Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhiiga Fudhachuu Ilaalchisee Wanta Doktooronni Jedhan

Dhiiga Fudhachuu Ilaalchisee Wanta Doktooronni Jedhan

Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga fudhachuu diduusaaniitiin kan kaʼe waggoota hedduudhaaf balaaleffatamaa turaniiru. Tarkaanfii isaan gorsa Macaafa Qulqulluu isa ‘dhiigattii fagaadhaa’ jedhuuf ajajamuudhaan fudhatan kun, yeroo tokko tokko yaada doktooronni mala yaalii fayyaa filatamaa isaan namoota dhukkubsataniif ittiin kennan akka taʼetti ilaalanii wajjin wal rukutaa tureera.​​—Hojii Ergamootaa 15:29, hiika bara 1899.

Haataʼu malee, dhiiga kennuu dhiisuudhaan mala yaalii fayyaa garabiraatti fayyadamuuf sababiiwwan quubsaa taʼan akka jiran ogeessonni yaalii fayyaa gama kanaan muuxannoo qaban addeessaa jiru.

Barreeffamni Stanford Medicine Magazine jedhamuu fi barruu Mana Barumsaa Yaalii Fayyaa Istaanfordi Yunivarsiitii taʼe, Arfaasaa bara 2013tti dhiiga ilaalchisee maxxansa addaa qabatee kan baʼe yommuu taʼu, mata duree, “Faallaa Barsiifata Beekamaa Taʼee Deemuu​—Dhiiga Fudhachuun Gatii Dhabaa Kan Deeme Maaliifi?” jedhu baasee ture. Barreessaa mata duree kanaa kan taate Seeraa Wiiliyaamsi akkas jetteetti: “Waggoota hedduu darbanitti qorattoonni manneen yaalaa addunyaa maratti argaman keessaa hojjetan, dhukkubsattoota gargaaruuf manneen yaalaattis taʼe dhaabbata hospitaalaa wajjin hojjetu keessatti hanga barbaachisuun ol dhiigni baayʼinaan kan hojii irra oolu taʼuu isaa bira gaʼaniiru.”

Seeraan, Paatiriishaa isa Meedikaal Doktoor, akkasumas hospitaala Pensilvaaniyaatti hundeessaa fi qindeessaa ‘The Center for Bloodless Medicine and Surgery’ taʼe caqasteetti. Doktoor Foordi akkas jedheera: “Wanti ogeessota fayyaa biratti baramaa taʼe dhukkubsataan tokko dhiiga hin fudhatu taanaan ni duʼa, lubbuu baraarsuudhaaf wanti dhiigaan qixxaatu hin jiru . . . Yaanni kun haalawwan tokko tokko keessatti kan hojjetu taʼus, a haalawwan baayʼee keessatti garuu dhukkubsattoota hedduudhaaf hin hojjetu.”

Doktoor Foordi inni waggaa waggaadhaan Dhugaa Baatota Yihowaa gara 700 taʼaniif yaalii fayyaa godhu akkas jedheera: “Ogeessonni fayyaa ani maree wajjin godhe hedduun, yaada dogoggoraa dhukkubsattoonni dhiiga hin fudhatan taanaan matumaa fayyuu hin dandaʼan jedhu qabu . . . Ani iyyuu yeroo tokko tokko akkas natti dhagaʼama ture. Haataʼu malee, malawwan tokko tokkotti fayyadamuudhaan dhukkubsattoota sana gargaaruun akka dandaʼamu yeroo booda hubadheera.”

Hagayya bara 2012tti barruun Archives of Internal Medicine jedhamu qorannoo yaalii onnee baqaqsanii hodhuu waggoota 28 keessatti godhame qabatee baʼee ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota dhibee kan isaanii wajjin wal fakkaatu qabanii fi dhiiga fudhachuudhaan yaalaman dura dafanii fayyaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota dhiiga fudhatanii wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu, hospitaala keessatti rakkinni hedduun isaan hin mudatu, dafanii fayyu, akkasumas yaalii godhameef sana booda namoota dhiiga fudhatan caalaa gara waggaa 20 jiraachuu dandaʼu.

Mata dureen gaazexaa The Wall Street Journal jedhamuu fi Ebla 8, 2013 baʼe irratti argamu akkas jedheera: “Sababa ejjennoo amantii isaaniitiin kan kaʼe namoota dhukkubsatanii dhiiga fudhachuu hin barbaanneef waggoota hedduudhaaf yaaliin fayyaa dhiiga malee baqaqsanii walʼaanuu godhamaa tureera. Malli yaalii kun yeroo ammaa hospitaalota hedduu keessatti caalaatti fudhatama argachaa jira . . . Ogeessonni dhiiga malee yaalii fayyaa kennuudhaan muuxannoo qaban akka dubbatanitti malli yaalii fayyaa kun dhiiga bituu, kuusuu, akka kutaa kutaa isaatti gargar baasuu, qorachuu fi dhukkubsataaf kennuu wajjin haala wal qabateen baasiiwwan kan hirʼisu taʼuu isaa irra iyyuu, dhukkuboota karaa dhiigaa daddarbanii fi rakkoowwan wal xaxaa taʼan namoonni dhukkubsatan yeroo dheeraadhaaf hospitaala akka turan godhu hambisuuf gargaara.”

Hogganaa dhiigaa Kiliinika Kiliivlaandi kan taʼan Roobarti Looreensi akka armaan gadii jechuun isaanii nama hin ajaaʼibsiisu: “Nama dhukkubsateef yommuu dhiiga kennitan dhukkubsataa sana akka gargaartan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa . . . Ragaaleen qorannoo yeroo dheeraadhaaf geggeeffamanii garuu faallaa kanaa argisiisu.”

a Dhiiga ilaalchisee ejjennoo Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban baruuf mata duree, “Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman​—Maaliif Dhiiga Hin Fudhattan?” jedhu ilaali.