Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?

Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakki, Kitaabni Qulqulluun Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taates taʼe Kiristiyaanonni ishii waaqeffachuu ykn qulqulluu akka taatetti ishii ilaaluu akka qaban hin barsiisu. a Mee ragaawwan armaan gadii ilaali:

  •   Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taate matumaa dubbattee hin beektu. Kitaabni Qulqulluunis Waaqayyoon utuu hin taʼin “Ilma Waaqayyoo” akka deesse dubbata.—Maarqos 1:1; Luqaas 1:32.

  •   Yesuus Kiristoos Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taate ykn ulfinni addaa akka ishiidhaaf malu matumaa hin barsiisne. Yeroo tokko dubartiin takka Maariyaam haadha isaa taʼuudhaan mirga guddaa waan argatteef xiyyeeffannaa addaa ishiidhaaf kennuuf yeroo yaaltetti, Yesuus “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedhee ishii sirreesseera.—Luqaas 11:27, 28.

  •   Jechoonni “Haadha Waaqayyoo” fi “Tiiʼootookoos” (Waaqayyoon kan deesse) jedhan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argaman.

  •   Kitaaba Qulqulluu keessatti “Mootittii Waaqaa” kan jedhamte Maariyaam utuu hin taʼin, waaqayyittii sobaa Israaʼeloonni gantoota taʼan waaqeffatani dha. (Ermiyaas 44:15-19) “Mootittii Waaqaa” kan jedhamte waaqayyittii Baabilonotaa Ishtaar (Astaartee) taʼuu hin ooltu.

  •   Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan Maariyaamiin hin waaqeffanne ykn ulfina adda taʼe ishiidhaaf hin kennine. Hayyuun seenaa tokko akka dubbatanitti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa “waaqolii tolfamoo waaqeffachuu kan morman yommuu taʼu, Maariyaamiif xiyyeeffannaa addaa kennuun waaqolii tolfamoo akka dubartiitti ibsaman waaqeffatu shakkii jedhu uumuu dandaʼa jedhanii yaaddaʼanii taʼuu hin oolu.”—In Quest of the Jewish Mary.

  •   Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bara baraaf jiraachaa akka ture ibsa. (Faarfannaa 90:1, 2; Isaayaas 40:28) Waaqayyo jalqaba waan hin qabneef haadha qabaachuu hin dandaʼu. Kana malees, Maariyaam gadameessa ishii keessatti Waaqayyoon baachuu hin dandeessu; Kitaabni Qulqulluun samiiwwan illee isa baachuu akka hin dandeenye ibsa.—1 Mootota 8:27.

Maariyaam—Haadha Yesuusi Malee “Haadha Waaqayyoo” Miti

 Maariyaam nama Yihudii kan turte siʼa taʼu, sanyiin ishii hidda dhalootaa Daawit Mootichaa irraa kan dhufe dha. (Luqaas 3:23-31) Maariyaam amantii kan qabduu fi Waaqayyoof kan bulte waan taateef Waaqayyo biratti baayʼee jaallatamtuu taateetti. (Luqaas 1:28) Waaqayyo haadha Yesuus akka taatuuf ishii filateera. (Luqaas 1:31, 35) Maariyaamii fi abbaan manaa ishii Yoseef ijoollee kan biroos qabu turan.—Maarqos 6:3.

 Kitaabni Qulqulluun Maariyaam barattuu Yesuus taatee akka turte kan ibsu taʼus, waaʼee ishii kana caalaa odeeffannoo dabalataa hin kennu.—Hojii Ergamootaa 1:14.

a Dhaabbileen amantii hedduun Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taate barsiisu. Maariyaamiin “Mootuu Samii” ykn Tiiʼootookoos Afaan Giriikiitiin “Waaqayyoon kan deesse” jedhanii ishii waamu.