Waraanni Armaagedoon Yoom Jalqaba?
Waraanni Armaagedoon Yoom Jalqaba?
‘Tuuta sonaan baayʼee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaaʼuu hin dandeenyeefi rakkina guddaa keessaa baʼanii dhufan nan arge.’—MULʼATA 7:9, 14.
WARAANNI Armaagedoon godhamuuf haallisaa mijaaʼeera. Akkamitti?
Yeroo ammaa jaarmiyaan namoota addunyaa maratti Yihowaa tajaajilaniifi seera amalaa Macaafa Qulqulluu sadarkaa guddaa qabuun jiraatan qabate tokko hundeeffameera. Gargaarsa Waaqayyootiin namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman, saba hundumaa, gosa hundumaafi afaan hundumaa keessaa walitti qabamanii tokkummaa obbolummaa jaalala qabu uumaniiru. Obbolummaan akkasiis Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti argama.—Yohannis 13:35.
Seexanni yeroo dhihootti humnootasaa walitti qabachuudhaan, namoota nagaafi humna kan hin qabne fakkaatan kanarratti waraana guddaa bana. (Hisqiʼel 38:8-12; Mulʼata 16:13, 14, 16) Kun akka taʼu akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa? Macaafni Qulqulluun haalawwan Armaagedoon yoom akka taʼu beekuuf nu gargaaran adda baasee ibsa. Haalawwan Macaafni Qulqulluun ibsu hedduun kun raawwatamaa jiru.
Wantoota Yommuu Raawwataman Argaa Jirtu
Bartoonni Yesus, namoonni “dhuma barichaa” akkamitti beekuu akka dandaʼan isa gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in kaʼa; beelli, sochoʼi lafaas iddoo adda addaatti in taʼa” jedhee deebsuudhaan yeroon kun yoom akka taʼu argisiiseera. Achiis, “Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti” jedheera. (Maatewos 24:7, 8) Phaawulos ergamaanis yeroo kanaan “guyyoota gara dhumaa” kan jedhe siʼa taʼu, guyyoonni kun ‘yeroo sodaachisaa’ akka taʼanis ibseera. (2 Ximotewos 3:1) Raajiiwwan kun haala yeroo harʼaatti raawwatamaa jiru kan ibsan sitti fakkaataa?
Yeroon kun baayʼee rakkisaa kan taʼe maaliifi? Yohannis ergamaan sababiisaa caqaseera. Mulʼata 12:7-12) Yeroo harʼaa iddoo tokko qofatti utuu hin taʼin, namoota addunyaa mara jiranirratti, aariifi gooliin akka mulʼatu hubatteettaa?
Sochiin Seexanniifi hafuuronni hamoon godhan lafa qofarratti kan daangeffameefi “yeroo gabaabduu” qofti akka isaaniif hafe raajii dubbateera. Seexannis yeroo kanatti ‘guddaa akka aare’ ibsameera. (Yesus yeroo baayʼee rakkisaa taʼe kanatti, hojiin guddaan tokko akka raawwatamus dubbateera. “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa [Waaqayyoo] kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedheera. (Maatewos 24:14) Yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan 500 oliifi biyyoota 235 olitti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsaa jiru. Barreeffamoonni isaan maxxansan lamaan, jechuunis Masaraa Eegumsaafi Dammaqaan!, barreeffamoota addunyaa maratti raabsaman hundumaa caalaa baayʼinaan raabsamu. Macaafa Qulqulluus gara afaan 100tti hiikaniiru. Hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin hojjetama; akkasumas buusii namoonni fedhiidhaan kennaniin deggerama. Duulli lallabaa ajaaʼibsiisaa taʼe kun raawwii raajii Yesus dubbatee sitti hin fakkaatuu?
Kana malees, Macaafni Qulqulluun haalawwan kallattiidhaan gara waraana Yihowaafi namoota isa morman gidduutti godhamutti geessan ni ibsa. Mee raajiiwwan yommuu raawwataman arguuf jirtu akkasii sadii ilaali.
Wantoota Yommuu Raawwataman Arguuf Jirtu
Raajii 1. Macaafni Qulqulluun saboonni labsii guddaa “nagaa dha, gabii dhas” jedhu tokko akka baasan dubbata. Rakkoo gurguddaa taʼan hiikuuf akka jedhan isaanitti dhagaʼama. Haataʼu malee, haalawwan labsii sana booda raawwataman nagaan akka hin jirre argisiisu.—1 Tasaloniiqee 5:1-3.
Raajii 2. Ittaansuudhaan mootummoonni garaagaraa dhaabbilee amantii biyya lafaarratti kaʼuuf murteessu. Macaafa Qulqulluu keessatti mootummoonni kun bineensatti, amantiin sobaa biyya lafaammoo dubartii bineensicharra teessutti fakkeeffamaniiru. (Mulʼata 17:3, 15-18) Bineensi fakkeenyaan ibsame kun, dhaabbilee amantii Waaqayyoon bakka buuna jedhan balleessuudhaan wanta Waaqayyo akka bineensichi godhu barbaadu raawwata.
Yohannis ergamaan diraamaa fakkeenyaan ibsaman kanarratti, “Gaanfonni kurnan ati argite, bineensichis ishee ejjituu sana jibbuuf jiru; isaan onsanii qullaatti ishee in hambisu; isaan foon ishee in nyaatu, ibiddaanis ishee in gubu. . . . Akeeka Waaqayyoo hojii irra akka oolchaniif, inni kana garaa isaanii keessa kaaʼeera” jedhee ibseera.—Mulʼata 17:16, 17.
Raajii 3. Seexanni, lola amantii sobaarratti baneen milkaaʼina argate kanatti aansuudhaan, saboonni namoota Yihowaa waaqeffatanirratti akka kaʼan godha.—Mulʼata 7:14; Maatewos 24:21.
Kun Maal Gochuuf Si Kakaasuu Qaba?
Macaafa Qulqulluu akka gaariitti qayyabachuudhaaf carraa hin arganne taanaan, haalli olitti ibsame akka raawwatamu amanuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, wantoonni ibsaman hundi akka raawwatamaniifi kunis dhiheenyatti akka taʼu amanuuf sababii gaʼaan jira. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu yeroo dheeraa dura dubbatamaniifi raawwiisaanii argatan, kanneen gara fuulduraatti raawwatamaniifis mirkanaaʼoo akka taatu si gargaaru. *
Dhugaa Baatonni Yihowaa, ‘lolli guyyaa isa guddicha kan Waaqayyo hundumaa dandaʼutti’ taʼu dhihoo akka taʼeefi atis sodaachuun akka si hin barbaachisne mirkanaaʼoo kan taʼan maaliif akka taʼe beekuuf yeroo muraasa akka ramaddu si jajjabeessina. Namoota Yihowaan eegumsa godhuuf keessaa tokko taʼuuf maal gochuu akka qabdu ilaalchisee, wanta Macaafni Qulqulluun jedhu akka sii ibsan gaafadhu. (Mulʼata 16:14) Wanti barattu ilaalcha yeroo gara fuulduraatiif qabdu jijjiiruu dandaʼa taʼa.
[Miiljalee]
^ key. 17 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu akka raawwataman ragaa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 2fi 9 ilaali.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 8rra jiru]
Hojiin Dhugaa Baatonni Yihowaa hojjetan raawwii raajii Macaafa Qulqulluu taʼuu dandaʼaa?