Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

“Maarshaal Aartii Baayʼeen Jaalladha Ture”

“Maarshaal Aartii Baayʼeen Jaalladha Ture”
  • Bara Dhalootaa: 1962

  • Biyya Dhalootaa: Yunaayitid Isteetis

  • Seenaa: Maarshaal aartii baayʼee kan jaallatu ture

JIREENYA KOO DURAA

 Miidhaan naman wajjin leenjiʼaa ture irra gaʼe baayʼee cimaa ture. Utuun hin yaadin akka tasaa funyaan isaa irran rukute. Balleessaa akkan raawwadhe kan natti dhagaʼame yeroo taʼu, maarshaal aartii itti fufuu koo gaaffii natti kaase. Dogoggorri ani raawwadhe kun ispoortii ani waggaa hedduutiif jaallachaa fi hordofaa ture ilaalchisee gaaffii akkan kaasu kan na taasise maaliifi? Mee jalqaba maarshaal aartii akkamitti akkan jalqaben isinitti hima.

 Yuunaayitid Isteetis Ameerikaa, magaalaa Baafloo, bulchiinsa Niiwu Yoorkitti maatii gammachuu qabuu fi amantii Kaatolikii cimsanii hordofan keessattan guddadhe. Mana barumsaa Kaatolikiitti kanan baradhe yommuu taʼu, mirga luboota gargaaruu argadheera. Maatiin koo, obboleettiin tiyyaa fi ani milkaaʼina guddaa akka argannu barbaadu turan. Kanaafuu, bakka ispoortiiwwan itti barsiisan dhaqee akkan baradhu; guyyoota muraasa qofa akkan hojjedhu naaf heyyaman; mana barumsaatti qabxii gaarii akkan argadhus wanta barbaachisu naaf dhiheessu turan. Kun ijoollummaa kootii eegalee naamusa gaarii akkan qabaadhu na gargaareera.

 Umuriin koo waggaa 17 yeroo taʼetti, maarshaal aartii barachuun jalqabe. Waggaa baayʼeedhaaf guyyaatti saʼaatii sadii torbanitti guyyaa jaʼaaf leenjiʼaan ture. Torban hunda saʼaatii hedduudhaaf tooftaalee fi sochiiwwa isaa sammuu koo keessatti nan shaakala; viidiyoowwan dandeettii koo fooyyessuuf na gargaaranis nan ilaalan ture. Yommuu meeshaa lolaatiin leenjinutti illee, ija haguuggachuudhaan shaakaluu nan jaalladha. Harka kootiin, boordii ykn xuubii rukuttaa tokkoon qofa nan cabsa. Ispoortii kanaan milkaaʼina guddaan argadhe, dorgommii irrattis badhaasa nan argadhe. Maarshaal aartiin jireenya koo keessatti bakka guddaa kan qabu taʼe.

 Jireenya koo keessatti milkaaʼina akkan argadhen yaade. Yunivarsiitiidhaa sadarkaa guddaatiin nan eebbifame. Kaampaanii guddaa tokko keessatti kompiitaraa wajjin haala wal qabateen injiinara taʼeen hojjedhe. Faayidaawwan garagaraa kaampaanichaa irraa ani argadhu gammachiisoo dha. Mana nan bitadhe, michuu durbaa qaba. Bakkeedhaan gaafa ilaalamu jireenya gammachiisaa waanan jiraadhu kan fakkaatu taʼus jireenya ilaalchisee gaaffiiwwan guddaan qaba.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Gaaffiiwwan kootiif deebii argachuuf jecha torban keessatti siʼa lama waldaa dhaquu fi Waaqayyo akka na gargaaru kadhachuun jalqabe. Sana booda, guyyaa tokko maree ani michuu koo tokkoo wajjin godhe jireenya koo keessatti jijjiirama fide. “Kaayyoon jireenyaa maali dha jettee yaaddee beektaa?” jedheen isa gaafadhe. Itti dabaluudhaanis, “Rakkoowwan hedduu fi jalʼina haqaa hedduutu jira!” Kanaan dura innis gaaffiiwwan akkasii gaafatee akka turee fi Kitaaba Qulqulluu keessaa deebii gaarii akka argate natti hime. Kitaaba, Lafa Irra Jannata Keessa Bara Baraan Jiraachuu ni Dandeessa a jedhamu naaf kenne. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba qulqulluu qoʼachaa akka ture naaf ibse. Jalqaba irratti barreeffamoota kan amantii koo irraa adda taʼe dubbisuu akkan hin qabne natti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, fedhii ani gaaffii kootiif deebii argachuuf qabu wanti Dhugaa Baatonni barsiisan maal akka taʼe ilaaluuf na kakaase.

 Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu yommuun argu baayʼeen dinqisiifadhe. Kaayyoo Waaqayyo jalqaba ilmaan namootaatiif qabu ture, jechuunis lafa jannata taate irra bara baraaf akka jiraatan qabu kan hin jijjiiramne taʼuu isaan baradhe. (Uumama 1:28) Kitaaba Qulqulluu koo hiikkaa Kiingi Jeemsi irraa maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu arguun koos baayʼee na dinqisiise. Maqaan kun kadhannaa Gooftaa isa irra deddeebiʼamee dhihaatuu fi ani itti fayyadamu irra kan ture dha. (Faarfannaa 83:18; Maatewos 6:9) Dhuma irratti Waaqayyo yeroodhaaf ilmaan namootaa irra dhiphinni akka ga’u kan heyyame maaliif akka ta’es nan hubadhe. Wantoota ani baradhe hundatti gammadeera! Baayʼeen dinqisiifadhe!

