Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Miira Namaa Hubadhaa

Miira Namaa Hubadhaa

Rakkina Jiru

Garaagarummaa nuu fi warra kaan gidduu jiru irratti yoo xiyyeeffanne, garaagarummaan kun hirʼina akka taʼe yaaduu dandeenya. Kanaafuu, warra nu irraa adda taʼan akka gad aanootti ilaaluu dandeenya. Warra kaaniif ilaalcha dogoggoraa akkasii erga qabaannee booda, miira isaanii hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Miira isaanii hubachuu dadhabuun immoo rakkina cimaa, jechuunis jibba halaalaa akka qabnu argisiisuu dandaʼa.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

“Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa.”—ROOMAA 12:15.

Maal jechuu dha? Caqasni kun miira namaa hubachuu akka qabnu nu barsiisa. Miira namaa hubachuun dandeettii iddoo nama sanaa of kaaʼanii wanta isatti dhagaʼamu beekuu ti.

Miira Namaa Hubachuun Akkamitti Nu Gargaara?

Miira nama tokkoo yommuu hubannu, nama sanaa wajjin hammam akka wal fakkaannu beekna. Inni ykn ishiin miirri kan keenyaa wajjin wal fakkaatu itti dhagaʼamuu fi wantuma nuti goonu gochuu akka dandaʼan hubanna. Miira namaa hubachuun, akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoonni hundi kutaa maatii tokkoo akka taʼan hubachuuf nu gargaara. Wanta wal nu fakkeessu irratti yoo xiyyeeffanne, carraan dogoggoraan isaan hubachuuf qabnu ni xiqqaata.

Miira namaa hubachuun warra kaan kabajuufis nu gargaara. Aan Maarii, ishiin Seneegaal jiraattu, namoota saba gad aanoo akka taʼanitti ilaalaman keessaa dhufan ni tuffatti turte. Miira namaa hubachuun akkamitti akka ishii gargaare akka itti aanutti ibsiteetti: “Dhiphina namoota miseensa saba kanaa taʼan irra gaʼu yommuun argu, utuun iddoo isaanii taʼee maaltu natti dhagaʼama jedheen of gaafadhe. Kanaan kan kaʼes, namoota kana akkan hin caalle hubachuun jalqabe. Wanta akkan isaan irra wayyu na godhu homaa hin raawwanne.” Eeyyee, rakkina nama kan biraa hubachuuf yoo yaalle, isa ceephaʼuu mannaa carraan miira isaa hubachuuf qabnu ni balʼata.

Wanta Gochuu Dandeessu

Garaagarummaa qabdu dhiisiitii wanta sii fi saba akka gad aanootti ilaaltu wal fakkeessu argachuuf yaali. Fakkeenyaaf, yommuu wantoota kana godhan wanta isaanitti dhagaʼamu yaadi

Miira namaa hubachuun namoonni hundi kutaa maatii tokkoo akka taʼan hubachuuf nu gargaara

  • maatii isaanii wajjin yommuu nyaatan

  • hojii cimaa hojjechaa oolanii yommuu xumuran

  • michoota isaanii wajjin yommuu yeroo dabarsan

  • muuziqaa jaallatan yommuu dhaggeeffatan

Itti aansee immoo wanti isaan irra gaʼu si irra gaʼaa akka jiru godhii yaadi. Akkas jedhii of gaafadhu:

  • ‘Namni tokko gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu yoo godhe maalan godha?’

  • ‘Warri kaan utuu na hin beekin natti murteessanii maaltu natti dhagaʼama?’

  • ‘Utuun saba kana keessaa tokko taʼee, namoonni akkamitti akka na qabanan barbaada?’