Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

HOOKAAN DEEVIDSAN | SEENAA JIREENYAA

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Akka Babalʼatu Deggeruu

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Akka Babalʼatu Deggeruu

 Dhaladhee kanan guddadhe Siwiidinittidha. Yeroon umurii kurnanii keessa turetti namoonni Waaqayyo jiraachuu isaatti hin amanne dhiibbaa narraan geessisanii turan. Kanaaf yeroo abbaan koo, haati koo fi obboleettii koo quxusuun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabanitti ani fedhii hin qabun ture.

 Abbaan koo irra deddeebiʼee yommuu na affeeru garuu, yeroo isaan Kitaaba Qulqulluu qoʼatan taaʼee dhaggeeffachuufan murteesse. Dhimmoota saayinsii wajjin wal qabatanirratti Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuun isaa baayʼee na ajaaʼibe. Yeroo booda, Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa fi Dhugaa Baatonni Yihowaammoo Kitaaba Qulqulluu akka barsiisanii fi ulaagaalee isaa wajjin haala wal simuun akka jiraatan ragaa na amansiisun argadhe. Bara 1970​tti, abbaa koo wajjin guyyaa tokko cuuphamne. Haati koo fi obboleettonni koo lamaanimmoo waggoota muraasa booda cuuphaman.

 Ijoolleen umurii koorratti argaman hedduun bashannana irratti qofa xiyyeeffatu turan. Yeroo umuriin koo waggaa 17 taʼutti akkaataan jireenyaa isaanii inni akkuma barbaadan taʼanii jiraatan na hawwatee akka ture hin haalu. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa na qoʼachiisan tajaajila yeroo guutuu irraa gammachuu guddaa argachaa akka jiran yommuun hubadhu anis akkuma isaanii taʼuufan murteesse. Yeroo booda umurii koo waggaa 21​tti anis tajaajila yeroo guutuun jalqabe.

Abbaa koo (karaa bitaa koo) wajjin guyyuma tokko cuuphamne

 Qajeelchaa taʼuun koo gammachuu guddaa akka naaf argamsiisu yommuu hubadhu dafee jalqabuu dhiisuu kootti baayʼeen gaabbe. Keessumaa qarqara galaanaa Yetaboyidi bakka namoota dooniiwwan feʼumsaa irra hojjetanii fi afaan biyya alaa dubbatan argamanitti lallabuun baayʼee na gammachiisa.

 Waggoota shantamaa oliif, misiraachichi namoota afaan gara garaa dubbatan akka dhaqqabu gargaaruuf mirga adda taʼe argadheera. Mee akkamitti akkan jalqabe isinittan hima.

Sooftiweerii MEPS Jedhamu Irratti Hojjechuu

 Qajeelchaa taʼee tajaajilaa of gargaaruuf torbanitti guyyaa muraasa hojii maxxansaa irran hojjedha ture. Yeroo sanatti akkaataa namoonni hojii maxxansaa itti hojjetan jijjiiramaa ture. Qalamaan barreessuu mannaa suuraa barreeffamaa fi fakkiitti fayyadamuu jalqabanii turan. Pileetii maashinii maxxansaa qopheessuuf, meeshaa ammayyaaʼaa kompiitaraan barreessuuf gargaarutti akkamitti fayyadamuun akka dandaʼamun baradhe.

Guyyaa cidha keenyaa

 Bara 1980, Heelan ishii qajeelchituu yeroo hundaa taatee fi akkuma koo namoota kutaa addunyaa gara garaatii dhufanii wajjin wal baruu fi aadaa haaraa barachuu jaallattuu wajjin gaaʼela godhanne. Galmi keenya Mana Barumsaa Giiliyaad gallee barachuu fi misiyoonota taanee tajaajiluu ture.

 Haa taʼu malee, hojii maxxansaa irratti muuxannoo waanan qabuuf, anii fi Heelan Beetel isa Siwiidin jiru gallee akka tajaajillu affeeramne. Jaarmiyaan keenya tooftaa maxxansaa keenya irratti siʼaayina dabaluuf teknoolojiiwwan haaraa fayyadamuu barbaada. Kanaafuu, bara 1983 sooftiweerii maxxansaa haaraa Multilanguage Electronic Phototypsetting System (MEPS) a jedhamuu fi obboloonni hojjechaa turan irratti leenjii akka fudhannuuf gara Beetel isa Woolkiil, Niiwu Yoorki jirutti ergamne.

