Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Chaappaawwan Durii Maaliif Fayyadu Turan?

Chaappaawwan Durii Maaliif Fayyadu Turan?

 Chaappaawwan meeshaa xinnoo bocawwan barbaachisaa taʼan irratti hojjetame yommuu taʼu, yeroo baayʼee supheen ykn gagaan laafaa taʼanii yommuu jiranitti boca barbaadame irratti chaappessuuf gargaaru turan. Chaappaawwan bifa garagaraatiin, jechuunis boca luullaʼaa, rogarfee, geengoo fi mataa horii qabuun illee hojjetamuu dandaʼu. Mallattoon chaappaa qabu abbummaa ykn dookmantiin tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa; akkasumas korojoowwan miʼa qabatan ykn hulaawwan manaa fi cufaan awwaalota akka hin banne dhorkuuf fayyada.

Chaappaa geengoo, mootiin warra Faarsi Daariyos Lammaffaan yommuu adamsu argisiisuu fi chaappaa suphee irratti mallatteeffame

 Chaappaawwan wantoota garagaraa kanneen akka lafee, dhagaa boorallee, sibiila, dhagaa ykn muka irraa hojjetamuu dandaʼu. Yeroo tokko tokko maqaan namichaa fi maqaan abbaa isaa chaappicha irratti bocamuu dandaʼa. Chaappaawwan tokko tokko maqaa ulfinaa abbichaa argisiisu.

 Abbummaa dookmantichaa ibsuuf abbichi chaappaa isaa suphee, gagaa ykn wanta laafaa dookmantichi keessa kaaʼame irratti gad qaba. (Iyoob 38:14) Wanti laafaan kun waan jabaatuuf akkasumas goguuf chaappaan sun nama biraatiin hin jijjiiramu.

Chaappaawwan Aboo Nama Biraatiif Dabarsanii Kennuuf Tajaajiluu Dandaʼa

 Namni tokko chaappaa isaa nama kan biraatiif kennuu kan dandaʼu yommuu taʼu, namichis aboo ykn taayitaa bakka buʼaa taʼee raawwachuuf isa dandeessisu qabaachuu dandaʼa. Faraʼoon warra Gibxii durii fi Yoseef ilma Yaaqoob akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Yoseef biyya Gibxii keessa garbummaadhaan kan jiraatu ture. Yeroo booda, jalʼina haqaatiin kan hidhame taʼus, Faraʼoon isa hiikuudhaan muummicha ministeeraa godhee isa muudeera. Kitaabni Qulqulluun, “Mootiin Gibxii amartii mallattoo isaa harka isaattii baasee, harka Yoseefitti in kaaʼe” jechuudhaan dubbata. (Uumama 41:42) Amartiin, mallattoo chaappaa taayitaa irratti barreeffame waan qabuuf, Yoseef amma taayitaa hojii guddaa raawwachuuf isa dandeessisu qaba.

 Iizaabel Mootittiin Israaʼel durii, mallattoo abbaa manaa ishiitti fayyadamuudhaan namicha Naabot jedhamu ajjeesisuuf karoora baaftee turte. Maqaa Mooticha Ahaabitti fayyadamtee jaarsolii tokko tokkoof xalayoota, Naabot Waaqayyoon akka arrabse godhanii akka dubbatan gaafatu barreessite. Gocha hamminaa karoorfatte galmaan gaʼuufis chaappaa mootichaatiin xalayoota sana irratti chaappessite.—1 Mootota 21:5-14.

 Ahashweros Mootiin warra Faarsi ajaja taayitaa isaatiin dabarse amartii mallattoo quba isaatiin raggaasiseera.—Asteer 3:10, 12.

 Nahimiyaa inni kutaa Kitaaba Qulqulluu barreesse gurguddoonni Israaʼel, Lewwoonnii fi luboonni walii galtee isaa wajjin godhan chaappaa isaaniitiin mallatteessuudhaan akka isaaf mirkaneessan barreesseera.—Nahimiyaa 1:1; 9:38.

 Kitaabni Qulqulluun yeroo itti mallattoon chaappaa cufaan akka hin banamne eegsisuuf itti hojjetame lama ni ibsa. Raajichi Daaniʼel boolla leencaatti yommuu darbatame, ‘dhagaan tokko fidamee afaan boollichaa irra kaaʼamee’ ture. Achiis Daariyos Mootiin warra Meedoo Faarsi, “waaʼee Daaniʼeliif wanti tokko illee akka hin geddaramnettis, mootichi mallattoo ofii isaatiin mallattoo gurguddoota isaatiinis dhagicha irratti in mallatteesse.”—Daaniʼel 6:17.

 Yesuus yommuu awwaalametti, diinonni isaa ‘awwaalichi’ akka hin banamne gochuuf “dhagichatti mallattoo godhanii” cufaa irra kaaʼan. (Maatewos 27:66) Kun chaappaa mootummaa warra Roomaa biraa dhufe taanaan, “chaappichi suphee ykn gagaa saaqqaa dhagaa fi cufaa awwaalichaa gidduu kaaʼame’ taʼuu akka qabu Daavid Liintan Tarnar Wangeela Maatewos irratti yaada kennaniin ibsaniiru.

 Chaappaawan bara durii seenaa kanaan duraa wanta hedduu waan barsiisaniif arkiyoolojistoonnii fi hayyoonni seenaa xiyyeeffannaa cimaa kennuuf. Kanaafuu, qoʼannaan chaappaa siigiloograafii jedhamee kan waamamu yommuu taʼu, kutaa qoʼannaa bakka guddaa qabu taʼaa dhufeera.