Dhimma ijoo ta'etti seeni

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | ELIYAAS

Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera

Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera

 Eliyaas Ahaab Mootichi akka duʼe dhagaʼeera. Raajichi maanguddoon kun, areeda isaa qaqqabaa, asii fi achi ilaalaa haala waggoota hedduudhaaf mooticha hamaa kanaa wajjin dabarse yommuu yaadu yaadaan ilaaluu dandeenya. Eliyaas ciminaan jabaatee dhaabbateera! Doorsifameera; akka bineensaattis adamsameera; duʼaaf illee saaxilameera. Kun hundi kan isa irra gaʼe Ahaabii fi Iizaabel mootittii irraa ti. Ahaab, Iizaabel mootittiin raajota Yihowaa hedduu ajjeesisuuf yommuu ajaja dabarsitu dhaabsisuuf carraaqqii hin goone. Haati manaa fi abbaan manaa kun sassatoo taʼuu isaanii irraa kan kaʼe, Naabot isa nama qajeelaa taʼee fi balleessaa hin qabne akkasumas ilmaan isaa ajjeesisuudhaan jalʼina irratti raawwataniiru. Eliyaas immoo ergaa murtii Yihowaan Ahaabii fi mootummaa isaa balaaleffachuudhaan dubbate dabarse. Amma wanti Waaqayyo dubbates raawwatamuuf jedha. Ahaab akkuma Yihowaan dursee dubbatetti duʼe.—1 Mootota 18:4; 21:1-26; 22:37, 38; 2 Mootota 9:26.

 Eliyaas jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufuu akka qabu beeka ture. Iizaabel ammas lubbuudhaan jirti, akkasumas maatii ishii fi biyyicha irratti gocha suukanneessaa taʼe raawwachuu ishii itti fufteetti. Eliyaas rakkooleen hedduun kan isa eeggatan yommuu taʼu, Elsaaʼi isa hidhata isaa taʼee fi yeroo booda bakka isaa buʼu wanta barsiisu baayʼee qaba. Mee hojii Eliyaas xumura irratti raawwachuu qabu sadii haa ilaallu. Eliyaas jabaatee dhaabbachuuf amantiin isaa akkamitti akka isa gargaare yommuu ilaallutti, nutis yeroo rakkisaa keessa jirru kanatti amantii keenya jabeeffachuun gaarii akka taʼe hubachuu dandeenya.

Ahaaziyaa Irratti Ergaa Murtii Dabarsuu

 Ahaaziyaan inni ilma Ahaabii fi Iizaabel taʼe, amma Israaʼel irratti mootii taʼeera. Gowwummaa warra isaa irraa barachuu mannaa, daandii hammeenyaa isaanii hordofeera. (1 Mootota 22:52) Ahaaziyaan akkuma warra isaa Baʼaaliin waaqeffate. Waaqeffannaan Baʼaal, amantii namoonni wantoota gadhee taʼan akka raawwatan, fakkeenyaaf mana qulqullummaa keessatti ejja akka raawwatanii fi ijoollee aarsaa akka godhan jajjabeessu dha. Ahaaz daandii isaa kana irraa akka deebiʼuu fi sabni isaa karaa dogoggoraa kana irraa akka deebiʼan gochuuf wanti isa kakaasu jiraa laata?

 Mootii dargaggeessa quufaa taʼe kana irra balaan akka tasaa ni gaʼe. Kutaa mana isaa isa baaxii irra jiru irraa kufee baayʼee miidhame. Balaan cimaan lubbuu isaa galaafatu irra gaʼu illee, gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti hin deebine. Kanaa mannaa, fayyuudhaaf abdii qabaachuu isaa akka isaaf gaafataniif gara Eqroon ishii magaalaa Filisxeem taatee fi diina isaanii taateetti, namoota isaa erguudhaan waaqa isaanii Baʼaal Zebub jedhamu akka isaaf gaafatan godhe. Yihowaan haala kanatti baayʼee waan gaddeef, Eliyaas namoota kanatti akka dubbatuuf maleekaa tokko gara isaatti erge. Eliyaasis ergaa rifachiisaa taʼe mootichatti akka himan namoota kana deebisee erge. Ahaaziyaan, cubbuu cimaa Israaʼel Waaqa akka hin qabnetti lakkoofsisu hojjeteera. Yihowaan, Ahaaziyaan siree dhukkubsatee irra ciisu irraa matumaa akka hin kaane murteesseera.—2 Mootota 1:2-4.

