Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantiiwwan Kaan Ni Kabajuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Amantiiwwan Kaan Ni Kabajuu?

 Gorsa Macaafa Qulqulluu isa “Namoota hundumaaf ulfina kennaa” jedhuuf waan ajajamnuuf, amantiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota ni kabajna. (1 Phexros 2:17) Fakkeenyaaf, biyyoota tokko tokko keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa kuma hedduutti lakkaaʼamantu argama. Haataʼu malee, namoonni siyaasaa ykn abbootiin seeraa hojii amantii kaanii akka dhorkan gochuuf hin yaallu. Akkasumas, seerawwan ulaagaa amalaafi amantii keenyarratti hundaaʼan akka baafaman dhiibbaa hin goonu. Kanaa mannaa, kabaja nuyi namoota kaanirraa argachuu barbaannu isaanitti argisiisna.—Maatewos 7:12.