Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Jireenyi Koo Mancaʼaa Jira Ture

Jireenyi Koo Mancaʼaa Jira Ture
  • Bara Dhalootaa: 1971

  • Biyya Dhalootaa: Toongaa

  • Seenaa: Qoricha sammuu hadoochu kan fudhatuu fi hidhamee kan ture

JIREENYA KOO DURAA

 Maatiin koo Toongaa ishii biyya odoolawwan 170 taʼan qabduu fi kibba dhiha Paasifiikitti argamtu keessa jiraata ture. Toongaa keessatti jireenya salphaa jiraanna turre; ibsaas taʼe konkolaataa hin qabnu turre. Haa taʼu malee, manni keenya boombaa bishaanii qaba ture; lukkuuwwan muraasas qabna turre. Yeroo manni barumsaa keenya cufamu, obboloonni koo lamaanii fi ani maasii maatii keenyaa isa muuzii, maxaaxisii, goodarree fi kaasaavaa itti oomishnu kunuunsuu irratti abbaa keenya ni gargaarra turre. Abbaan keenya oomishawwan kana gurguruu fi hojiiwwan gad aanoo taʼan tokko tokko hojjechuudhaan maatii keenya deggera ture. Akkuma namoota hedduu odoola sana keessa jiraatan kaaniitti, maatiin keenyas Kitaaba Qulqulluudhaaf kabaja guddaa qaba ture; yeroo hundumaas gara waldaa ni dhaqna turre. Haa taʼu malee, jireenya gaarii jiraachuuf gara biyya dureessa taʼee dhaquu akka qabnu nutti dhagaʼama ture.

 Yeroo umuriin koo waggaa 16 taʼutti, eessumni koo maatiin keenya gara Kaalifoorniyaa Yuu. Ees. Eetti akka galu qophii nuu godhe. Kun aadaa dur hordofnu irratti sirreeffama guddaa akka goonu nu dirqisiisee ture! Haalli dinagdee keenyaa kan fooyyaʼe taʼus, naannoo namoonni hiyyeeyyii taʼan keessa jiraatan, bakka yakki cimaanii fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuun itti babalʼate keessa jiraanna turre. Yeroo baayʼee halkan halkan sagalee qawwee kan dhageenyu siʼa taʼu, ollaawwan keenya hedduunis yakkamtoota humnaan nama saamaniin kan kaʼe ni sodaatu turan. Namoonni hedduun ittiin of eeguuf ykn waldhabiinsa uumamuuf furmaata kennuuf qawwee qabatu turan. Anis waldhabiinsa akkanaa irratti kanan rukutame siʼa taʼu amma iyyuu rasaasni sun laphee koo keessa jira.

 Mana barumsaa sadarkaa ol aanaa keessatti akka dargaggoota kaanii taʼuu barbaadeen ture. Suutuma suuta afeerraa gadhiisii taʼe, akka malee dhuguu, yakka raawwachuu fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu koo ittuma fufaan deeme. Yeroo booda araada kookeeyiniitiin nan qabame. Qoricha sammuu hadoochu bitachuuf hatuun jalqabe. Maatiin keenya yeroo hunda gara waldaa kan dhaqan taʼus, ani garuu qajeelfama dhiibbaa hiriyoonni koo wanta dogoggora taʼe akkan raawwadhu na irraan geessisan dandamachuuf na gargaaru hin arganne. Yakka raawwachuu kootiin kan kaʼe yeroo baayʼee hidhameera. Jireenyi koo mancaʼaa jira ture! Dhuma irrattis mana hidhaan gale.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Bara 1997⁠tti gaaf tokko utuun mana hidhaa jiruu namni hidhame tokko Kitaaba Qulqulluu qabadhee na arge. Guyyaan isaa Ayyaana Qillee siʼa taʼu, ayyaanni kun namoota Toongaa hedduu biratti akka baayʼee qulqulluu taʼetti ilaalama ture. Innis dhaloota Kiristoos ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuu fi dhiisuu koo na gaafate; ani garuu wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hin beekun ture. Achiis dhaloota Yesuus ilaalchisee seenaa Kitaaba Qulqulluu salphaa taʼe tokko natti argisiise; anis wantoonni barsiifata Ayyaana Qillee irratti raawwataman hedduun achi irratti akka hin caqasamne nan hubadhe. (Maatewos 2:1-12; Luqaas 2:5-14) Kun na ajaaʼibsiise; wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu kan biraas yaaduun jalqabe. Namichi torban torbaniin walgaʼii Dhugaa Baatonni Yihowaa mana hidhaa sana keessatti godhan irratti argamaa ture; anis isaa wajjin deemuufan murteesse. Yeroo kanatti kitaaba Mulʼataa irratti mariʼatu turan. Wanta jedhamaa jiru akka gaariitti kanan hin hubanne taʼus, wanti isaan barsiisan hundi Kitaaba Qulqulluu irraa kan fudhatame taʼuu isaa hubadheera.

