Faarfannaa 147:1-20

  • Hojiiwwan Waaqaa warra jaalala isaa fi jabina isaa argisiisan jajachuu

    • Inni warra garaan isaanii cabe ni fayyisa (3)

    • Urjiilee hundumaa maqaadhaan waama (4)

    • Cabbii akkuma rifeensa hoolaatti ni erga (16)

147  Yaahiin jajadhaa!* Waaqa keenyaaf faarfannaa galataa faarfachuun* gaarii dha;Isa jajachuun nama gammachiisa, sirrii dhas!+   Yihowaan Yerusaalemiin ni ijaara;+Inni jiraattota Israaʼel warra bittinneeffaman walitti ni qaba.+   Warra garaan isaanii cabe* ni fayyisa;Madaa isaaniis isaaniif ni hidha.   Inni lakkoofsa urjiilee beeka;Hunda isaaniis maqaadhaan ni waama.+   Gooftaan keenya guddaa dha, humni isaas jabaa dha;+Hubannaan isaa bira gaʼamuu kan hin dandeenye dha.+   Yihowaan garraamota ol ni kaasa,+Hamoota garuu lafatti darbata.   Galateeffannaadhaan Yihowaa faarfadhaa;Waaqa keenyaaf baganaadhaan faarfannaa galataa faarfadhaa;   Inni samiiwwan duumessootaan ni uwwisa,Lafaaf bokkaa ni kenna,+Gaarota irratti marga ni biqilcha.+   Inni horiiwwaniif,Arraagessota xixinnoo nyaata argachuuf iyyaniifis nyaata ni kenna.+ 10  Inni humna fardaatti hin gammadu;+Miilli namaa inni cimaa taʼes isa hin dinqisiisu.+ 11  Yihowaan warra isa sodaatanitti,Warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatanitti ni gammada.+ 12  Yaa Yerusaalem, Yihowaadhaaf ulfina kenni. Yaa Xiyoon, Waaqa kee jajadhu. 13  Inni danqaraawwan karra magaalaa keetii ni cimsa;Ilmaan kee warra si keessatti argaman ni eebbisa. 14  Naannoo keetiif nagaa ni fida;+Qamadii hunda caalaa baʼeessa taʼeenis* si quubsa.+ 15  Inni ajaja isaa gara lafaatti erga;Dubbiin isaas saffisaan fiiga. 16  Cabbii akkuma rifeensa hoolaatti ni erga;+Fixeensa cabbaaʼes akkuma daaraatti bittinneessa.+ 17  Cabbiiwwan guguddaa akkuma caccabaa daabbootti gad dadarbata.+ Qorra isaa dura eenyutu dhaabbachuu dandaʼa?+ 18  Dubbii isaa ni erga, isaanis ni baqu. Bubbeen isaa akka bubbisu godha,+ bishaanonnis ni yaaʼu. 19  Dubbii isaa Yaaqoobitti,Dambiiwwan isaa fi murtiiwwan isaas Israaʼelitti ni labsa.+ 20  Inni saba kan biraa kamiif iyyuu akkana hin goone;+Isaan waaʼee murtiiwwan isaa homaa hin beekan. Yaahiin jajadhaa!*+

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa qopheessuun.”
Ykn., “gadde.”
Kal., “Cooma qamadiitiinis.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.