Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Abdiin Keenya Dhihaachuusaa Mulʼisu

Rakkina Abdiin Keenya Dhihaachuusaa Mulʼisu

Rakkina Abdiin Keenya Dhihaachuusaa Mulʼisu

‘Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan in dhufa!ʼ—2 XIMOTEWOS 3:1.

HAALAWWAN gaddisiisaa armaan gadii dhageessee ykn sirra gaʼee beekaa?

● Dhukkuba lubbuu namoota hedduu galaafate.

● Beela namoota dhibba hedduutti lakkaaʼaman ajjeese.

● Sochoʼa lafaa namoota kumaan lakkaaʼaman ajjeeseefi namoota hedduummoo mana malee hambise.

Fuulawwan ittaananirratti haalawwan biyya lafaa nama gaddisiisan tokko tokko ibsamaniiru. Macaafni Qulqulluun “guyyoota gara dhumaa” ilaalchisee haalawwan akkasii akka uumaman raajii kan dubbatu taʼuusaas ni hubatta. *

Haataʼu malee kaayyoon matadureewwan kanaa, addunyaa jeequmsaan guutame keessa jiraachaa akka jirru si amansiisuuf kan dhihaate miti. Rakkinni kun sumaaniyyuu mudateera taʼa. Matadureewwan kun kan qophaaʼan abdii akka qabaattu si gargaarufidha. Raajiiwwan jaʼan kun raawwatamuunsaanii “guyyoonni gara dhumaa” dhiheenyatti akka xumuramu argisiisa. Matadureewwan walitti aananii baʼan kun, mormiiwwan baramaa tokko tokkoof, akkasumas ragaa yeroon gaariin akka dhufu amanuu kan dandeessu maaliif akka taʼe ibsu qabateera.

[Miiljalee]

^ key. 7 Sababa itti Waaqayyo haalawwan gadheen akkasii akka gaʼan heyyame ilaalchisee mataduree, “Waaqayyo Hammeenyiifi Dhiphinni Akka Jiraatu Kan Heyyame Maaliifi?” jedhu fuula 22fi 23 ilaali.