Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Warri Keenya Yommuu Dullooman Kunuunsuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Warri Keenya Yommuu Dullooman Kunuunsuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Ijoolleen gaʼeessota taʼan warri isaanii yommuu dullooman kunuunsi akka isaaniif godhamu gochuu irratti itti gaafatamummaa guddaa qabu. Kitaabni Qulqulluun ijoolleen gaʼeessota taʼan, ‘Waaqayyo duratti fudhatama waan qabuuf, jalqaba maatii ofii isaanii keessatti Waaqayyoof akka bulan argisiisuu, akkasumas wanta warra isaaniitiif malu deebisanii kaffaluu’ akka qaban dubbata. (1 Ximotewos 5:4) Ijoolleen gaʼeessota taʼan warra isaanii dullooman yommuu kunuunsan, qajeelfama Kitaabni Qulqulluun warra isaaniitiif ulfina akka kennan ajaju raawwachaa jiru.—Efesoon 6:2, 3.

 Kitaabni Qulqulluun akkaataa warra ofii dulloomaniif kunuunsi itti godhamu ilaalchisee qajeelfama akkana taʼuu qaba jedhu hin kennu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota amantii qabanii fi akkana godhanii ibsa. Kana malees gorsa namoota kunuunsa godhan gargaaruu dandaʼu ni kenna.

 Bara duriitti miseensonni maatii tokko tokko warra isaanii dulloomaniif kunuunsa kan godhan akkamitti?

 Namoonni kun akkuma haala isaatti karaawwan adda addaatiin kana raawwataniiru.

  •   Yoseef abbaa isaa Yaaqoob isa maanguddoo taʼe irraa fagaatee jiraata ture. Yoseef yommuu kana gochuu dandaʼutti Yaaqoob isatti dhihaatee akka jiraatu qophii godheera. Achiis abbaa isaatiif mana ijaareera, isa sooreera, akkasumas eegumsa isaaf godheera.—Uumama 45:9-11; 47:11, 12.

  •   Ruut gara biyya amaatii ishii kan deemte siʼa taʼu, ishii kunuunsuufis dhamaatee hojjetteetti.—Ruut 1:16; 2:2, 17, 18, 23.

  •   Yesuus, duʼuu isaa yeroo muraasa dura, nama haadha isaa Maariyaamiif kunuunsa godhu ramadeera; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti ishiin yeroo sanatti dubartii abbaan manaa irraa duʼe turte.—Yohaannis 19:26, 27. a

 Kitaabni Qulqulluun warra kunuunsa godhaniif gorsa hojii irra ooluu dandaʼu akkamii kenna?

 Warra dullooman kunuunsuun karaa qaamaas taʼe karaa miiraa nama dadhabsiisuu dandaʼa, Kitaabni Qulqulluun dhugaawwan buʼuuraa rakkoowwan yeroo tokko tokko namoota kunuunsa godhan mudatan dandamachuuf gargaaran qabateera.

  •   Warra keessaniif ulfina kennaa.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha?: “Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!”—Baʼuu 20:12.

     Dhugaa buʼuuraa kana hojii irra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti?: Warri keessan hamma dandaʼan jireenya isaanii akka barbaadanitti akka geggeessan isaaniif heyyamuudhaan ulfina isaaniif kennaa. Hamma dandaʼametti kunuunsa isaaniif godhamu ilaalchisee murtoo mataa isaanii akka godhan isaaniif heyyamaa. Akkasumas isaan gargaaruuf wanta gochuu dandeessan gochuudhaan ulfina isaaniif kennaa.

  •   Miira isaanii kan hubattanii fi dhiifama kan gootan taʼaa.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha?: “Hubataa taʼuun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti.”—Fakkeenya 19:11.

     Dhugaa buʼuuraa kana hojii irra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti?: Warra keessan maanguddoo taʼan keessaa tokko wanta gaarii hin taane yoo dubbate ykn kunuunsa gochaa jirtaniif dinqisiifannaa argisiisuu yoo baate, ‘Ani utuun haala akkasii keessa taʼee maaltu natti dhagaʼama ture?’ jedhaa of gaafadhaa. Miira isaanii kan hubattanii fi dhiifama gochuuf kan yaaltan yoo taʼe haalli ulfaataa taʼe tokko caalaatti akka itti hammaatu gochuu irraa fagaachuu dandeessu.

