Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Xalayaa Gaarii Barreessuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Xalayaa Gaarii Barreessuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Kitaabni 1 Qorontos xalayaawwan 14 Phaawulos Kiristiyaanota jajjabeessuuf barreesse keessaa isa tokko dha. Namni xalayaa barreessu yeroo waan qabuuf jechoota itti fayyadamu of eeggannoodhaan filata; kun immoo namni barreeffameef sun irra deddeebiʼee akka dubbisu gochuu dandaʼa. Xalayaa barreessuun firoota keenyaa fi namoota beeknu kaaniif dhugaa baʼuuf mala gaarii taʼe dha. Kana malees, namoota qaamaan argannee haasofsiisuu hin dandeenyeef dhugaa baʼuuf mala buʼa qabeessa taʼe dha. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko fedhii kan qaban taʼu illee, manatti isaan argachuun rakkisaa taʼu dandaʼa. Tarii namoonni naannoowwan tajaajilaa keenya keessaa jiran argachuun kan nu rakkisu, gamoowwan fi naannoowwan jireenyaa eegumsi cimaan godhamu keessa ykn naannoowwan fagaatanii argamanitti waan jiraataniif taʼuu dandaʼa. Nama hin beekne tokkoof yeroo xalayaa barreessinu wantoonni yaadatti qabachuu qabnu tokko tokko kamfaʼi?

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Wanta utuu nama sana qaamaan argattee dubbachuu dandeessu barreessi. Jalqaba xalayichaa irratti maqaa kee barreessi, achiis maalif akka barreessite ifatti ibsiif. Tarii gaaffii namni sun akka irratti yaadu godhu isa gaafachuu dandeessa. Achiis, gara weeb saayitii keenyatti isa qajeelchi. Qophiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jiru itti himi; yookiin immoo meeshaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran keessaa isa tokko irraa mata dureewwan boqonnaa tokko tokko ibsiif. Barreeffamoota kanneen akka kaardii teessoo, waraqaa afeerrii ykn tiraaktii xalayicha keessa kaaʼuu dandeessa

  • Xalayaan kee gabaabaa haa taʼu. Hamma namni sun dubbisuu nuffutti dheerachuu hin qabu.—Xalayaa akka fakkeenyaatti barreeffamee fi fuula 8 irra jiru ilaali

  • Dogoggora kan hin qabnee fi sirriitti kan dubbifamu taʼuu isaa mirkaneessi. Akkasumas akka michuu tokkoof taʼutti, malaanii fi karaa ulfina qabun barreeffamuu isaa mirkaneeffachuuf irra deebiʼii dubbisi