 Guyyaan jalqaba walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argame wanta natti dhagaʼame matumaa hin irraanfadhu. Hundi isaanii miira ho’aadhaan nagaa kan na gaafatanii fi maqaa koo beekuu kan barbaadan turan. Walgaʼii ani jalqaba argame irratti haasaa sabaa addaa kadhannaawwan Waaqayyo biratti dhagaʼaman ibsutu kennamee ture. Anis Waaqayyo akka na gargaaru kadhachaa waanan tureef haasaan kun na hawwatee ture. Itti aansuudhaan Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajamu irratti nan argame. Walgaʼiiwwan kana irratti caqasni yommuu dubbifamu ijoolleen illee Kitaaba Qulqulluu bananii yommuu hordofan arguun baayʼee na ajaaʼibsiise. Caqasa baafachuu kan hin beekne taʼus, Dhugaa Baatonni Kitaaba Qulqulluu akkamitti itti fayyadamuu akkan dandaʼu na gargaaran.

 Caalaatti walgaʼiiwwan irratti argamaa deemuun koo, barumsa dinqisiisaa Dhugaa Baatonni barsiisaniif bakka guddaa akkan kennu na godhe. Walgaʼii hunda irraa wanta hedduun baradhe; yeroo hunda jajjabinan argadha; nan haaromfamas. Achiis Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiisuuf na afeeran.

 Wanti ani Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti arguu dandaʼe wanta waldaa koo keessatti barsiifata taʼee wajjin yommuun wal bira qabu kan walitti hin dhufne dha. Dhugaa Baatonni tokkummaa kan qabanii fi tuuta namootaa garaa isaanii irraa Waaqayyoon gammachiisuuf carraaqqii godhan akka taʼan argeera. Mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda godhu, jechuunis jaalala akka isaan waliif qaban nan amane.—Yohaannis 13:35.

 Caalaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuun deemetti akka ulaagaa Kitaaba Qulqulluutti jiraachuudhaaf caalaatti jijjiirama gochaan deeme. Haa taʼu malee, maarshaal aartii dhiisuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture. Leenjii fi wal morkii nan jaalladhan ture. Yaada kana Dhugaa Baatuu na qoʼachiisutti yommuun himu, “Qayyabannaa kee itti fufi yeroo booda murtoo sirrii taʼe akka gootu beeka” naan jedhe. Kun deebiin dhagaʼuu barbaadu ture. Caalaatti barachaa yommuun deemetti, caalaatti Yihowaa gammachiisuuf fedhii qabaachaan deeme.

 Jijjiirama guddaa akkan godhu wanti na godhe balaan seensa irratti caqasee fi akka tasaa funyaan naman wajjin leenjiʼaa turee cabsuu koo ti. Balaan kun maarshaal aartii itti fufuun koo dhugumaan nama naga qabeessa duuka buutuu Kiristoos na taasisu taʼuu fi dhiisuu isaa irratti baayʼee akkan yaadu na godhe. Isaayyaas 2:3, 4 irratti akkuma raajiidhaan dubbatame warri qajeelfamoota Yihowaa hordofan ‘kana booda waraana akka hin barre’ baradheera. Yesuus warri kaan jalʼina haqaa yoo isaan irratti raawwatan illee Kiristiyaanonni lola akka hin kaasne barsiiseera. (Maatewos 26:52) Kanaafuu, ispoortiin jaalladhu irratti hirmaachuu nan dhiise.

 Achiis gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Waaqayyoof buluu galma godhachuudhaan of leenjisi” jedhu hojii irra oolchuun jalqabe. (1 Ximotewos 4:7) Yeroo fi carraaqqii ani kanaan dura maarshaal aartii irratti dabarsaa ture, amma sochiiwwan hafuuraa irratti dabarsaan jira. Dubartiin michuu tiyya turte wantan Kitaaba Qulqulluu irraa baradhee wajjin walii galuu waan diddeef wal dhiisne. Amajjii 24, 1987 Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuudhaan nan cuuphame. Achiis utuu hin turin tajaajilaa yeroo hundaa taʼuudhaan warra kaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuun jalqabe. Yeroo sanaa jalqabee waajjira wiirtuu Dhugaa Baatota Yihowaa Niiwu Yoorki, Yuu Eess Eetti argamu keessatti tajaajilaa yeroo hundaa taʼeen hojjechaa jira.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Amma waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa beeka; wantan jireenya koo keessatti dhabee ture argadheera. Kana booda duwwaa akkan taʼe natti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, jireenya kaayyoo fi abdii qabun jiraadha; akkasumas gammachuu dhugaan qaba. Amma iyyuu yeroo hunda sochii qaamaa nan godha; taʼus kana booda sochiin qaamaa jireenya koo keessatti bakka guddaa kan qabu miti. Jireenya koo keessatti wanti bakka guddaa qabu Yihowaa tajaajiluu dha.

 Maarshaal aartii hordofaa yommuun turetti yeroo hunda namoonni na bira jiran yoo na lolan akkamitti of irraa ittisuu akkan dandaʼu nan yaada. Yeroo harʼaas namoota na bira jiran dammaqinaan kanan eegu taʼus kaayyoo addaa jechuunis isaan gargaaruufi dha. Kitaabni Qulqulluun arjaa fi Bireendaa haadha manaa koo ishii bareedduutiif nama gaarii akkan taʼu na gargaareera.

 Jireenya koo keessatti maarshaal aartii baayʼeen jaalladhan ture. Haa taʼu malee wanta isa caaluun jijjiireera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Leenjiin qaamaa wanta muraasaaf fayyada; Waaqayyoof buluun garuu, jireenya ammaatiifis taʼe jireenya isa dhufuuf abdii waan qabuuf wanta hundumaatiif fayyada.”—1 Ximotewos 4:8.

a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe; amma maxxanfamaa hin jiru.