  •   Warra kaan mariisisaa.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha?: “Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu; warri gorsa kennan yoo baayʼatan garuu, fiixaan in baʼa.”—Fakkeenya 15:22.

     Dhugaa buʼuuraa kana hojii irra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti?: Rakkinoota fayyaa warri keessan qaban akkamitti toʼachuun akka dandaʼamu ilaalchisee qorannaa godhaa. Qophiin isaan kunuunsuu irratti isin gargaaruu dandaʼu naannoo keessan jiraachuu isaa baruuf yaalaa. Namoota warra isaanii dullooman kunuunsan haasofsiisaa. Obbolootaa fi obboleettota yoo qabaattan wantoota warra keessan barbaachisanii fi akkamitti isaan kunuunsuu akka dandeessan, akkasumas kana gochuuf waliin hojjechuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe ilaalchisee waliin mariʼadhaa.

    Warri keessan yommuu dullooman akkamitti isaan kunuunsuun akka dandaʼamu ilaalchisee waliin mariʼadhaa

  •   Gad of qabaa.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha?: “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa.”—Fakkeenya 11:2.

     Dhugaa buʼuuraa kana hojii irra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti?: Dandeettiin keessan daangeffamaa taʼuu isaa amanaa fudhadhaa. Fakkeenyaaf, namni kam iyyuu yeroo fi humni isaa daangeffamaa dha. Dandeettiin keessan daangaa qabaachuun isaa immoo wanta warra keessaniif gochuu dandeessan irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Kunuunsi warri keessan barbaadan humna keessanii ol yoo taʼe, miseensota maatii keessan kaan ykn ogeeyyii gargaarsa gaafadhaa.

  •   Of kunuunsaa.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha?: “Namni qaama isaa jibbu hin jiru; kanaa mannaa . . . ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”— Efesoon 5:29.

     Dhugaa buʼuuraa kana hojii irra oolchuun kan dandaʼamu akkamitti?: Warra keessan kunuunsuuf itti gaafatamummaa kan qabdan taʼus, ofii keessanii fi gaaʼela godhattaniittu yoo taʼe immoo maatii keessaniifis kunuunsa gochuuf itti gaafatamummaa qabdu. Sirriitti nyaachuu isin barbaachisa. Boqonnaa fi hirriiba gaʼaas argachuu qabdu. (Lallaba 4:6) Akkasumas yeroo dandaʼamutti boqonnaa baʼuun isin barbaachisuu dandaʼa. Wantoota kana gochuun keessan warra keessan sirriitti kunuunsuuf isin dandeessisa.

 Kitaabni Qulqulluun warri keenya yommuu dullooman manatti isaan kunuunsuu akka qabnu dubbataa?

 Kitaabni Qulqulluun ijoolleen gaʼeessota taʼan warra isaanii eessatti kunuunsuu akka qaban ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe hin kennu. Maatiin tokko tokko hamma dandaʼametti warra isaanii gara mana isaaniitti fudhachuuf filataniiru. Yeroo booda garuu dhaabbilee maanguddoota kunuunsan keessatti kunuunsa akka argatan gochuun filannaa gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Maatiin tokko filannaan hundumaaf gaarii taʼe maal akka taʼe murteessuuf waliin mariʼachuu dandaʼu.—Galaatiyaa 6:4, 5.

a Kana ilaalchisee barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko akkana jedheera: “Tarii [Abbaa manaa Maariyaam kan taʼe] Yoseef yeroo dheeraa dura waan duʼeef, ilmi ishii Yesuus ishii gargaaraa ture; inni immoo amma duʼuuf jedha; maarree sana booda akkam taati laata? . . . Kiristoos as irratti ijoolleen warra isaanii dullooman gargaaruu akka qaban barsiiseera.”—The NIV Matthew Henry Commentary in One Volume, fuula 428-429.