Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Kitaaba Hunda Caalaa Barbaachisaa Taʼe Qopheessuu

Kitaaba Hunda Caalaa Barbaachisaa Taʼe Qopheessuu

AMAJJII 1, 2021

 “Kana waggaa 19f eegaa tureera!” Wanti obboleessi keenya eegaa ture maali dha? Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii, afaan Beengaalii isa qooqa isaa taʼeen argachuuf ture. Namoonni hedduun yeroo Hiikni Addunyaa Haaraa afaan isaaniitiin baʼu akkasuma itti dhagaʼama. Taʼus, Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi maxxansuun maalfaa akka dabalatu gaaffiin isinitti uumamee beekaa?

 Jalqaba qajeelfama Koree Barreeffamaa Qaamaa Ol Aanaatiin gareen hiikkaa ni hundeeffama. Maarree gareen hiikkaa tokko Kitaaba Qulqulluu hiikee xumuruuf yeroo hammamii itti fudhata? Nikoolaas Alaadis inni Waarwiik Niwuu Yoorkitti Kutaa Hiikkaa keessaa hojjetu akkas jedheera: “Wantoonni tilmaama keessa galan hedduun jiru, pirojektii hiikkaa kanaaf hiiktota meeqatu jira, afaanichi hangam wal xaxaa dha, namoonni dubbisan aadaa Kitaaba Qulqulluu hangam hubatu, akkasumas afaanichi naannoo adda addaatti garaagarummaa qabaachuu isaa ti. Gareen hiikaa tokko giddu galaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii hiikuuf waggaa tokkoo hanga sadii, guutuu Kitaaba Qulqulluu hiikuuf immoo waggaa afur ykn isaa ol itti fudhata. Afaan mallattootiin hiikuun immoo kana caalaa fudhata.”

 Kitaaba Qulqulluu hiikuuf hiiktota malees namoonni barbaachisan jiru. Namoonni bakka gara garaa jiraatan, yeroo tokko tokko immoo biyyoota adda addaa jiraatan, kaffaltii malee isa hiikame gamaaggamuudhaan tajaajilu. Yaadni isaan kennan hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hiika sirrii, ifaa fi ergaa qabu akka qopheessan isaan gargaara. Leenjisaan hiikaa Kitaaba Qulqulluu Afriikaa Kibbaa tokko akkas jedheera: “Hiiktonni Yihowaa fi namoota Dubbii isaa dubbisaniif itti gaafatamummaa guddaan isaan irra jira.”

 Hiikaan erga xumuramee booda Kitaabni Qulqulluun maxxanfamee bifa kitaabaatiin qopheeffamuu qaba. Kana gochuuf maxxansitoonni yoo xinnaate wantoota sagal fayyadamu: Waraqaa, qalama, wantoota qolaaf taʼan, haphee, carqii qolaaf taʼu, qola, foʼaa ittiin walitti hodhan, carqii ittiin saaqan, miʼa dugda Kitaabaa jabeessuu fi wanta kitaabicha walitti qabsiisuuf barbaachisu. Bara 2019tti, miʼoota Kitaaba Qulqulluu qopheessuuf barbaachisan kanaaf qofa doolaarri miliyoona 20 ol baʼeera. Obboloonni keenya hojii maxxansaa hojjetan waggaa kanatti Kitaaba Qulqulluu maxxansuu fi bakka adda addaatti erguuf saʼaatii 300,000 ol dabarsaniiru.

“Kitaabni Qulqulluun barreeffamoota qopheessinu keessaa isa hunda caalaa barbaachisaa taʼe dha”

 Hojiiwwan kanaaf yeroo fi qarshii hedduu kan ramadnu maaliifi? Yoʼel Bluu inni Dippaartimantii Maxxansaa Addunyaa Maraatti hojjetu akkas jedheera: “Kitaabni Qulqulluun barreeffamoota maxxansinu keessaa hunda caalaa barbaachisaa dha. Kanaafuu, bifti isaa Waaqa keenyaa fi ergaa labsinuuf ulfina akka kennu barbaanna.”

 Hiika Addunyaa Haaraa maxxansa dhaabbataa malees, namoota fedhii addaa qabaniif maxxansi qopheessinu jira. Fakkeenyaaf, bireeyiliidhaan Hiika Addunyaa Haaraa afaan kudhaniin qopheessineerra. Guutuu Kitaaba Qulqulluu tokko bireeyiliidhaan qopheessuuf gara saʼaatii saddeetii kan fudhatu yoo taʼu, jildii isaa hunda kaaʼuuf yoo xinnaate sheelfii meetira 2.3 dheeratu barbaachisa. Kana malees namoota mana hidhaa jiranii fi Kitaaba Qulqulluu qolli isaa waraqaa taʼe qofa argachuun isaaniif heyyamamuuf maxxansa addaa ni qopheessina.

 Hiikni Addunyaa Haaraa jireenya namoota dubbisanii irratti jijjiirama fida. Koongoo Dimookraatik Riippabliikii, bakka Toombee jedhamutti mee gumii afaan Kiluubaatiin geggeeffamu haa ilaallu. Toombeen magaalaa guddoo biyyichaa irraa kiilomeetira 1,700 ol fagaata. Dhugaa Baatonni bakka kana jiran kan qaban Kitaaba Qulqulluu tokko qofa siʼa taʼu, inni iyyuu afaan Kiluubaa isa duriitiin kan qophaaʼe dha. Obboloonni kutaa gumii irratti dhihaatu kan qophaaʼan kitaaba kana wal harkaa fuudhanii ti. Haa taʼu malee, Hagayya 2018 kaasee miseensonni gumichaa hundi guutuu Hiika Addunyaa Haaraa isa afaan ammayyaatiin qophaaʼe argataniiru.

 Obboleettiin afaan Jarman dubbattu tokko Hiika Addunyaa Haaraa isa afaan ishiitiin haareffame ilaalchisee akkas jetteetti: “Kana booda Kitaaba Qulqulluu dubbisuun qaba hin jedhu. Kanaa mannaa, ‘yooman dabalataan dubbisa?’ jedheen of gaafadha.” Namni mana hidhaa jiru tokko yaada akkas jedhu barreesseera: “Hiikni Addunyaa Haaraa kan naa kenname yoo taʼu, kunis jireenya koo jijjiiraa jira. Hiika kana ergan dubbisuu eegalee kaasee isaa duraanii caalaa Dubbii Waaqayyoo hubachaan jira. Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa caalaatti beekuu fi akkamitti akkan miseensa isaanii taʼu beekuun barbaada.”

 Namoonni Hiika Addunyaa Haaraa dubbisan hundi buusii hiikni kun akka qophaaʼu godheef ni galateeffatu. Hojii addunyaa maraa kanaaf buusiin akkasii kan godhamu malawwan donate.jw.org. irratti ibsamaniin dha. Arjummaa argisiistaniif galatoomaa.