Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Dubartoota Lallaban Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Dubartoota Lallaban Qabuu?

 Eeyyee. Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi, dubartoota miliyoonaan lakkaaʼaman dabalatee lallabdoota ykn tajaajiltoota dha. Akkuma Macaafa Qulqulluu irratti dursee dubbatame, “dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa” dha.—Faarfannaa 68:11.

 Dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan fakkeenya dubartoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamanii hordofu. (Fakkeenya 31:10-31) Gumii keessatti kan hin geggeessine taʼus, bakkeetti tajaajila irratti guutummaa guutuutti hirmaatu. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluus ijoollee isaanii barsiisu. (Fakkeenya 1:8) Dubbii isaaniitiinis taʼe gocha isaaniitiin dubartoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan waan gaarii hojjechuuf yaalu.—Tiitoos 2:3-5.