Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?

Gaaffii Dubbistootaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqeffannaasaanii Keessatti Fannoodhaan Kan Hin Gargaaramne Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa, furiin aarsaan du’a Yesusiin argame namoota isatti amananiif karaa jireenya barabaraa akka argamsiise amantaa cimaa qabu. (Maatewos 20:28; Yohannis 3:16) Haata’u malee, yeroo baay’ee akka fakkiiwwan aadaa duriirratti argamu Yesus fannoorratti du’e jedhanii hin amanan. Yesus muka qaxxaamurarratti utuu hin ta’in, muka solooloorratti akka fannifame amanu.

Kiristos dhalachuusaa waggaa kuma lama dura warri Mesophotaamiyaa fannoodhaan fayyadamu turan. Dhaloota Kiristos dura bara Biroonzi Eej (Bara Nahaasaa) jedhamee waamamutti, mallattoon Fannoo warra Iskaandineeviyaatiin dhagaarratti kaafamaa tureera. Barreessaa seenaafi ogeessa mallattoo siidaawwanii biyya Daanish kan ta’an Siivan Tiitoo Akaan jedhaman kitaabasaanii isa Siimbool Arraawond Aas jedhamurratti, namoonni Kiristiyaanota hin taane fannoo, “mallattoo hooda ittiin hedan . . . eegumsa kan namaaf godhuufi carraa gaarii kan namaaf argamsiisu” godhanii akka itti gargaaramaa turan barreessaniiru. Niwuu Kaatolik Insaayikilooppeediyaan akkas jedhee amanuunsaa kan nama dinqisiisu miti: “Fannoon aadaawwan Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura turan birattis ta’e namoota Kiristiyaanota hin taane biratti uumamawwan samiirratti argaman bakka bu’uudhaan beekama ture.” Erga akkas ta’ee, dhaabbileen amantii Kiristiyaanaa fannoo mallattoo waan hundaa caalaa qulqulluu ta’e godhanii ilaaluu kan filatan maaliifi?

Wiiliyaam Eedwii Vaayin, hayyuu beekamaafi kabajamaa biyya Biritaaniyaa, haqa hin haalamne kana akkas jechuudhaan ibsaniiru: “Dhaloota Kiristos booda . . . walakkaa jaarraa 3⁠ffatti namoonni Waaqayyoon hin beekne waldaalee Kiristiyaanaa biratti fudhatama argatan . . . fakkiiwwaniifi mallattoowwansaanii keessaa gara caalu itti fayyadamuusaanii akka itti fufan isaaniif heyamameera. Kanaaf, mallattoon Taawu ykn T fakkaatuufi gara mataasaarraa xinnoo gabaabaa ta’e hojiirra akka oolu godhame.”—Vaayin Eksipooziitarii Dikshinarii oov Oold eend Niwuu Teestaamant Wordis.

Vaayin itti dabalaniis afaan Giriikii jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen maqaan fannoo jedhuufi gochi himaa fannisuu jedhu “utubaa ykn muka solooloo kan argisiisu malee . . . muka wal qaxxaamuraa waldaalee Kiristiyaanaa biratti fudhatama argatanirraa adda akka ta’e” ibsaniiru. Ooksiford Yuunivarsiitiis Kompaaniyen Baayibil yaada kanaa wajjin walii galuudhaan: “Gooftaan kan ajjeefame muka solooloorratti malee fannoorratti akka hin taane . . . ragaan argisiisu jira” jechuudhaan dubbateera. Waldaaleen Kiristiyaanaa duudhaarratti malee, Macaafa Qulqulluurratti akka hin hundoofne kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama.

Barreessaa seenaa armaan olitti ibsaman Akaan, akkas jedhaniiru: “Kiristiyaanonni mallattoo fannootiin fayyadamuu kan jalqaban Yesus erga du’ee jaarraa lama boodadha jedhanii yaaduun rakkisaadha.” Itti dabaluudhaanis, fannoon Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif “du’aafi hammeenya kan argisiisudha.”

Yesus kan dhiphate ykn kan ajjeefame maalirrattiyyuu yoo ta’e, Kiristiyaanonni mi’a kamiyyuu waaqeffachuus ta’e waaqeffannaasaanii keessatti itti fayyadamuu hin qaban. Macaafni Qulqulluun, “waaqayyolii tolfamaniif sagaduu irraa fagaadhaa!” jechuudhaan ajaja. (1 Qorontos 10:14) Yesusumtiyyuu mallattoo bartoonnisaa warri dhugaa ittiin beekaman ifatti dubbateera. Akkas jedhe: “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.”—Yohannis 13:35.

Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaasaanii hundaan, akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa duudhaa caalaa Macaafa Qulqulluu hordofuuf carraaqqii godhu. (Roomaa 3:4; Qolosaayis 2:8) Kanaaf, waaqeffannaasaanii keessatti fannoodhaan hin gargaaraman.

[Fakkii fuula 25rra jiru]

DH.K.D. NAANNOO WAGGAA 800 DURA FAKKII MOOTII ASOOR ISA WAAQA HIN BEEKNEEFI UFFANNAA FANNOO QABU UFFATE ARGISIISU

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Photograph taken by courtesy of the British Museum