Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Cimina Warra Kaanii Hubadhaa

Cimina Warra Kaanii Hubadhaa

Rakkina Jiru

Of jajuun gara jibba halaalaatti geessa. Namni of jaju tokko waaʼee barbaachisummaa ofii isaa ilaalcha keessa baʼaa qaba. Namni akkasii ofii isaa warra kaan akka caalutti, warra isa irraa adda taʼan immoo gad aanoo akka taʼanitti ilaala. Namni kam iyyuu kiyyoo kanaan qabamuu dandaʼa. Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan akkas jedheera: “[Aadaawwan] hedduu keessatti namoonni akkaataan jireenyaa, nyaataa, uffannaa, barsiifataa, amantaa, naamusaa isaanii fi kan kana fakkaatan kan warra kaanii irra akka caalu itti dhagaʼama.” Ilaalcha dogoggoraa kana irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

“Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.”—FILIPHISIYUS 2:3.

Maal jechuu dha? Koora keessa baʼaa balleessuuf, amala gad of qabuu isa faallaa isaa taʼe horachuu qabna. Gad of qabuun karaa taʼe tokkoon warri kaan akka nu caalan hubachuuf nu gargaara. Sabni amala gaarii hundumaa fi dandeettii hundumaa qabu hin jiru.

Mee fakkeenya Isteefan haa ilaallu. Inni biyya Kooministiitti kan guddate taʼus, jibba halaalaa namoota biyya Kooministii hin taane irraa dhufaniif qabu moʼuu dandaʼeera. Akkas jedheera: “Warri kaan akka nu caalanitti yaaduun jibba halaalaa moʼuuf barbaachisaa akka taʼe nan amana. Waan hundumaa hin beeku. Nama hundumaa irraa waan tokko barachuu nan dandaʼa.”

Wanta Gochuu Dandeessu

Ofii keetiif ilaalcha sirrii qabaadhu, akkasumas dogoggora kee amanii fudhadhu. Kallattii ati dadhabina qabduun warri kaan cimoo akka taʼan amani fudhadhu. Namoonni saba tokko keessaa taʼan hundi hirʼina wal fakkaatu qabu jettee hin yaadin.

Nama saba taʼe tokko keessaa dhufeef ilaalcha sirrii hin taane qabaachuu mannaa, akkas jedhii of gaafadhu:

Gama ati dadhabina qabduun warri kaan cimoo akka taʼan amanii fudhadhu

  • ‘Amalli nama sanaa ani jibbu dhuguma gadhee dha moo adduma waan taʼeef qofan jibbe?’

  • ‘Namni kun ana irratti dogoggora argachuu ni dandaʼaa?’

  • ‘Namni kun karaa kamiin ana caalaa dandeettii qaba?’

Gaaffiiwwan kana haqaan yoo deebiste, jibba halaalaa moʼuu qofa utuu hin taʼin, wanta nama sana akka dinqisiifattu si taasisu argachuu dandeessa.