Meeshaa sooftiweerii MEPS jedhamu Hoongi Koongi, Meeksikoo, Naayijeeriyaa fi Ispeeniif yommuu hojjennu

 Sooftiweeriin MEPS jedhamu kun, sagantaa kompiitaraa fakkii wajjin qubee afaan garaagaraa barreessuuf nama gargaaruu fi fuula fuulaan akka baʼu taasisudha. Gaʼeen keenya barreeffamni keenya afaanota dabalataa hedduudhaan qophaaʼuu akka dandaʼaniif qubee haaraa sooftiweerii MEPS jedhamuun qopheessuu irratti gargaaruudha. Amma waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa misiraachoo afaanota kuma tokkoo ol taʼaniin maxxansaa jiru!

 Yeroo boodas, anii fi Heelan afaan dabalataa sooftiweerii MEPS irratti akka dabalamu gargaaruuf gara Eeshiyaatti ergamne. Afaanonni dabalataa misiraachoon ittiin lallabamu akka jiraatan gargaaruuf carraa argachuu keenya akka mirga guddaatti ilaalla!

Aadaa Baayʼee Adda Taʼee Wajjin Wal Baruuf Carraaqqii Gochuu

 Bara 1986, anii fi Heelan Hindii dhaqne. Aadaa kan keenya irraa baayʼee adda taʼee wajjin wal baruu qabna turre! Yeroo Boombeey ishii yeroo ammaatti Muumbaay jedhamtee waamamtu geenyu, wantoota hin beekne arguun keenya nu dhiphisee ture. Aadaan Siwiidinii fi Hindii faallaadha jechuun ni dandaʼama! Torban isa jalqabaatti, waaʼee gara biyya keenyatti deebiʼuu cimsinee yaadaa turre.

 Torban jalqabaa sana booda garuu, lamaan keenyayyuu murtoo tokko irra geenye: ‘Yeroo hunda misiyoonota taʼuu barbaanna turre. Amma dhuma irratti biyya alaatti ramadamneerra; akkamitti ramaddii keenya dhiisnee deemnaree? Rakkoowwan nu mudatan hunda dandamachuu qabna.’

 Kanaafuu, ramaddii keenya dhiisnee deemuu mannaa, akkaataa jireenyaa baayʼee adda taʼe kana hamma dandeenye barachuuf murteessine. Anii fi Heelan akkas gochuun keenya, utuma baayʼee hin turin Hindii jaallachuuf nu gargaareera. Yeroo sanaa kaasee Afaan Hindii lama, jechuunis Gujaaraatii fi Puunjaabii barachuu dandeenyeerra.

Miyaanmaaritti Ergamne

Galma Walgaʼii Miyaanmaaritti uffata aadaa naannichaa uffannee

 Bara 1988, Miyaanmaar ishii Chaayinaa, Hindii fi Taayilaandi gidduutti argamtutti ergamne. Haalli siyaasaa Miyaanmaar baayʼee rakkisaa waan tureef harki caalaan biyyatti loltootaan bulchamti turte. Sooftiweeriin MEPS jedhamu kun afaanota qubee Ingiliffaa hin fayyadamneen hojjechuu hin jalqabne ture; sooftiweeriin kan biraan hojicha hojjechuuf gargaarus hin turre. Kanaaf hojiin keenya inni jalqabaa, qubee haaraa bocuu irratti gargaaruu fi faayiloota gara Woolkiilitti fuudhanii deebiʼuudhaan sooftiweerii MEPS irratti feʼuu ture.

 Bakka buufata xiyyaaraatti, Heelan borsaa harkaatti faayila fakkii qubeewwanii qabate baattee turte. Haala siyaasaa hin tasgabboofne sana keessatti, waardiyyoonni daangaa eegan barreeffama Afaan Miyaanmaar utuu nu harkatti arganii nu qabuu dandaʼu turan. Haa taʼu malee, Heelan yommuu sakattaʼamuuf harkashee ol kaastu boorsaa sana harka ishiitti qabattee waan turteef, namni boorsaa ishii hubate hin turre!

Sooftiweerii MEPS jedhamu qulqullinni akkaataa barreeffama keenyaa akka fooyyaʼu godheera

 Yeroo booda hiiktonni Miyaanmaar turan qubee haaraa qofa utuu hin taʼin, laaptooppii, piriintarii fi leenjii sooftiweerii MEPS argataniiru. Hiiktota kana keessaa hedduun isaanii sana dura kompiitara matumaa arganii hin beekan turan; taʼus ogummaa haaraa barachuuf fedhii qabu turan. Utuma baayʼee hin turin, meeshaa maxxansaa daldalaa moofaa namni harkaan maxxansu fayyadamu irra bilisa baʼaniiru. Kunimmoo qulqullinni barreeffamoota keenyaa yeruma sana akka fooyyaʼu godheera.

