Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Qooqa hin Beekneen Dubbachuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Qooqa hin Beekneen Dubbachuu Ilaalchisee Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 ‘Qooqa hin beekneen dubbachuun’ dandeettii afaan tokko utuu hin baratin dubbachuu siʼa taʼu, kennaa Kiristiyaanonni bara durii tokko tokko dinqiidhaan argatan argisiisa. (Hojii Ergamootaa 10:46) Wanta namni qooqa hin beekneen dubbatu sana namni afaanicha beeku salphaatti hubata. (Hojii Ergamootaa 2:4-8) Qooqa hin beekneen dubbachuun kennaawwan hafuura qulqulluu Waaqayyo Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokkoof kenne keessaa tokko dha.—Ibroota 2:4; 1 Qorontos 12:4, 30.

 Qooqa hin beekneen dubbachuun yoomii fi eessatti jalqabe?

 Dinqiin kun yeroo jalqabaatiif kan raawwatame Dh.K.B. bara 33⁠tti ganama gaafa guyyaa ayyaana Yihudootaa isa Phenxeqosxee jedhamutti ture. Yeroo barattoonni Yesuus gara 120 taʼan walitti qabamanii jiranitti, ‘hundi isaanii hafuura qulqulluudhaan guutamanii qooqa adda addaatiin dubbachuu jalqaban.’ (Hojii Ergamootaa 1:15; 2:1-4) Namoonni hedduun “biyyoota addunyaa maratti argaman hunda keessaa dhufan” walitti qabamanii, ‘barattoonni afaan dhalootaa namoota sanaatiin yommuu dubbatan dhagaʼan.’—Hojii Ergamootaa 2:5, 6.

 Kaayyoon qooqa hin beekneen dubbachuu maal ture?

  1.   Kiristiyaanonni deeggarsa Waaqayyoo akka qaban argisiisuuf. Bara duriitti Waaqayyo namoota amanamoo akka Musee jiran deeggaraa akka jiru argisiisuuf mallattoowwan dinqii taʼanitti fayyadamee ture. (Baʼuu 4:1-9, 29-31; Lakkoobsa 17:10) Qooqa hin beekneen dubbachuunis kaayyoo wal fakkaatuuf, jechuunis Waaqayyo gumii Kiristiyaanaa haaraa hundeeffame deeggaraa akka jiru argisiisuuf tajaajileera. Phaawulos ergamaan: “Qooqa hin beekneen dubbachuun warra amananiif utuu hin taʼin warra hin amanneef mallattoo dha” jedhee barreesseera.—1 Qorontos 14:22.

  2.   Kiristiyaanonni guutummaatti dhugaa akka baʼan gargaaruuf. Namoonni gaafa guyyaa Phenxeqosxee duuka buutota Yesuus dhaggeeffachaa turan akkana jedhanii turan: “Namoonni kun afaanuma keenyaan hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa yommuu dubbatan dhagaʼaa jirra.” (Hojii Ergamootaa 2:11) Kanaaf kaayyoon dinqii kanaa inni kan biraan Kiristiyaanonni ‘guutummaatti dhugaa akka baʼanii’ fi akkuma Yesuus isaan ajaje ‘saba hundumaa keessaa namoota barattoota akka godhan’ gargaaruu dha. (Hojii Ergamootaa 10:42; Maatewos 28:19) Namoonni lakkoofsi isaanii gara 3,000 taʼanii fi dinqii kana ilaalan, akkasumas dhugaan isaaniif baʼame gaafuma sana barattoota taʼaniiru.—Hojii Ergamootaa 2:41.

 Qooqa hin beekneen dubbachuun yeroo hundumaaf itti fufaa?

 Lakki. Qooqa hin beekneen dubbachuu dabalatee kennaawwan hafuura qulqulluu qophii yeroodhaaf qofa godhame ture. Kitaabni Qulqulluun, “Kennaan raajii dubbachuus yoo taʼe ni hafa, qooqa hin beekne dubbachuunis yoo taʼe ni dhaabata” jechuudhaan dursee dubbateera.—1 Qorontos 13:8.

 Qooqa hin beekneen dubbachuun kan dhaabbate yoomi?

 Kennaawwan hafuura qulqulluu Kiristiyaanota kan birootti darbaa kan turan yeroo ergamoonni jiranitti ture; kunis yeroo baayʼee ergamoonni harka isaanii namoota hidhata amantii isaanii taʼan irra kaaʼuudhaan raawwatama ture. (Hojii Ergamootaa 8:18; 10:44-46) Namoonni kennaa hafuuraa ergamoota irraa fudhatan warra kaanitti waan dabarsan hin fakkaatu. (Hojii Ergamootaa 8:5-7, 14-17) Kana fakkeenyaan ibsuuf abbaan taayitaa tokko nama tokkoof heyyama konkolaachisummaa kenne haa jennu, haa taʼu malee namicha heyyama sana fudhateef aangoon warra kaaniif heyyama konkolaachisummaa kennuu isaaf hin kennamne. Qooqa hin beekneen dubbachuun ergamoonnii fi namoonni isaan irraa kennaa kana fudhatan erga duʼanii booda waan hafe fakkaata.

 Yeroo harʼaa qooqa hin beekneen dubbachuun ni dandaʼamaa?

 Kennaan dinqiidhaan qooqa hin beekneen dubbachuu kan hafe Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaatti akka taʼe ifa dha. Yeroo harʼaatti humna Waaqayyootiin qooqa hin beekneen nan dubbadha namni jechuu dandaʼu tokko illee hin jiru. a

 Kiristiyaanota dhugaa beekuun kan dandaʼamu akkamitti?

 Yesuus jaalalli fedhii ofii aarsaa godhu barattoota isaa adda baasee akka beeksisu dubbateera. (Yohaannis 13:34, 35) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos ergamaanis jaalalli akkanaa yeroo hunda Kiristiyaanota dhugaa adda baasee akka beeksisu barsiiseera. (1 Qorontos 13:1, 8) Kana malees, hafuurri Waaqayyoo Kiristiyaanonni amaloota walumatti ‘firii hafuuraa’ jedhaman akka horatan kan godhu taʼuu isaa ibseera; firiiwwan kana keessaa immoo inni jalqabaa jaalala dha.—Galaatiyaa 5:22, 23.

a Mata duree “Qooqa hin Beekneen Dubbachuun Kennaa Waaqayyootii?” jedhu ilaali. (Amaariffa)