Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Barbaaduu

Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Barbaaduu

Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Barbaaduu

“Namni hundi waaʼee [Yesus] ilaalcha mataasaa qaba jechuun ni dandaʼama. Amantiin ykn shakkiin isarratti qabnu hammamiyyuu yoo taʼe, hundi keenya ‘Namni kun eenyu?’ jennee gaafanna.”​—HAYYUU ISTAAN GATRII JEDHAMAN.

NAMOONNI, waaʼee Yesus beekuuf hawwii guddaa qabu. Kitaabonni waaʼeesaa dubbatan baayʼee beekamoo taʼaniiru. Fiilmiiwwan waaʼeesaa ibsanis baayʼee jaallatamu. Haataʼu malee, ammayyuu waaʼee Yesus gaaffiiwwan hedduun ni kaʼu. Namoonni, eenyummaa Yesus ilaalchisee yaada garaagaraa qabu.

Waggoota muraasa dura, gaazexeessitoonni lama toora intarneetiirratti gaaffii “Yesus Eenyu Ture?” jedhu namootaaf dhiheessanii turan. Namoonni gaafatamanis akkas jechuudhaan deebii kennaniiru:

● “Inni rabbi (barsiisaa) isa gara-laafina argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼe akka ture beekamaadha.”

● “Nama warra kaanirraa adda hin taaneefi jireenya adda taʼe jiraatedha.”

● “Ragaan Yesus nama lubbuudhaan jiraate taʼuusaa argisiisu hin jiru.”

● “Yesus Ilma Waaqayyoo siʼa taʼu, inni duʼaafi cubbuu jalaa nu oolchuuf kan dhalate, kan duʼeefi duʼaa kan kaafamedha. Yesus yeroo harʼaatti jira; gara fuulduraattis deebiʼee gara lafaatti ni dhufa.”

● “Yesus Kiristos ilma Waaqayyoo isa tokkicha akka taʼeefi al takkaatti guutummaatti nama, guutummaattis waaqa akka taʼe nan amana.”

● “Seenaan waaʼee Yesus dubbatamu sheekkoo ijoolleeti.”

Ilaalchi garaagaraa kun hundi sirrii taʼuu akka hin dandeenye beekamaadha. Maarree maddi amansiisaan Yesusiin ilaalchisee gaaffiiwwan qabnu hundaaf deebii quubsaa nuu kennuu dandaʼu jiraa? Maxxansitoonni barruu kanaa, Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼeefi waaʼee Yesus dhugaasaa nutti himuu kan dandaʼu kitaaba kana qofa akka taʼe amanu. *2 Ximotewos 3:16.

Mataduree itti aanurratti, gaaffiiwwan Yesusiin ilaalchisee yeroo baayʼee gaafatamaniif deebii Macaafni Qulqulluun kennu ilaalla. Innumtiyyuu, “isatti kan amanu hundi” fayyina akka argatu dubbateera. (Yohannis 3:16) Atis deebiiwwan kana erga qorattee booda, waaʼee Yesus caalaatti beekuun kan si barbaachisu taʼuufi dhiisuusaa akka murteessitu, akkasumas akkamitti isatti amanuu akka dandeessu akka barattu si afeerra.

[Miiljalee]

^ key. 11 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 2 mataduree, “Macaafni Qulqulluun—Kitaaba Waaqayyo Namootaaf Kennedha” jedhu ilaali.