Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 28

Wanta Yihowaa fi Yesuus Siif Godhaniif Dinqisiifannaa Qabdu Argisiisi

Wanta Yihowaa fi Yesuus Siif Godhaniif Dinqisiifannaa Qabdu Argisiisi

Michuun kee tokko kennaa gaarii tokko yommuu siif kennu maaltu sitti dhagaʼama? Baayʼee akka gammadduu fi kennaa sana akka dinqisiifattu michuu kee sanatti argisiisuu akka barbaaddu beekamaa dha. Yihowaa fi Yesuus kennaa argachuu dandeenyu kam irra iyyuu caalu nuuf kennaniiru. Kennaan kun maali dha? Kennaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

1. Karaawwan wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuuf godhaniif dinqisiifannaa qabnu argisiisuu itti dandeenyu keessaa tokko maali dha?

Kitaabni Qulqulluun, “[Yesuusitti] akka amanu hojiidhaan kan argisiisu hundi” bara baraaf akka jiraatu abdii kenna. (Yohaannis 3:16, miiljalee) Amantii hojiidhaan argisiisuu jechuun maal jechuu dha? Yesuusitti amanuu caalaa waan dabalatu qaba. Filannoo goonu irrattis taʼe wanta raawwannuun amantii akka qabnu argisiisuu nu barbaachisa. (Yaaqoob 2:17) Gocha keenyaa fi dubbii keenyaan amantii akka qabnu argisiisuudhaan, michummaa Yesuusii fi Yihowaa isa Abbaa isaa taʼee wajjin qabnu cimsachuu dandeenya.—Yohaannis 14:21 dubbisi.

2. Qophiin addaa dinqisiifannaa wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif qabnu argisiisuuf nu gargaaru isa kami?

Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, karaa duuka buutonni isaa aarsaa isaatiif dinqisiifannaa qaban argisiisuu itti dandaʼan kan biraa dubbateera. Ayyaana addaa Kitaabni Qulqulluun “Irbaata Gooftaa” jedhee waamu hundeesseera; ayyaanni kun Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos jedhamees ni beekama. (1 Qorontos 11:20) Yesuus ayyaana kana kan hundeesse, ergamoonni isaa fi Kiristiyaanonni dhugaan isaan booda dhufan hundi lubbuu isaa nuuf kennuu isaa akka yaadataniif jedhee ti. Ayyaana kana ilaalchisee Yesuus ajaja, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedhu kenneera. (Luqaas 22:19) Atis Ayyaana Yaadannoo kana irratti yommuu argamtu dinqisiifannaa jaalala guddaa Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisaniif qabdu argisiista.

CAALAATTI BARADHU

Karaawwan dinqisiifannaa jaalala guddaa Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisaniif qabdu itti argisiistu dabalataa qoradhu. Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe baradhu.

3. Dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf maal gochuu dandeenya?

Namni tokko bishaaniin liqimfamuu irraa si oolche haa jennu. Maarree wanta namni kun siif godhe salphaadhumatti irraanfattaa? Moo karaa dinqisiifannaa wanta namni kun sii godheef qabdu itti argisiistu barbaadda?

Carraa bara baraaf jiraachuu kan arganne gaarummaa Yihowaatiin kan kaʼe dha. Yohaannis Tokkoffaa 4:8-10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Aarsaan Yesuus kennaa addaa kan taʼe maaliifi?

  • Wanta Yihowaa fi Yesuus siif godhan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

Dinqisiifannaa wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhaniif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Qorontos Lammaffaa 5:15 fi 1 Yohaannis 4:11; 5:3 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoonni kun akka jedhanitti, dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf maal gochuu dandeenya?

4. Fakkeenya Yesuus hordofi

Karaan dinqisiifannaa keenya argisiisuu itti dandeenyu kan biraan immoo fakkeenya Yesuus hordofuu dha. Pheexiros Tokkoffaa 2:21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

5. Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argami

Wanta jalqaba yeroo Irbaanni Gooftaa hundeeffametti raawwatame ilaaluuf, Luqaas 22:14, 19, 20 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Irbaanni Gooftaa yommuu kabajamutti maaltu raawwatame?

  • Maxinoo fi wayinichi maal argisiisa?—Lakkoofsa 19 fi 20 ilaali.

Yesuus barattoonni isaa guyyaa inni duʼetti Ayyaana Yaadannoo waggaatti siʼa tokko akka kabajan barbaada ture. Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa akkaataa inni kabajee tureen duʼa Kiristoos yaadachuuf waggaatti siʼa tokko walitti qabamu. Waaʼee ayyaana barbaachisaa taʼe kanaa barachuuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

  • Ayyaanni Yaadannoo yeroo kabajamutti maaltu raawwatama?

Maxinoo fi wayiniin wanta bakka buʼan qabu. Maxinoon sun qaama Yesuus isa mudaa hin qabnee fi nuuf jedhee aarsaa taʼe kan argisiisu dha. Wayinichi immoo dhiiga isaa argisiisa

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ani Yesuusiin Gooftaa fi Fayyisaa koo godhadhee fudhadheera, wanta kan biraa gochuun na hin barbaachisu.”

MAAL BARATTE?

Yesuusitti akka amannu hojiidhaan argisiisuudhaan, akkasumas Ayyaana Yaadannoo duʼa isaa irratti argamuudhaan dinqisiifannaa wanta inni nuu godheef qabnu argisiisna.

Irra Deebii

  • Yesuusitti akka amannu hojiidhaan argisiisuu jechuun maal jechuu dha?

  • Dinqisiifannaa wanta Yihowaa fi Yesuus siif godhaniif qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

  • Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argamuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Duuti Kiristoos maal gochuuf nu kakaasa?

Yihowaadhaaf Ulfina Kennuuf Qaama Isaatti Fayyadameera (9:28)

Waaʼee amantii fi akkamitti hojiidhaan argisiisuu akka dandeenyu caalaatti baradhu.

“Amantii Waadaawwan Yihowaan Gale Irratti Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 2016)

Seenaa jireenyaa “Amma Qulqulluu Akkan Taʼee fi Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachaa Akkan Jiru Natti Dhagaʼama” jedhu irratti, waaʼee aarsaa Kiristoos beekuun jireenya dubartii takkaa irratti jijjiirama akkamii akka fide ilaali.

“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Maxinoo fi wayinii Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatu irraa kan fudhatan namoota muraasa kan taʼan maaliif akka taʼe ilaali.

“Dhugaa Baatonni Yihowaa Irbaata Gooftaa Karaa Amantiiwwan Kaan Irraa Adda Taʼeen kan Kabajan Maaliifi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)