Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu—Iyyoob

Nama Fakkeenya Taʼu—Iyyoob

Nama Fakkeenya Taʼu—Iyyoob

Jireenyi Iyyoob guutummaatti jijjiirame. Tokkoffaa, qabeenya isaa hunda dhabe. Lammaffaa, ijoollee isaa hunda duʼaan dhabe. Sadaffaa, fayyaa isaa dhabe. Rakkinni kun hundi kan irra gaʼe takkaatti akkuma tasaa ture. Kanaafuu, Iyyoob gadda guddaadhaan, “Ani jireenya koo baayʼeen jibba” jedheera. Akkasumas ‘salphinaa fi dhiphinaan akka guutame’ isatti dhagaʼameera. (Iyyoob 10:1, 15) Iyyoob rakkinni kun hundi isarra gaʼus, Uumaa isaa ganuu dideera. (Iyyoob 2:10) Jijjiiramni jireenya isaa keessatti isa mudate eenyummaa isaa hin jijjiirre. Kanaafuu, Iyyoob jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera.

Atis rakkinni yeroo sirra gaʼu, ‘jireenya kee baayʼee jibbita’ taʼa. Taʼus akkuma Iyyoob, jijjiiramni si mudatus eenyummaa kee utuu hin jijjiirin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu kee itti fufuu ni dandeessa. Yaaqoob akkana jedhee barreesseera: “Kunoo, warra jabaatanii dhaabbatan gammadoo akka taʼanitti ilaalla. Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu; wanta Yihowaan isaaf godhes argitaniittu; Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha.” (Yaaqoob 5:11) Yihowaan akkuma Iyyoobiin kunuunse, siinis ni kunuunsa!