 Ahaaziyaan, yaada garaa isaa jijjiirrachuu mannaa, “Namichi karaatti isinitti dhufee, kana isinitti dubbate nama attamii ture?” jedhee isaan gaafate. Namoonni kunis uffata salphaa raajiin tokko uffatu ibsuudhaan kan deebisaniif yommuu taʼu, Ahaaziyaanis battalumatti, ‘Inni Eliyaasi!’ jedhe. (2 Mootota 1:7, 8) Eliyaas, uffata rifeensaʼaa uffateen qofa adda baafamee beekamuun isaa, jireenya salphaa taʼee fi Waaqayyo tajaajiluu irratti xiyyeeffate jiraachaa akka ture kan argisiisu dha. Ahaaziyaa ykn warri isaa sassatoo fi qabeenya horachuu irratti kan xiyyeeffatan waan taʼaniif, wanti haala akkasiitiin akka beekaman isaan godhu akka hin jirre ifa dha. Fakkeenyi Eliyaas yeroo harʼaatti gorsa Yesuus hojii irra oolchuudhaan ijji keenya wanta barbaachisaa taʼe qofa irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan jireenya salphaa jiraachuu akka qabnu kan nu yaadachiisu dha.—Maatewos 6:22-24.

 Ahaaziyaan haaloo baʼuuf, Eliyaasiin akka qabaniif loltoota 50 ajajaa isaanii wajjin erge. Eliyaas “roggee tulluu irra taaʼee utuu jiruu” a ajajaan loltootaa kun, haala isa ajjeesisuuf akka yaadame argisiisuun maqaa mootichaatiin, “Kottuu gad buʼi” jedhee isa ajaje. Mee yaadaa! Loltoonni kun, Eliyaas “nama Waaqayyoo” taʼuu isaa kan beekan taʼu illee, humnaa fi doorsisatti fayyadamuun sirrii akka taʼe yaadaniiru! Namoonni kun baayʼee dogoggoraniiru! Eliyaas, “Yoo ani nama Waaqayyoo taʼeef, ibiddi waaqa irraa gad buʼee, sii fi loltoota kee shantamman xaph haa godhu!” jechuudhaan ajajichatti dubbate. Waaqayyos tarkaanfii fudhate. Achiis ‘ibiddi waaqa irraa gad buʼee, isaa fi loltoota isaa shantamman xaph in godhe.ʼ (2 Mootota 1:9, 10) Badiisni gaddisiisaan loltoota kana irra gaʼe, Yihowaan namoonni tajaajiltoota isaa yommuu tuffatan ykn salphisan akka laayyootti kan hin ilaalle taʼuu isaa ifatti kan mulʼisu dha.—1 Seenaa 16:21, 22.

 Ahaaziyaan ammas namoota 50 ajajaa isaanii wajjin erge. Ajajaan inni lammaffaan kun isa jalqabaa caalaa nama dantaa hin qabne dha. Namoota 51 duʼanii fi tarii daaraa isaanii tulluu biratti arguu dandaʼu irraa illee hin baranne. Kana malees, jecha tuffii ajajaan inni jalqabaa “kottuu gad buʼi!” jechuudhaan Eliyaasitti dubbate irra deebiʼuu qofa utuu hin taʼin jecha “dafii” jedhus itti dabalee dubbateera. Kun gowwummaa akkamiiti! Haaluma loltoota jalqabaa wajjin wal fakkaatuun, innii fi namoonni isaa lubbuu isaanii dhaban. Caalaatti immoo kan nama ajaaʼibsiisu gowwummaa mootichaa ti. Mootichi yaada isaatti cichuudhaan yeroo sadaffaadhaaf kutaa loltootaa erge. Gaarummaan isaa ajajaan sadaffaan kun nama hubannaa qabu dha. Gad of deebisuudhaan Eliyaasitti kan dhihaate siʼa taʼu, innii fi namoonni isaa akka hin ajjeefamne kadhate. Deebiin Eliyaas ajajaa gad of deebisu kanaaf kenne gara laafina Yihowaa akka calaqqisiisu hin shakkisiisu. Maleekaan Yihowaas, Eliyaas loltoota kanaa wajjin akka deemu itti dubbate. Eliyaas ajajamuudhaan, irra deebiʼee murtii Yihowaan mooticha hamaa sanatti murteesse itti hime. Yihowaan akkuma dubbate Ahaaziyaan ni duʼe. Mootii taʼee kan bulches waggaa lamaaf qofa dha.—2 Mootota 1:11-17.

