Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Anatti Dhihaadhu

Anatti Dhihaadhu

Buufadhu:

  1. 1. Mana koon dhufe.

    Yihowaan iddoon badee na deebise.

    Sodaa hin qabu amma.

    Yaaddoo koo isattan hima.

    Lubbuu koo naaf jajjabeessa,

    Beeka naaf yaaduu isaa.

    (BUUSAA)

    “Anatti dhihaadhu” naan jedhe,

    “Nan dhihaadha sitti.

    Ni argita waan gaarii,

    Anʼ arge si keessatti

    Yoo dhihaatte natti.”

  2. 2. Yoon abdii kutu

    Garaan koo cubbuu darbeef yoo na ceephaʼu,

    Miirri koo ni miidhama.

    Kadhadhee garuu nan cima.

    Yihowaan akka naaf yaadu

    Beekuun koo na jabeessa.

    (BUUSAA)

    “Anatti dhihaadhu” naan jedhe,

    “Nan dhihaadha sitti.

    Ni argita waan gaarii,

    Anʼ arge si keessatti

    Yoo dhihaatte natti.”

    (CEESISA)

    Waan gaarii na keessaa arge,

    Utuun isaʼn beekin.

    Amma ʼsatti nan dhihaadha,

    Waaqa kooti inni.

    (BUUSAA)

    “Anatti dhihaadhu” naan jedhe,

    “Nan dhihaadha sitti.

    Ni argita waan gaarii,

    Anʼ arge si keessatti

    Yoo dhihaatte natti.”