 Dhugaa Baatonni kun Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu yommuu na afeeran, afeerraa isaanii kana gammachuudhaan nan fudhadhe. Yeroo jalqabaatiif gara fuulduraatti lafti jannata akka taatu abdii Kitaabni Qulqulluun kennu nan baradhe. (Isaayaas 35:5-8) Waaqayyoon gammachiisuuf jireenya koo keessatti jijjiirama guguddaa gochuun akka na barbaachisu ifatti nan hubadhe. Amaloota koo yoon dhiisuu baadhe Yihowaan Jannata abdachiifame keessa akka na hin jiraachisne nan hubadhe. (1 Qorontos 6:9, 10) Kanaan kan kaʼes, aarii koo toʼachuu fi tamboo xuuxuu dhiisuuf, akkasumas akka malee dhugaatii alkoolii dhuguu fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu dhiisuuf nan murteesse.

 Bara 1999⁠tti adaba hidhaa natti murteeffame xumuruu koo dura, abbootiin taayitaa gara mana hidhaa kan biraatti na jijjiiran. Waggaa tokko oliif Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguu hin dandeenye. Haa taʼu malee, jijjiirama gochuu koo itti fufuuf murteesseen ture. Bara 2000⁠tti, mootummaan heyyama ani Yunaayitid Isteetis keessa jiraachuuf qabu ni haqe; achiis gara Toongaatti nan deebifame.

 Toongaattis Dhugaa Baatota Yihowaa barbaadee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo ittan fufe. Wantan barachaa ture nan jaalladhe; Dhugaa Baatonni odoola sana keessatti argaman akkuma Dhugaa Baatota Yunaayitid Isteetis keessatti argamaniitti wanta barsiisan hundumaatiif Kitaaba Qulqulluu irraa ragaa akka dhiheessan arguun koo na ajaaʼibsiise.

 Abbaan koo waldaa isaa keessatti iddoo guddaa waan qabuuf hawaasicha keessatti beekamaa ture. Kanaafuu jalqaba irratti maatiin koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuun koo bitaa itti taʼe, akkasumas isaan aarse. Booda garuu warri koo Kitaabni Qulqulluun jireenya qulqulluu akkan jiraadhu na gargaaraa akka jiru yommuu argan ni gammadan.

Akkuma dhiirota Toongaa hedduu anis torban torbaniin kaavaa dhuguudhaan saʼaatii hedduun dabarsa ture

 Jijjiirama gochuuf kan na rakkise inni tokko dhugaatii aadaa keenya keessatti baramaa taʼe tokko ture. Dhiironni Toongaa hedduun torban torbaniin kaavaa dhuguudhaan saʼaatii hedduu kan dabarsan siʼa taʼu, dhugaatiin nama hadoochu kun hidda biqiltuu barbaree irraa kan qophaaʼu ture. Anis biyyatti deebiʼee yeroo hundumaa jechuun ni dandaʼama galgala galgala gara mana dhugaatii kaavaa deemee hamman of wallaalutti dhugaatii kana dhuguu nan amaleeffadhe. Rakkina kana kan natti fide michoota ulaagaa Kitaaba Qulqulluutiif dantaa hin qabne qabaachuu koo ture. Dhuma irratti gargaarsa naaf godhameen kan kaʼe amalawwan koo kun Waaqayyoon kan gaddisiisan taʼuu isaanii nan hubadhe. Eebba Waaqayyoo argachuu fi isa biratti fudhatama argachuu akkan dandaʼutti jijjiirama nan godhe.

 Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hundumaa irratti argamuun jalqabe. Namoota Waaqayyoon gammachiisuuf yaalii godhan kanaa wajjin michummaa uumuun koo qorumsa moʼuuf na gargaareera. Bara 2002⁠tti, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeen cuuphame.

FAAYIDAA ANI ARGADHE

 Obsa Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessatti “Yihowaan . . . hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaadneef isiniif jedhee ni obsa” jedhamee ibsame irraa faayidaa argadheera. (2 Pheexiros 3:9) Inni sirna moofaa mancaʼaa taʼe kana bara dheeraa dura balleessuu akka dandaʼu beekamaa dha; haa taʼu malee, namoonni akka kootii isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka uuman gochuuf jedhee sirni kun yeroo dheeraa hammanaatiif akka turu heyyameera. Warri kaanis akkanuma akka godhan akkan isaan gargaaruuf natti fayyadamuu akka dandaʼu yaaduun koo na gammachiisa.

 Gargaarsa Yihowaatiin jireenyi koo mancaʼaa akka hin deemne gochuu dandaʼeera. Amma araada koo isa nama ajjeesuuf jedhee warra kaan irraa hatuu dhiiseera. Kanaa mannaa, namoonni kaanis michoota Yihowaa akka taʼan gargaaruuf nan yaala. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin michummaa uumuu kootiin kan kaʼe haadha manaa too Tiyaa ishii jaallatamtuu taatee wajjin wal bareera. Ilma keenya dabalatee maatiin keenya gammachuu guddaa qaba. Hundi keenya waliin taanee jireenya bara baraa jannata nagaa qabdu keessatti argamu ilaalchisee abdii Kitaabni Qulqulluun kennu warra kaan ni barsiisna.