Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Isa Kamitti Amanta?

Isa Kamitti Amanta?

Namoonni Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan fudhatamuu akka qabu amanan hedduun, waggoota kuma muraasa dura, laftii fi wantoonni ishiirratti argaman hundi, guyyoota jaʼan saʼaatii 24 qaban keessatti akka uumaman dubbatu. Namoonni Waaqayyo jiraachuusaatti hin amannemmoo Waaqayyo akka hin jirre, Kitaabni Qulqulluun kitaaba oduu durii akka taʼe, jireenyi akka tasaa akka argamee fi karooraan akka hin uumamne si amansiisuuf yaalu.

Namoonni hedduunimmoo ilaalcha wal faallessu kana guutummaatti fudhachuu baatanis wanti isaan itti amanan yaada lamaan kanaa ala miti. Birooshura kana dubbisaa kan jirtu taʼuun keeyyuu namoota kana keessaa tokko taʼuu kee argisiisa. Tarii Waaqayyotti ni amanta, Kitaaba Qulqulluufis kabaja guddaa qabda taʼa. Taʼus, yaada saayintistoonni dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼanii fi jireenyi uumamaan hin argame jechuudhaan dubbataniifis iddoo guddaa kennita taʼa. Warra yoo taatanimmoo, ijoolleen keessan waaʼee uumamaa fi waaʼee jijjiirama tirannaa yeroo isin gaafatan maal jettanii akka deebistan beekuu barbaaddu taʼa.

Kaayyoon birooshura kanaa maalidha?

Kaayyoon birooshura kanaa, yaada namoota Kitaaba Qulqulluu kallattiidhaan fudhatanii ykn yaada namoota Waaqayyotti hin amannee qeequu miti. Kanaa mannaa, wantoonni itti amantu tokko tokko ragaa maalii akka qaban akka qortu si gargaaruuf qophaaʼe. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa ibsan irratti karaa ati tarii yaaddee hin beekneen ibsa. Madda jireenyaa ilaalchisees wanti ati itti amantu jijjiirama kan fidu maaliif akka taʼe ibsa.

Yaada namoota, ‘Uumaan dandeettii guddaa qabu hin jiru,’ akkasumas ‘Kitaaba Qulqulluutti amanamuun hin dandaʼamu’ jedhaniitti ni amantaa? Moo yaada Kitaaba Qulqulluu qoruu barbaadda? Barumsa Kitaaba Qulqulluuttimoo jijjiirama tirannaatti amanta? (Ibroota 11:1) Dhugaa jiru maaliif hin qortu?