Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?

Kitaabni qoʼannaa kun rakkinni maaliif akka nu irra gaʼu, yeroo duunu maal akka taanu, maatii gammachuu qabu qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi wantoota kaan dabalatee, wanta Kitaabni Qulqulluun mata duree garaa garaa ilaalchisee dubbatu akka hubattu si gargaaruuf qophaaʼe.

Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

Yeroo harʼaatti rakkinni akkas kan baayʼate maaliifi? jettee gaafatta taʼa. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti ilmaan namootaa rakkina, dhukkubaa fi duʼa irraa furuuf tarkaanfii akka fudhatu barsiisa.

BOQONNAA 1

Waaqayyo Eenyu?

Waaqayyo waan sii yaadu sitti fakkaataa? Waaʼee eenyummaa isaa fi akkamitti michuu Waaqayyoo taʼuu akka dandeessu baradhu.

BOQONNAA 2

Kitaaba Qulqulluu—Kitaaba Waaqayyo Biraa Dhufe

Kitaabni Qulqulluun rakkoowwan si mudatan dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti? Raajiiwwan isaa amanuu kan dandeessu maaliifi?

BOQONNAA 3

Kaayyoon Waaqayyo Namootaaf Qabu Maali Dha?

Yeroo lafti jannata taatutti addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal fakkaata?

BOQONNAA 4

Yesuus Kiristoos Eenyu?

Yesuus Masiihicha abdachiifame fi Ilma Yihowaa isa tokkicha taʼuu isaa akkamitti akka beeknu, akkasumas eessaa akka inni dhufe baradhu.

BOQONNAA 5

Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu

Furiin maali dha? Isa irraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

BOQONNAA 6

Yeroo Duunu Eessa Dhaqna?

Wanta Kitaabni Qulqulluu warra duʼanii fi ilmaan namootaa maaliif akka duʼan ilaalchisee dubbatu baradhu.

BOQONNAA 7

Namoonni Duʼan Duʼaa ni Kaʼu!

Nama jaallattu duʼaan dhabdeettaa? Deebinee isaan arguu ni dandeenyaa? Duʼaa kaʼuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu baradhu.

BOQONNAA 8

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

Namoonni hedduun waaʼee Kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jedhamuu beeku. Yaadni, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhu hiika maalii qaba?

BOQONNAA 9

Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?

Gochii fi ilaalchi namoota naannoo keenya jiranii akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee dubbatetti yeroo dhumni addunyaa dhihaate keessa jiraachaa akka jirru kan mirkaneessu akkamitti akka taʼe ilaali.

BOQONNAA 10

Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee maleekotaa fi jinniiwwanii ni dubbata. Uumamawwan hafuuraa kun dhugumaan jiruu? Nu gargaaruu ykn nu miidhuu ni dandaʼuu?

BOQONNAA 11

Rakkinni kan Baayʼate Maaliifi?

Namoonni hedduun rakkina addunyaa keessa jiru hundaaf kan itti gaafatamu Waaqayyo dha jedhanii yaadu. Ati hoo maal jetta? Sababii rakkinni itti nama irra gaʼu ilaalchisee Waaqayyo maal akka jedhu baradhu.

BOQONNAA 12

Michuu Waaqayyoo Taʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

Jireenya Yihowaa gammachiisu jiraachuun ni dandaʼama. Michuu isaa iyyuu taʼuu ni dandeessa.

BOQONNAA 13

Kennaa Jireenyaatiif Ulfina Kenni

Waaqayyo ulfa baasuu, dhiiga fudhachuu fi jireenya bineensotaaf ilaalcha akkamii qaba?

BOQONNAA 14

Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa

Jaalalli Yesuus argisiise abbootii manaa, haadhotii manaa, warraa fi ijoolleedhaaf fakkeenya taʼa. Nuti hoo isa irraa maal baranna?

BOQONNAA 15

Karaa Sirrii Waaqayyo itti Waaqeffatamu

Qabxiiwwan namoota amantii dhugaa hordofan ittiin beekuun dandaʼamu jaʼa hubadhu.

BOQONNAA 16

Waaqayyoon Waaqeffachuu Filadhu

Waaʼee amantii kee namootatti yommuu himtu haalli rakkisaan akkamii si mudachuu dandaʼa? Utuu isaan hin aarsin kan itti himuu dandeessu akkamitti?

BOQONNAA 17

Mirga kadhannaa

Waaqayyo kadhannaa kee ni dhagaʼaa? Gaaffii kana deebisuuf, wanta Kitaabni Qulqulluun kadhannaa ilaalchisee barsiisu hubachuu qabda.

BOQONNAA 18

Waaqayyoof Of Murteessuu fi Cuuphamuun Qabaa?

Namni tokko Kiristiyaana taʼee cuuphamuuf ulaagaa akkamii guutuu qaba? Cuuphaan maal akka argisiisuu fi akkamitti akka raawwatamu ilaali.

BOQONNAA 19

Yihowaatti Dhihaadhuu Jiraadhu

Wanta nuu godhe hundaaf Waaqayyoon galateeffachuu fi akka isa jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Ibsa Dabalataa

Hiika jechootaa fi gaaleewwan kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu keessatti itti hojjetaman