Neeppaalitti Ramadamuu

 Bara 1991, anii fi Heelan Neeppaal ishii ededa kibba Himaalaayaatti argamtutti akka gargaaru ramadamne. Yeroo sanatti, biyyattii keessa gumii tokko qofatu jira ture; barreeffamni Afaan Neeppaaliin argamus baayʼee muraasa ture.

 Utuma baayʼee hin turin, barreeffamoonni hedduun naannoo sanatti raabsamuu eegale. Yeroo harʼaatti, Neeppaal keessa Dhugaa Baatonni gara 3,000 taʼan gumii 40 ol keessatti argamu; namoonni 7,500 ol taʼanimmoo Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos 2022 irratti argamaniiru!

Afaan Laahuutiin Birooshurri ni Qophaaʼe

 Gidduu galeessa bara 1990mmaniitti, misiyoononni magaalaa Chiyaangi Maayii, Taayilaandi jiraatan namoota Laahuu gaara irra jiraataniif lallabuu eegalan. Afaan Laahuu namoota naannoo daangaa Chaayinaa, Laaʼoos, Miyaanmaar, Taayilaandii fi Veetinaam jiraataniin dubbatama. Haa taʼu malee, afaan kanaan barreeffama tokkollee hin qabnu turre.

 Dargaggeessi misiyoonota sanaa wajjin qoʼachaa ture birooshura “Kunoo, Ani Wantoota Hundumaa Haaraa Gochaan Jira” jedhamu Afaan Taayii irraa gara Afaan Laahuutti hiikee ture. Achiis innii fi namoonni ganda Laahuu keessa jiraatan kan biroon maallaqa walitti qabanii, birooshurichaa fi maallaqicha gara waajjira dameetti ergan. Xalayaa isaa wajjin ergan irratti namoonni Afaan Laahuu dubbatan hundi dhugaa isaan birooshuricha irraa barachaa jiran akka baratan kan barbaadan taʼuu isaa ibsaniiru.

 Waggoota muraasa booda, anii fi Heelan mirga hiiktota Afaan Laahuu MEPS itti akka fayyadaman leenjisuu arganneerra. Hiiktota sana keessaa tokko obboleessa dhiheenya cuuphamee fi waajjira hiikkaa Chiyaangi Maayii jiru keessa tajaajilaa jirudha. Dargaggeessi kun isa birooshura “Kunoo, Ani Wantoota Hundumaa Haaraa Gochaan Jira” jedhamu gara Afaan Laahuutti hiike taʼuu isaa yommuu beeknu baayʼee dinqisiifamne!

 Bara 1995, anii fi Heelan gara Hindii bakka hiiktota waajjira damee sana keessa jiran meeshaa sooftiweerii MEPS hojii isaanii hojjechuuf isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuudhaan waliin hojjennetti deebine. Yeroo harʼaatti, afaanota hedduu naannoo sanatti dubbatamaniin barreeffamoonni namoonni akka qoʼatanii fi guddina godhanii akka cuuphan gargaaran ni argamu.

Jireenya Nama Kiisu Jiraanneerra

 Anii fi Heelan bara 1999 kaasee waajjira damee Biritaaniyaa keessa tajaajilaa jirra. Garee waajjira muummee sooftiweerii MEPS Programming hojjetu wajjin hojjenna. Landanitti yeroo keenya harka caalaa isaa, namoota Afaan Gujaaraatii fi Puunjaabii dubbataniif lallabuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera! Weebsaayitii jw.org irratti afaan haaraan yeroo baʼu hundatti, carraa itti naannoo tajaajilaa keenya keessatti namoota afaan sana dubbataniif lallabnu argachuuf carraaqna.

 Akkuma hiriyoota koo bashannana irratti xiyyeeffachuu mannaa, dargaggummaa kootii kaasee galmawwan hafuuraa baafachuun koo baayʼee na gammachiisa. Anii fi Heelan duuba deebinee yeroo ilaallu, tajaajila yeroo guutuu hordofuuf filachuu keenyatti matumaa hin gaabbinu. Biyyoota 30 ol daawwachuudhaan, misiraachoon saba, gosaa fi qooqaa hundumaa gaʼaa akka jiru ijuma keenyaan arguun keenya baayʼee nu gammachiiseera!—Mulʼata 14:6.

a Yeroo ammaatti Multilanguage Electronic Publishing System jedhama. Sooftiweeriin MEPS jedhamu yeroo barreeffamoonni dijitaalaan qophaaʼanis faayidaa irra ni oola.