KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Maleekota
Maleekonni, barreeffama, fakkii fi fiilmii adda addaa keessatti ibsamaniiru. Haa taʼu malee, maleekonni eenyu? Shoora akkamii taphatu?
Maleekonni eenyu?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Waaqayyo hawaa fi namoota jalqabaa uumuu isaa dura, uumamawwan dandeettii yaaduu qabanii fi namoota caalan uumee ture. Uumamawwan kun humna guddaa kan qaban siʼa taʼu, iddoo Waaqayyo jiraatuu fi namoonni itti dhihaachuus taʼe arguu hin dandeenye keessa jiraatu. (Iyoob 38:4, 7) Kitaabni qulqulluun qaamota humna guddaa qaban kana “hafuurota,” akkasumas “ergamoota” ykn maleekota jedhee waama.—Faarfannaa 104:4, hiika bara 1899. a
Maleekota meeqatu jira? Baayʼee dha. Maleekonni teessoo Waaqayyootti marsanii jiran “kumaatama kudhan siʼa kumaatama kudhan” baayʼatu. (Mulʼata 5:11) Ibsi kun kallattiidhaan yoo fudhatame, maleekota miliyoona dhibbaan lakkaaʼamantu jira jechuu dha!
‘Anis naannoo teessichaatti maleekota hedduu lakkoofsi isaanii kumaatama kudhan siʼa kumaatama kudhanii fi kuma hedduu siʼa kuma hedduun arge.’ —Mulʼata 5:11.
Maleekonni bara duriitti maal hojjechaa turan?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Maleekonni yeroo baayʼee akka sagalee dabarsituu ykn akka ergamaa Waaqayyootti tajaajilu turan. b Akkasumas, Kitaaba Qulqulluu keessatti dinqii Waaqayyoo raawwachiisaa akka turanitti ibsamaniiru. Waaqayyo, Abrahaamiin eebbisuu fi ilma isaa Yisihaqiin aarsaa godhee akka hin dhiheessine dhorkuuf maleekaa tokko ergee ture. (Uumama 22:11-18) Maleekaan tokko huxxii bobaʼu keessaa Museetti mulʼachuudhaan ergaa jireenya isaa sana booda jiru jijjiiru tokko itti himeera. (Baʼuu 3:1, 2) Daaniʼel raajichi boolla leencotaatti darbatamee yeroo turetti, ‘Waaqayyo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiiseera.’—Daaniʼel 6:22.
“Achitti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa isa huuxxii qoraattii tokko keessaa boba’u keessatti Museetti mulʼate.”—Baʼuu 3:2.
Maleekonni yeroo ammaatti maal hojjechaa jiru?
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Wanta maleekonni yeroo harʼaatti hojjechaa jiran hunda beekuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun, namoonni yaada qajeelaa qaban waaʼee Waaqayyoo sirriitti akka baratan kan isaan gargaaran taʼuu isaanii dubbata.—Hojii Ergamoota 8:26-35; 10:1-22; Mulʼata 14:6, 7.
Yihowaan, maleekonni “yaabbannoo” lafaa kaʼee hanga samiitti dheeratu irra yeroo ol baʼanii fi yeroo gadi buʼan Yaaqoob inni abbaa amantii taʼe abjuudhaan akka argu godhee ture. (Uumama 28:10-12) Yaaqoob abjuu kana booda, xumura nuti irra gaʼuu dandeenyu tokko irra gaʼee taʼuu dandaʼa. Innis Waaqni keenya Yihowaan namoota amanamoo taʼaniif gargaarsa gochuuf jecha maleekota isaa gara lafaatti erga.—Uumama 24:40; Baʼuu 14:19; Faarfannaa 34:7.
“Yaabbannoo hundeen isaa lafa dhaabate, fiixeen isaa bantii waaqaa bira ga’u tokko in arge; kunoo, ergamoonni Waaqayyoo isa irra ol in baʼu, gadis in bu’u turan.” —Uumama 28:12.
a Kitaabni Qulqulluun qaamonni hafuuraa muraasa taʼan aangoo Waaqayyoo irratti fincila kaasanii akka turan dubbata; maleekota hamoo kanas “jinniiwwan” jedhee waama.—Luqaas 10:17-20.
b Jechi Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikiitiin “maleekota” argisiisuuf hojii irra oolee hiika “ergamaa” jedhu qaba.