Eliyaas ajajaa gad of deebisetti gara laafina Yihowaa argisiiseera

 Eliyaas namoonni naannoo isaa jiraatan mata jabeeyyii fi finciltoota taʼanis jabaatee dhaabbachuu kan dandaʼe akkamitti? Gaaffiin kun yeroo harʼaattis akka gaariitti kan hojjetu dha. Mitii? Namni isin baayʼee yaaddaniif tokko wanta gaarii isin itti himtan dhagaʼuu diduudhaan karaa badiisatti geessu irra deddeebiʼuu isaa itti fufuu isaatiin kan kaʼe abdii kutattanii beektuu? Wanta abdii nama kutachiisu akkasii obsaan dandaʼuu kan dandeenyu akkamitti? “Roggee tulluu” bakka loltoonni Eliyaasiin itti argatan irraa wanti barannu jira. Sababii Eliyaas bakka kana itti dhaqe beekuu baannus, Eliyaas kadhannaa gochuudhaan waan beekamuuf, bakki kun iddoo kophaa isaa taʼuudhaan Waaqa isaa isa jaallatamaatti kadhannaadhaan dhihaachuuf mijatu akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yaaqoob 5:16-18) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis yeroo hunda kophaa keenya taanee maqaa isaa waammachuudhaan, Waaqayyotti yaaddoo fi dhiphina keenya himachuuf yeroo ramaduu qabna. Akkana gochuun, namoonni naannoo keenya jiran dantaa kan hin qabne yommuu taʼanii fi daandii badiisa geessisu irra yommuu deddeebiʼan jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.

Uffata Dabarsuu

 Amma yeroon Eliyaas itti gaafatamummaa isaa itti dhaabu gaʼeera. Mee wanta inni godhe qalbeeffadhaa! Elsaaʼi fi inni magaalaa Giilgal keessaa yommuu baʼanitti, Eliyaas kophaa isaa Betʼel ishii gara kiiloo meetira 11 fagaattu hanga gaʼutti Elsaaʼi achuma akka turu gorse. Elsaaʼi garuu, “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti, duʼa lubbuu keetii tis, ani si biraa hin hafu!” jechuudhaan deebiseef. Lamaanuu erga Betʼeliin gaʼanii booda, Eliyaas kophaa isaa gara Yerikoo ishii kiiloo meetira 22 fagaattuu akka deemu Elsaaʼitti hime. Ammas Elsaaʼi matumaa akka isa biraa hin hafne ibseef. Yeroo sadaffaadhaaf, Yerikoo erga gaʼanii booda Laga Yordaanos isa gara kiiloo meetira 8 fagaatu ceʼanii adeemuu isaanii dura, ammas irra deebiʼee matumaa Eliyaas biraa akka hin hafne ibse!—2 Mootota 2:1-6.

 Eliyaas amala baayʼee barbaachisaa taʼe jechuunis, jaalala amanamaa argisiisaa ture. Kunis jaalala wanta jaallatan tokkotti cichuu fi dhiisanii deemuu diduu isa kan akka Ruut Naaʼomiitti argisiistee wajjin tokko dha. (Ruut 1:15, 16) Yeroo harʼaas, tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi yeroo kam iyyuu caalaa amala akkasii qabaachuu barbaadu. Maarree akkuma Eliyaas barbaachisummaan amala kanaa ifatti nutti mulʼataa?

 Eliyaas jaalala amanamaa dargaggeessi hidhata isaa taʼe kun argisiise yommuu argetti jajjabina guddaa argatee taʼuu qaba. Kanaan kan kaʼes, Elsaaʼi dinqii xumuraa Eliyaas hojjete arguuf mirga argateera. Qarqara Laga Yordaanos bakka bishaan isaa saffisaan yaaʼuu fi gad fageenya qabutti, Eliyaas uffata isaatiin bishaanicha rukute. Bishaanichis ni hirame! Akkasumas, ‘kutata raajotaa keessaa namoonni shantamni’ dinqii kana ilaalaniiru; namoonni kun biyyicha keessatti waaqeffannaa dhugaa babalʼisuu irratti dursa fudhachuuf leenjii fudhachaa kan jiran taʼuu hin oolan. (2 Mootota 2:7, 8) Eliyaas immoo leenjii kennamu kana hordofaa ture taʼa. Waggoota muraasa dura, yeroo Eliyaas namni amanamaan biyyicha keessatti hafe isa qofa akka taʼe itti dhagaʼame jira ture. Yeroo sanaa kaasee, Yihowaan waaqeffattoonni isaa hedduun akka jiran Eliyaas ija isaatiin akka argu gochuudhaan jabaatee dhaabbachuu isaatiif isa eebbiseera.—1 Mootota 19:10.

