Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 63

Nuti Dhugaa Baatota Yihowaa Ti!

Nuti Dhugaa Baatota Yihowaa Ti!

(Isaayaas 43:10-12)

  1. 1. Namoonnʼ waaqa tolfatu,

    Dhagaa fi muka irraa.

    Waaqa dhugaaʼn beekan,

    Uumaa waa maraa.

    Waaqoliin kaan hin beekan

    Waaʼee gara fuulduraa.

    Waaqummaasaanii hin mulʼisne,

    Kanaaf gatii hin qabaanne.

    (BUUSAA)

    Nuti Dhugaa Baatota;

    Dhugaa Baatuu Yihowaa.

    Inni raajii dhugaa dubbata;

    Waan jedhe ni raawwata.

  2. 2. Maqaa Waaqayyoo himna,

    Boonnee isa beeksisna.

    Waaʼee Mootummaasaa

    Cimnee lallabna.

    Dhugaan bilisa baasa

    Kana namatti himna.

    Karaa hafuuraa yoo jabaatan

    Ni faarfatu gammachuudhaan.

    (BUUSAA)

    Nuti Dhugaa Baatota;

    Dhugaa Baatuu Yihowaa.

    Inni raajii dhugaa dubbata;

    Waan jedhe ni raawwata.

  3. 3. Dhugaa baʼuufiin keenya,

    Maqaa Waaqaa guddisa.

    Kan isa arrabsan

    Akeekkachiisa.

    Kan qalbii jijjiiraniif,

    Dhiifama argamsiisa.

    Waaqaaf buluun gammachuu fida;

    Bara baraaf jiraachisa.

    (BUUSAA)

    Nuti Dhugaa Baatota;

    Dhugaa Baatuu Yihowaa.

    Inni raajii dhugaa dubbata;

    Waan jedhe ni raawwata.

(Dabalataan, Isa. 37:19; 55:11; His. 3:19 ilaali.)