Dhimma ijoo ta'etti seeni

Viidiyoowwan Nama Gammachiisan

Viidiyoowwan Nama Gammachiisan

‘Yihowaan wanta warri barbaadan waanuma ilaalaa jiru fakkaata.’ Yaada kana abbaa Maaleeshiyaa keessa jiraatu tokkotu viidiyoo walitti aansee baʼuu fi Become Jehovah’s Friend (Michuu Yihowaa Taʼi) jedhamu ilaalchisee dubbate.

Kutaan viidiyoo kanaa inni jalqabaa erga baʼee kaasee Dhugaa Baatonni Yihowaa viidiyoo animeeshinii walitti aansee baʼuu fi waaʼee Kaalebii fi maatii isaa ibsu qopheessaa jiru. Viidiyoon amma jw.org irratti argamu kun karaa amalaa fi hafuuraa ijoollee barsiisuuf kan qophaaʼe siʼa taʼu, barumsawwan kan akka hatuun sirrii akka hin taanee fi Waaqayyoon kadhachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsan qaba.

Kutaan viidiyoo kanaa inni jalqabaa afaanota 131n kan baʼe siʼa taʼu, ijoollee addunyaa maratti argaman gargaaraa jira.

Gammachuu Warra Viidiyoo Kana Ilaalanitti Dhagaʼame

Haati ijoollee shan qabdu tokko akkas jettee barreessiteetti: “Torbee tokko dura DVD Listen, Obey, and Be Blessed (Dhagaʼi, Ajajami Ni Eebbifamtaa) jedhamu erga argannee kaasee gara siʼa 50 ilaalleerra.”

Miilii, isheen umriin ishee waggaa 12 taʼee fi Ingilaandi keessa jiraattu, obboleessa umriin isaa waggaa 15 taʼee fi dhukkuba Daawon siindiram jedhamuun qabame qabdi. Miiliin akkas jettee barreessiteetti: “Toomaas Aayipaadii isaa irraa viidiyoo Kaaleb qaba; kanaaf mana barumsaatti hiriyoota isaatti argisiisuu dandaʼa. Faarfannaawwan achi irra jiran waan jaallatuuf, yeroo inni faarfatu obboleettiin tokko boosseetti. Kana ilaaluun baayʼee nama dinqisiisa.”

Aavaa isheen umriin ishee waggaa 8, jiʼa 9 fi guyyaa 25 akka taʼetti dubbatte, “Kaalebii fi obboleettiin isaa ijoollee barsiisuu irratti gaarii dha” jetteetti.”

Mikaayilaan akkas jettee barreessiteetti: “Umriin koo waggaa jaʼa dha. DVD Listen, Obey, and Be Blessed jedhamuuf galatoomaa. Yihowaa waan gammachiisuuf warra kootiif abboomamuu akkan qabu na barsiiseera.”

Viidiyoo Barumsa Guddaa Dabarsu

Dargaggeessi viidiyoo animeeshinii qopheessuu fi Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane viidiyoo Stealing Is Bad (Hatuun Gadhee Dha) jedhu ilaaleera. Keessumaa namoota muraasa animeeshinii qopheessaniin akka hojjetame yeroo beeku baayʼee dinqisiifateera. Akkas jedheera: “Namoota istuudiyoo animeeshinii guddaas taʼe xinnoo keessaa hojjetan waanan beekuuf, darbee darbee iddoowwan akkasiitti hojiin hojjetamu na ajaaʼibsiisa. Haataʼu malee, xumura irratti hojiin isaanii fi dadhabbiin isaanii hundi waanuma yeroo muraasaaf nama kolfisiisu tokko hojjechuu qofa taʼa. Animeeshiniin keessan garuu sammuu ijoollee kan jijjiiru, wanta gaarii fi gadhee akka adda baafatanii fi murtoo gaarii akka godhan kan gargaaru dha. Wanta kaayyoo qabuu fi namoota gargaaru hojjechaa jirtu.”

Warri ijoollee, addunyaa maratti argamanis kana irratti walii galu. Haati tokko akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Mucaan koo Kuwiin inni umriin isaa waggaa sadii taʼe, viidiyoo Gaining Jehovah’s Friendship (Michuu Yihowaa Taʼuu) jedhu daawwateera. Walakkaa faarfannaa sanaatti na ilaaluudhaan harka isaa laphee isaa irra kaaʼatee, ‘Harme, kana daawwachuun koo baayʼee na gammachiise’ naan jedhe.”