Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQAA! Lakk. 3 2017 | Kitaabni Qulqulluun Dhuguma Dubbii Waaqayyoo Tii?

Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyo taʼuu isaa ni amantaa? Moo guutummaatti kitaaba yaada namootaa qabate sitti fakkaata?

Barruun “Dammaqaa!” kun ragaawwan Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyo taʼuu isaa argisiisan sadii ibsa.

 

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kitaaba Qulqulluu—Dhuguma ‘Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Barreeffamee?’

Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun karaa taʼe tokkoo wajjin Waaqayyoo wajjin kan wal qabate akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Kaan immoo oduu durii, seenaa fi ajaja namoonni barreessan akka taʼetti ilaalu.

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kitaabni Qulqulluun—Kallattii Hundaan Sirrii Dha

Kitaabni Qulqulluun uumama ilaalchisee gama saayinsiitiin ibsi utuu hin kennamin yeroo dheeraa dura odeeffannoo sirrii kan qabate ture. Kana qofa utuu hin taʼin, waaʼee kaʼiinsaa fi kufaatii mootummoota addunyaa duree kan dubbatu taʼuu isaa irra iyyuu gaaffiiwwan guguddaa kaʼaniif deebii quubsaa kenna.

MAATIIDHAAF

Barbaachisummaa Hojii Mana Keessaa

Warri ijoolleedhaaf hojii kan hin kenne maaliifi? Ijoolleen keessaniif hojii kennuun itti gaafatamummaan akka isaanitti dhagaʼamuu fi akka gammadan isaan godha.

“Sammuu Lammaffaa” Qabdaa?

Sammuu lammaffaan garaa keessa jira. Kun siif faayidaa maalii qaba?

GAAFANNOO

Diizaayinariin Sooftiweerii Amantii Isaa Ibse

Doktoor Faan Yuun qorataa herregaa taʼee hojii isaa yommuu jalqabu jijjiirama tirannaatti amana ture. Amma garuu uumaa Waaqayyo akka taʼe ni amana. Maaliifi?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Maleekota

Maleekonni, barreeffama, fakkii fi fiilmii keessatti ibsamaniiru. Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaanii maal barsiisa?

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dabbasaa Bineensa Bishaan Keessaa Ootar Jedhamuu

Hosiftoonni bishaan keessaa gogaa isaanii jalaa moora furdaa qaamni isaanii hoʼaa taʼee akka turu isaan gargaaru qabu. Bineensi bishaan keessaa ootar garuu mala kan biraatti fayyadama.

Wantoota garabiraa

Bilisummaa Dabalataa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Akka nama guddaatti ilaalamuun qaba” jettee kan yaaddu taʼus, warri kee kana irratti walii hin galan taʼa. Akka sitti amanamaniif maalfaa gochuu dandeessa?

Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha?

Namootatu barreesse erga taʼee Dubbii Waaqayyoo jedhamuun isaa sirrii dhaa? Kitaabni Qulqulluun yaada eenyuu kan qabate dha?