Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Heermiin Shemiit

EBLA 18, 2024
JARMAN

Heermiin Shemiit Dhugaa Baatuun Mana Hidhaa Naazii Keessaa Oolte Umurii Waggaa 98titti Duute

Heermiin Shemiit Dhugaa Baatuun Mana Hidhaa Naazii Keessaa Oolte Umurii Waggaa 98titti Duute

Heermiin mana hidhaa Istoofitti ergamuu ishii dura

Bitootessa 31, 2024, Obboleettiin Heermiin Shemiit umurii waggaa 98titti duute. Heermiin Dhugaa Baatuu Yihowaa sababa amantii ishiitiin mana hidhaa Naaziitti gidiraa guddaan ishii irra gaʼuudhaan beekamtuu fi lubbuudhaan turte ishii xumuraa dha.

Heermiin Sadaasa 13, 1925​tti magaalaa Gidaansik jedhamtuu fi yeroo ammaatti kutaa Poolaandi taate keessatti dhalatte. Warri ishii Oskaarii fi Fireedaa Koshimiidar Dhugaa Baatota Yihowaa turan. Intalli isaanii Yihowaa irratti amantii cimaa akka qabaattu godhanii guddisan. Bara 1939​tti loltoonni Naazii Gidaansik akkuma qabataniin Dhugaa Baatota Yihowaa irratti ariʼatama cimaa geessisuu jalqaban. Heermiin Yihowaadhaaf of murteessitee kan cuuphamte Caamsaa 2, 1942, umurii waggaa 16​tti ture.

Waggaa ittaanutti jechuunis Waxabajjii 1943, warri Naazii Heermiin ishii umurii waggaa 17 taate qaban. Ammas Ebla 1944 kan ishii qaban yommuu taʼu yeroo kanatti mana hidhaa Istoof jedhamutti ishii ergan. Heermiin yeroo dhiphisaa sana boodatti deebitee yommuu yaadattu akkana jettee turte: “Gidiraan nurra gaʼe baayʼee suukanneessaa ture. Salphina guddaa waan nurraan geessisaniif miirri keenya baayʼee miidhamee ture. Loltoonni Guustaappoo ejjennoo koo akkan laaffisuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Goota taʼee hin dhalanne. Anis akkuma shamarree kaaniiti. Haa taʼu malee wantan gochuu qabu ilaalchisee yaada koo keessatti shakkii hin qabu. Kun amanamummaa koo akkasumas wanta qalbiin koo natti himu dhaggeeffachuudhaan murtoo ani godhudha. Wanta qalbiin kee sitti himu dhaggeeffachuudhaan murtoo yeroo gootutti ofii keetiifis taʼe Waaqa kee wajjin nagaa qabaachuudhaan eebba guddaa argatta.”

Hooristi fi Heermiin, Bitootessa 1995

Waggaa tokko booda Ebla 1945, loltoonni Raashiyaa mana hidhaa Istoofitti dhihaatan. Waardiyyoonni Jarman SS jedhamanii waamaman hidhamtoota hedduu bidiruutti feʼanii galaana irra gadhiisu turan; kunis loltoota Raashiyaatiin walaba akka hin baane godhuufidha. Heermiinii fi namoonni 370 kaan bidiruun isaanii Caamsaa 1945 odoola Deenmaarki Muun jedhamtutti dhiibamee waan baʼeef ooluu dandaʼaniiru. Achiis utuu hin turin Heermiin maatii ishiitti deebitee makamte.

Heermiin bara 1947​tti Hooristi Shemiit wajjin gaaʼela dhaabbatan. Hooristi waraana irratti hirmaachuu kan dide yommuu taʼu, hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkamee yeroo turetti barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu dhoksaadhaan deddeebisaa ture. Murtiitti erga dhihaatee booda akka ajjeefamu kan murteeffame yommuu taʼu mana hidhaa Biraandenbargi Goordanitti hidhamee ture. Ebla 27, 1945, Hooristi ajjeefamuu isaa yeroo muraasa dura manni hidhaa kun walaba baʼe. Hooristi fi Heermiin bara 2010​tti hanga duʼetti gara waggaa 63 gaaʼela keessa waliin turaniiru.

Lamaanuu muuxannoo isaanii namootatti himuudhaan waggoota hedduu dabarsaniiru. Gaafannoo bara 1998 godhameefii ture irratti Heermiin ejjennoo amanamu: “Jireenya ulfaataa kan ture taʼus baayʼee bareedaa dha. Kana wanta kamiiniyyuu jijjiiruu hin barbaadu.”

Ejjennoo Heermiin qorumsa keessatti argisiifteef baayʼee ishii galateeffanna. Yihowaan yeroo hunda namoota amanamoo taʼan akka eegu mirkanaa‵aa ta‵uudhaan, Ija jabinaa fi amantii cimaa akka qabnu karaa argisiisuun murtoo gochuudhaan fakkeenya ishii haa hordofnu!—Faarfannaa 31:23, 24.