Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 69

Mootummicha Lallabuu Keessan Itti Fufaa!

Mootummicha Lallabuu Keessan Itti Fufaa!

(2 Ximotewos 4:5)

  1. 1. Hidhadhaa Mootummicha labsuuf

    Saba lafarraa hundaaf.

    Jaalala namootaaf qabdaniin,

    Garraamota gargaaruuf.

    Mirgi tajaajilaa guddaa dha;

    Dubbiisaa himuu barbaanna.

    Deemaa lallabuu itti fufaa;

    Maqaa Waaqaa himaa dafaa.

    (BUUSAA)

    Dhaqaa, hundaaf Mootummicha labsaa

    hin sodaatinaa.

    Dhaqaa, Yihowaa cina dhaabbadhaa

    Yeroo hundumaa.

  2. 2. Itti fufna waliin taʼuudhaan,

    Dibamoof hoolonni kaan.

    Guddaaf xinnaan, dhiiraaf dubartiin,

    Dhugaatti jabaachuudhaan.

    Waan gaarii Mootummichi fidu,

    Dhagaʼuu qaba namnʼ hunduu.

    Yihowaan jabina nuu kenna;

    Isa qabna maal sodaanna!

    (BUUSAA)

    Dhaqaa, hundaaf Mootummicha labsaa

    hin sodaatinaa.

    Dhaqaa, Yihowaa cina dhaabbadhaa

    Yeroo hundumaa.