AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Kitaaba Qulqulluu Dhimmanii Qoʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Akkuma Daaniʼel qorumsa keessatti amanamaa taatee jiraachuu barbaaddaa? Daaniʼel, raajii hiika guddaa qabu dabalatee Dubbii Waaqayyoo dhimmee qoʼata ture. (Dan 9:2) Kitaaba Qulqulluu dhimmitee qoʼachuun kee amanamaa taʼuuf si gargaaruu dandaʼa. Akkamitti? Amantii abdii Yihowaan kenne akka raawwatamu qabdu siif cimsa. (Iya 23:14) Kana malees, jaalala Waaqayyoo isa wanta sirrii akka raawwattu si kakaasu guddifachuuf si gargaara. (Far 97:10) Haa taʼu malee eessaa jalqabuu qabda? Yaadawwan armaan gadii hubadhu.
-
Maal qoʼachuun qaba? Barsiifanni qoʼannaa gaariin walgaʼii gumiitiif qophaaʼuu dabalata. Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torbanii qabxii siif hin galle irratti yeroo fudhattee qoʼannaa yoo goote faayidaa guddaa siif argamsiisa. Kana malees, warri tokko tokko raajii Kitaaba Qulqulluu, bifawwan firii hafuura Waaqayyoo, adeemsa misiyoonummaa Phaawulos ergamaa ykn uumamawwan Yihowaa caalaatti barachuuf filataniiru. Gaaffiin Kitaaba Qulqulluu yoo gara sammuu keetti dhufe, barreessiitii yeroo itti aanu qoʼannaa irratti godhi.
-
Eessaan odeeffannoo argachuu dandaʼa? Filannoo jiru tokko tokko beekuuf viidiyoo Barreeffamoota Qorannaa Kitaaba Qulqulluu Gochuuf Gargaaran jedhu ilaali. Beekumsa kee qoruuf, eenyummaa mootummoota addunyaa bineensota Daaniʼel boqonnaa 7 irra jiranitti fakkeeffaman irratti qorannaa godhi.
-
Qoʼannaa irratti yeroo hangamii dabarsuun qaba? Yeroo hunda qoʼannaa gochuun fayyaa hafuuraa keenyaaf murteessaa dha. Barbaachisaa taanaan yeroo gabaabaadhaaf qoʼachuudhaan jalqabuu dandeessa; dheerina isaa suutuma suuta dabali. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun qabeenya dhokfame qotanii barbaaduu wajjin wal fakkaata; qabeenya sana argachaa yommuu deemtu fedhiin qotuuf qabdu dabalaa deema! (Fak 2:3-6) Fedhiin Dubbii Waaqayyoof qabdu dabalaa yommuu deemu, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barsiifata itti fufu taʼa.—1Ph 2:2.
BINEENSONNI DAANIʼEL BOQONNAA 7 IRRATTI IBSAMAN MAAL ARGISIISU?
GAAFFII DABALATAA:
Daaniʼel 7:8, 24 kan raawwatame akkamitti ture?
PIROJEKTII ITTI AANU:
Bineensonni Mulʼata boqonnaa 13 irratti ibsaman maal argisiisu?