 Yordaanosiin erga ceʼanii booda Eliyaas, Elsaaʼin, “Utuun si duraa hin fudhatamin, wanta ani siif gochuu dandaʼu anatti himadhu!” jedheen. Eliyaas yeroon inni itti deemu akka dhihaate beeka ture. Mirgootaa fi beekamummaa michuun isaa dargaggeessa taʼe kun gara fuulduraatti argatutti hin hinaafne. Kanaa mannaa, Eliyaas wanta isaaf dandaʼame hunda gochuudhaan isa gargaaruuf hawwii guddaa qaba. Elsaaʼi garuu, “Hadaraa, hafuura kee keessaa harka lama akkan argadhu anaaf godhi!” isaan jedhe. (2 Mootota 2:9) Elsaaʼi akkana kan jedhe hafuura qulqulluu Eliyaas argate irra harka lama argachuu barbaadee miti. Kanaa mannaa, dhaala seerichi ilma angafaatiif qabeenyi harki lama akka kennamuuf dubbatu wajjin wal fakkaatu gaafachuu isaa ture. Kunis angafni sun itti gaafatamummaa haaraa mataa maatii taʼuudhaan qabu baʼuuf isa gargaara ture. (Keessa Deebii 21:17) Gama hafuuraatiin dhaaltuu Eliyaas waan taʼeef, hojii raawwatuuf hafuurri ija jabinaa Eliyaas akka isa barbaachisu hubatee taʼuu dandaʼa.

 Eliyaas gad of qabuudhaan deebii isaa Yihowaadhaaf dhiise. Yihowaan, Elsaaʼi Waaqayyo yommuu inni raajicha maanguddoo taʼe kana fudhatu akka argu yoo godhe, Waaqayyo wanta Elsaaʼi gaafate kana ni kennaaf jechuu dha. Utuma baayʼee hin turin, michoonni yeroo dheeraa waliin turan kun “utuu isaan walii wajjin haasaʼaa adeemuutti jiranii” wanti dinqisiisaan tokko ni raawwatame!—2 Mootota 2:10, 11.

Michummaan Eliyaasii fi Elsaaʼi yeroo rakkoowwan isaan mudatanitti jabaatanii dhaabbachuuf akka isaan gargaare beekamaa dha

 Ifni cimaan tokko samii irratti mulʼachuudhaan gara isaanitti dhihaachaa deeme. Wanti kun, sagalee qilleensaa guddaa akka tasaa dhufu, qaama ifa guddaa qabuu fi jara kana lamaanitti dhufaa jiru, tarii akka addaan baʼanii fi sodaadhaan gara duubaatti akka deeman kan isaan taasisu akka taʼe tilmaamuu dandeenya. Wanti isaan argan kun konkolaataa fi gaarii fardaa akka waan ibidda irraa tolfamanii calaqqisani dha. Eliyaas yeroon inni itti deemu akka gaʼe beekee ture. Konkolaataa kana ni yaabbataa laata? Kana ilaalchisee seenaan kun wanta ibsu hin qabu. Kanas taʼe sana, Eliyaas ol kaʼaa, samiitti ol sokkaa, qilleensa jabaadhaanis ol fudhatamaa deemeera.

 Elsaaʼi dinqisiifannaa guddaadhaan ilaalaa ture. Elsaaʼi wanta ajaaʼibsiisaa taʼe kana waan argeef, Yihowaan hafuura ija jabinaa Eliyaas keessaa “harka lama” akka isaaf kennu beekeera. Haa taʼu malee Elsaaʼi baayʼee waan gaddeef waaʼee kanaa yaaduu dhiisuu dandaʼa. Michuun isaa yeroo dheeraa wajjin turan kun eessa akka deemu hin beeku, taʼus, deebiʼee Eliyaas nan arga jedhee hin eegne taʼa. Elsaaʼi, “Yaa abbaa ko! Yaa abbaa ko! Yaa isa konkolaattota Israaʼel taate, yaa isa abboota fardeenii Israaʼel taate” jedhee iyye. Elsaaʼi gorsaan isaa jaallatamaan kun isa irraa fagaatee waan deemeef gaddee uffata isaa tarsaase.—2 Mootota 2:12.

