Dhimma ijoo ta'etti seeni

Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa Amantii Ameerikaatti Argamu Tokkorraa Citee?

Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa Amantii Ameerikaatti Argamu Tokkorraa Citee?

 Waajjirri muummee keenya Yuunaayitid Isteetis oov Ameerikaatti argama. Haataʼu malee, sababiiwwan armaan gadiirratti hundoofnee garee amantii Ameerikaadhaa dhufne akka hin taane dubbachuu dandeenya:

  •   Dhugaa Baatonni Yihowaa dhaabbata amantii garabiraa keessaa citanii kan baʼan miti. Kanaa mannaa, amantii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture deebisnee akka hundeessine nutti dhagaʼama.

  •   Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 230 ol keessatti hojii lallabaarratti hirmaatu. Eessayyuu yoo jiraanne, iddoo guddaa kan kenninu mootummaa Yunaayitid Isteetisiif ykn mootummaa ilmaan namootaa kan biraaf utuu hin taʼin, Yihowaafi Yesus Kiristosiifidha.—Yohannis 15:19; 17:15, 16.

  •   Barumsi keenyaa hundi kan hundaaʼe, Macaafa Qulqulluurratti malee wanta geggeessaan amantii Yunaayitid Isteetis keessatti argamu tokko barreesserratti miti.​—1 Tasaloniiqee 2:13.

  •   Geggeessaan keenya nama utuu hin taʼin Yesus Kiristosidha.​—Maatewos 23:8-10.