Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Karaa Hafuuraa Si Barbaachisu Guuttadhu

Wanta Karaa Hafuuraa Si Barbaachisu Guuttadhu

Tarkaanfii 5

Wanta Karaa Hafuuraa Si Barbaachisu Guuttadhu

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA? “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii kan raawwatan haa gammadan!”—Luqaas 11:28.

QORUMSA AKKAMIITU JIRA? Karaa fedhii hafuuraakee guuttachuu itti dandeessu ilaalchisee, amantiiwwan kumaan lakkaaʼaman garaagaraa barumsawwan wal faallessan barsiisu. Amantiin dhugaa barsiisuufi dhugumaan Waaqayyoon gammachiisu isa kam akka taʼe akkamitti beekuu dandeessa? Barreessitoonni beekamoo taʼan tokko tokko, Waaqayyotti amanuufi isaaf buluun hubannaa dhabuu kan argisiisu taʼuusaarrayyuu miidhaa kan geessisudha jedhanii falmu. Barruun Maakleen jedhamu, namni beekamaan Waaqayyotti hin amanne tokko, ‘Yaanni Kiristiyaanummaa, wanti saayinsiifi qaamonni miiraa keenya bira gaʼuu hin dandeenye akka jiru dubbatu kun, jireenyi amma jiraannu kun milkaaʼina kan hin arganne kan fakkeessuufi walirratti akka kaanu kan godhudha’ jechuusaa gabaabsee ibseera.

MAAL GOCHUU DANDEESSA? Ragaa Waaqayyo jiraachuusaa mirkaneessu qori. (Roomaa 1:20; Ibroota 3:4) Namni kamiyyuu gaaffiiwwan armaan gadii barbaachisaa taʼaniif deebii akka hin arganne akka si dhowwu hin heyyamin: Lafarra kan jiraannu maaliifi? Duʼa booda jireenyi jiraa? Rakkinni kan baayʼate maaliifi? Waaqayyo narraa maal barbaada? Gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa taʼe argachuunkee, gammachuukee eegdee jiraachuuf baayʼee barbaachisaadha.

Haataʼu malee, wanta warri kaan siin jedhan calluma jettee hin fudhatin. Dubbiin Waaqayyoo wanta isa biratti fudhatama qabu mirkaneeffachuuf ‘hubannaa keetti’ akka fayyadamtu si jajjabeessa. (2 Ximotewos 2:7) Gama kanaan carraaqqiin ati gootu kan si kiisudha. Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeroo kan ramadduufi gorsasaa hojiirra kan oolchitu yoo taʼe, rakkoowwan hedduurraa fagaatta, dhiphina sirra gaʼu ni hirʼista; akkasumas gammachuun jireenya keerraa argattu akka dabalu goota. Abdiin kun wanta gatii hin qabne miti. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi haala addaddaa keessaa dhufan, waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa barumsa dhugaa taʼe barachuudhaan faayidaa argataniiru. Fakkeenyaaf, seenaawwan dhugaa Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii 2009, fuula 26-29⁠rra jiran dubbisi.

Gorsa Macaafa Qulqulluu isa ogummaarratti hundaaʼe hojiirra oolchuudhaan faayidaa argachaa yommuu adeemtu, caalaatti Waaqayyoof kan bulte taata. Afeerrii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu sii dhihaate fudhachuu dandeessaa? Afeerrii kana kan fudhattu yoo taʼe, yaada Phaawulos ergamaan, “Nama Waaqayyoo taʼuun, nama wanta qabuun of dandaʼee jiraatu biratti buʼaa guddaa qaba” jechuudhaan barreessee wajjin akka walii galtu hin shakkisiisu.—1 Ximotewos 6:6.

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Wanta Waaqayyo biratti fudhatama qabu mirkaneeffadhu