 Eliyaas yommuu samiitti ol sokkaa jiru kanatti michuun isaa dargaggeessa taʼe kun gaddaan yommuu iyyu dhagaʼeeraa laata? Tarii innis booʼeraa laata? Kanas taʼe sana, michuu akkasii qabaachuun isaa haala rakkisaa isa mudatan tokko tokko keessatti jabaatee dhaabbachuuf akka isa gargaare sirriitti beeka. Fakkeenyi Eliyaas, namoota Waaqayyoon jaallatanii fi fedhii isaa raawwachuu barbaadan wajjin michoota taʼuu akka qabnu nu barsiisa.

Yihowaan Eliyaas hojii haaraa akka hojjetuuf iddoo biraatti isa jijjiire

Hojii isa Xumuraa

 Eliyaas sana booda eessa dhaqe laata? Amantiiwwan tokko tokko Waaqayyo wajjin taʼuuf gara samiitti akka ol fudhatame barsiisu. Kun garuu wanta taʼuu hin dandeenye dha. Waggoota hedduu booda, Yesuus Kiristoos gara lafaa dhufuu isaa dura homtuu gara samiitti akka ol hin baane dubbateera. (Yohaannis 3:13) Kanaafuu, “Eliyaas qilleensa jabaadhaan gara waaqaatti ol in sokke” jennee yommuu dubbisnu, ‘Samii isa kam?’ jechuudhaan gaafachuu qabna. (2 Mootota 2:11) Kitaabni Qulqulluun jecha samii ykn “waaqa” jedhu bakka Yihowaan jiraatu qofa utuu hin taʼin, naannoo qilleensaa lafa marse, jechuunis bakka duumessi jiruu fi simbirroonni keessa balaliʼan argisiisuufis itti fayyadama. (Faarfannaa 147:8) Eliyaas kan ol baʼe gara samii ykn waaqa ijaan mulʼatu kanaatti dha. Achii booda hoo?

 Yihowaan raajii jaallatamaa taʼe kana naannoo mootummaa Yihudaatti dhihoo jirutti jijjiiruudhaan hojii haaraa kenneef. Kitaabni Qulqulluun, Eliyaas bakka kanatti tarii waggaa torbaa oliif hojjechaa akka ture ibsa. Yeroo sana Yihudaa kan bulchu Yoraam Mooticha isa hamaa ture. Mootiin kun intala Ahaabii fi Iizaabel waan fuudheef dhiibbaa hamaan isaanii amma iyyuu itti fufeera. Yihowaan Eliyaas xalayaa ergaa murtii qabate Yoraamiif akka barreessu isa ajaje. Akkuma raajiidhaan dubbatame Yoraam haala suukanneessaa taʼeen duʼe. Seenaan isaa, “Yeroo inni duʼe namni isaaf hin gaddine” jechuudhaan xumura.—2 Seenaa 21:12-20.

 Namicha hamaa kanaa fi Eliyaas gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Eliyaas akkamitti ykn yoom akka duʼe wanti beeknu hin jiru. Haa taʼu malee akka Yoraamitti akka inni hin duune, duʼa isaattis homtuu akka hin gaddine beekna. Elsaaʼi michuu isaa waan dhabeef baayʼee gaddeera! Raajota amanamoo kaanittis akkas akka dhagaʼame hin shakkisiisu. Yihowaan, gara waggoota 1,000 booda mulʼata jijjiiramuu Yesuus keessatti raajiin jaallatamaan kun akka caqasamu gochuun isaa, amma iyyuu Eliyaasiif bakka guddaa akka kennu argisiisa. (Maatewos 17:1-9) Eliyaas irraa barachuudhaan amantii rakkoowwan si mudatan illee jabaattee dhaabbachuuf si gargaaru horachuu ni barbaaddaa? Taanaan namoota Waaqayyoon jaallatan wajjin michoomuu, jireenya kee keessatti wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu fi yeroo hunda kadhannaa garaa irraa madde dhiheessuu hin dagatin. Atis garaa Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe keessatti iddoo dhaabbataa taʼe akka argattu hawwii keenya dha!

a Hayyoonni tokko tokko tulluun as irratti caqasame, Tulluu Qarmelos bakka itti Waaqayyo waggoota muraasa dura Eliyaas raajota Baʼaal akka moʼu godhe akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun tulluu isa kam akka taʼe hin dubbatu.