Amantiin Hundi Tokko Dhaa? Hundumtuu Gara Waaqayyotti Geessuu?

Amantiin Hundi Tokko Dhaa? Hundumtuu Gara Waaqayyotti Geessuu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakki, amantiin hundi tokko miti. Kitaabni Qulqulluun amantiiwwan Waaqayyoon hin gammachiisne hedduun akka jiran ibsa. Isaanis garee guguddaa lamatti hiramu.

Garee 1ffaa: Waaqolii sobaa waaqeffachuu

 Kitaabni Qulqulluun waaqolii sobaa waaqeffachuun, “wanta waaʼee hin baafnee” ykn wanta faayidaa hin qabne akka taʼe ibsa. (Ermiyaas 10:3-5; 16:19, 20) Yihowaan a saba Israaʼel durii “Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin!” jedhee ajajee ture. (Baʼuu 20:3, 23; 23:24) Yeroo Israaʼelonni waaqolii biraa waaqeffatanitti, ‘dheekkamsi Waaqayyoo isaan irratti bobaʼee’ ture.—Lakkoobsa 25:3; Lewwoota 20:2; Abboota Firdii 2:13, 14.

 Waaqayyoo amma iyyuu waaqeffannaa ‘waaqayyolii jedhaman’ akkasiitiif dhihaatuuf ilaalchuma wal fakkaatu qaba. (1 Qorontos 8:5, 6; Galaatiyaa 4:8) Namoonni isa waaqeffachuu barbaadan hariiroo namoota amantii sobaa hordofanii wajjin qaban akka dhaaban, “Isaan gidduudhaa baʼaatii, adda of baasaa” jechuudhaan isaan ajajeera. (2 Qorontos 6:14-17) Amantiin hundi utuu tokko taʼee fi utuu gara Waaqayyotti geessu taʼee, Waaqayyo ajaja akkasii kan kennu maaliifi?

Garee 2ffaa: Karaa isa biratti fudhatama hin qabneen Waaqa dhugaa waaqeffachuu

 Yeroo Israaʼeloonni amantii fi gocha namoota waaqeffannaa sobaa hordofan irraa fudhatamanitti fayyadamanii Waaqayyoon waaqeffachuu yaalan jira ture; Yihowaan garuu amantii dhugaa amantii sobaa wajjin waliin makuuf yaaluu balaaleffateera. (Baʼuu 32:8; Keessa Deebii 12:2-4) Yesuus geggeessitoota amantii bara isaatti turan akkaataa isaan Waaqayyoon itti waaqeffatan ilaalchisee isaan ceephaʼee ture; yommuu bakkeedhaan ilaalaman namoota amantii fakkaatu, garuu “wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti [ilaalu]” turan.—Maatewos 23:23.

 Haaluma wal fakkaatuun harʼas, namoota gara Waaqayyootti kan geessu amantii dhugaa irratti hundaaʼe qofa dha. Dhugaan kun immoo Kitaaba Qulqulluu keessatti argama. (Yohaannis 4:24; 17:17; 2 Ximotewos 3:16, 17) Barumsawwan amantii, dhugaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessan namoota Waaqayyo irraa kan fageessani dha. Barumsawwan hedduun namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti akka argaman yaadan, Sillaasee, lubbuun hin duutu, akkasumas bara baraaf ibiddaan gubachuu kan dabalatan siʼa taʼan, isaanis namoota waaqa sobaa waaqeffatan irraa kan fudhatamani dha. Barumsawwan Ulaagaalee Waaqayyoo duudhaawwan amantiitiin waan bakka buusuuf, waaqeffannaan barumsawwan akkasii babalʼisu faayidaa hin qabu.—Maarqos 7:7, 8.

 Waaqayyo fakkeessaa amantii keessatti raawwatamu ni jibba. (Tiitoo 1:16) Amantiin tokko namoota Waaqayyotti akka dhihaatan gargaaruuf, jireenya guyyaa guyyaa isaan qaban irratti jijjiirama fiduu qaba malee, barsiifataan qofa kan raawwatamu taʼuu hin qabu. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni tokko Waaqayyoon akka waaqeffatu kan yaadu taʼus, arraba isaa kan hin toʼanne yoo taʼe inni garaa isaa gowwoomsa, waaqeffannaan isaas faayidaa hin qabu. Akka ilaalcha Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan qulqulluu taʼee fi xurii hin qabne isa kana: Ijoollee warra hin qabnee fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan rakkina isaanii irratti gargaaruu, akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha.” (Yaaqoob 1:26, 27) ‘Waaqeffannaa qulqulluu’ jechuun waaqeffannaa fakkeessaa of keessaa hin qabne jechuu dha.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.