qabbaneessaniifis ni hojjeta. Roodoolfoo inni Filippiinsi jiraatu yeroo hunda meeshaa hoʼa qilleensaa lakkaaʼuu fi meeshaa qilleensa qabbaneessu keessa jiru sirreessuudhaan hoʼa qusata. Maaliif? Kana gochuun “Qarshiis taʼe humna elektiriikii qusachuuf nu gargaara” jedheera.

Mana keessan yeroo hoʼistan ykn qabbaneessitan foddaa fi balbala cufaa. * Qilleensi hoʼe ykn qabbanaaʼe gara alaatti akka hin baane gochuudhaan humna elektiriikii qusachuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, yeroo qorraatti balbala bananii dhiisuun manicha hoʼisuuf annisni barbaachisu baayʼee akka dabalu godha.

Namoonni tokko tokko, foddaa fi balbala cufuu malees foddaawwan caalaatti hoʼa ittisanitti fayyadamuudhaan mana isaanii keessatti akka gaariitti humna elektiriikii qusachuu dandaʼaniiru.

Ampoolii caalaatti humna elektiriikii qusatu fayyadamaa. Jeeniifar ishiin jalqaba irratti caqasamte, ‘Ampooliiwwan durii humna elektiriikii hedduu fayyadaman dhiisnee ampooliiwwan ibsaa elektiriikii qusatan fayyadamuu jalqabne’ jetteetti. Ampooliiwwan elektiriikii qusatan jalqaba irratti baasii hedduu isin baasisuu kan dandaʼan taʼus, yeroo itti fayyadamtan humna elektiriikii xinnoo waan fayyadamaniif yeroo dheeraa keessatti qarshii baayʼee isiniif qusatu.

GEEJJIBA

Yoo dandaʼame geejjiba uummataatti fayyadamaa. Andiriiwu inni Biritaaniyaa jiraatu “Yeroo naa dandaʼamu hundatti gara hojii deemuuf baabura ykn biskileetiittan fayyadama” jedheera. Kitaabni Annisa Ilaalchisee Wanta Namni Hundi Beekuu Qabu (Energy: What Everyone Needs to Know) jedhamu tokko, “konkolaataawwan manaa annisni isaan nama tokkoof fayyadaman, kan otoobisii fi baaburaa harka sadiin caala” jedheera.

Imala keessan qindeeffadhaa. Deddeebitanii deemuu mannaa takkaatti waan hedduu raawwachuuf dursitanii karoorfachuudhaan bobaʼaa itti fayyadamtan hirʼisuu, akkasumas yeroo fi qarshii keessan qusachuu dandeessu.

Jeetroo inni Filippiinsi jiraatu bobaʼaa konkolaataa isaatiif jiʼatti barbaachisu dursee murteesseera. “Kunis imala koo karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamuuf na gargaareera” jedheera.

SOCHII GUYYAA GUYYAA

Bishaan hoʼaa itti fayyadamtan hirʼisaa. Qorannoon tokko akka argisiisutti, “Humna elektiriikii magaalota Awustiraaliyaa keessatti hojii irra oolu keessaa giddu galeessaan dhibbeentaan 1.3, akkasumas elektiriikii mana dhuunfaa keessatti hojii irra oolu keessaa dhibbeentaan 27 bishaan hoʼisuuf fayyada.”

Bishaan hoʼisuun elektiriikii hedduu waan barbaaduuf, bishaan hoʼaa muraasatti fayyadamuun humna elektiriikii ni qusata. Viiktar inni Afriikaa Kibbaa jiraatu, “Yeroo dhagna dhiqannu hamma nuu dandaʼametti bishaan hoʼaa xinnoo fayyadamuuf yaalla” jechuun isaa sirrii dha. Saayintistiin Isteevan Keenweey jedhaman akka dubbatanitti ‘bishaan hoʼaa xinnoo fayyadamuun faayidaa hedduu qaba. Annisaa fi bishaan qusata, humna elektiriikii miʼoota mana keessaatiif tajaajilan hirʼisa, akkasumas maatiiwwan qarshii akka qusatan gargaara.

Dhaamsaa. Kun ibsaa, maashinoota garaa garaa, meeshaalee elektirooniksii kan akka Televijinii fi kompiitaraa dhaamsuu kan dabalatu dha. Meeshaaleen kun baayʼeen isaanii yeroo itti hin fayyadamnetti illee humna elektiriikiitti ni fayyadamu. Ogeessonni tokko tokko meeshaaleen kun dhaamanii utuu jiranii elektiriikii akka hin fayyadamneef sookkeettii isaanii buqqisuu ykn dhaamsituu isaaniitti fayyadamuu jajjabeessu. Farnaandoo inni jalqaba irratti ibsame amala kana barsiifata godhateera; “Ibsaa nan dhaamsa, akkasumas maashinoota itti hin fayyadamne sookkeettii isaanii nan buqqisa” jedheera.

Dhuunfaadhaan baasii annisaaf baʼuu fi miidhaa inni naannoo irraan gaʼu toʼachuu hin dandeenyu; taʼus annisatti ogummaadhaan fayyadamuuf filachuu ni dandeenya. Namoonni addunyaa irra jiran karaa akkas gochuu itti dandaʼan barbaadaa jiru. Annisa qusachuun carraaqqii fi dursanii karoorfachuu kan gaafatu taʼus, faayidaa isaa irratti xiyyeeffachuu qabna. Valeeriyaa ishiin Meeksikoo jiraattu akkas gochuudhaan, “Qarshii nan qusadha, naannoos nan eega” jetteetti.

^ key. 10 Meeshaalee qilleensa hoʼisanii fi qabbaneessan karaa miidhaa hin geessiseen fayyadamuuf qajeelfama oomishtootaa of eeggannoodhaan hordofaa. Fakkeenyaaf meeshaaleen tokko tokko yeroo itti fayyadamtan qajeelfama balbala ykn foddaa akka banuu qabdan ajaju qabu.