Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gara Laafina Yihowaa Hordofaa

Gara Laafina Yihowaa Hordofaa

“Yihowaa, Yihowaa, Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa.” —BAU. 34:6, NW.

FAARFANNAA: 57, 147

1. Yihowaan karaa adda taʼe kamiin Museetti of mulʼise? Kun dhimma bakki guddaan kennamuuf kan taʼe maaliifi?

YEROO TOKKO Waaqayyo waaʼee maqaa dhuunfaa Isaa fi amala isaa dubbachuudhaan Museetti of mulʼisee ture. Amalawwan isaa warri inni jalqaba irratti ibse araara qabeessaa fi gara laafessa taʼuu isaa ti. (Baʼuu 34:5-7, NW  * dubbisi.) Yihowaan humna isaa fi ogummaa isaa irra deddeebiʼee ibsuu dandaʼa ture. Taʼus, Musee isa deggersa Waaqayyoo akka argatu mirkanaaʼaa taʼuu barbaaduuf, Yihowaan amalawwan tajaajiltoota isaa gargaaruuf fedhii akka qabu argisiisan itti himeera. (Bau. 33:13) Waaqayyo amalawwan kaan dura amalawwan isaa kana ibsuun isaa kan nama gammachiisu mitii? Mata dureen kun amala gara laafinaa, jechuunis dhiphina ykn rakkina namoota kaanii akka kan ofiitti ilaaluu fi salphisuuf yaaluu argisiisu irratti xiyyeeffata.

2, 3. (a) Ilmaan namootaa uumamumaan gara laafina qabu kan jennu maaliifi? (b) Gara laafina ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuuf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

2 Ilmaan namootaa akka bifa Waaqayyootti uumaman. Yihowaan gara laafessa waan taʼeef, namoonni uumama isaaniitiin warra kaaniif ni yaadu. Namoonni Waaqa isa dhugaa hin beekne illee yeroo baayʼee gara laafina ni argisiisu. (Uma. 1:27) Kitaaba Qulqulluu keessatti, seenaawwan namoota gara laafina argisiisan hedduu arganna. Seenaa dubartoota ejjitootaa Solomoon duratti ‘Anatu haadha mucichaa ti’ jedhanii mucaa tokko irratti wal falman lamaa ni yaadattu. Yommuu Solomoon isaan qoruudhaaf mucichi bakka lamatti akka baqaqfamu ajajetti, haati ishiin dhugaan gara laafina akka qabdu argisiisteetti. Gara laafinni ishii hamma mucichi dubartii kaaniif akka kennamu kadhachuutti ishii geessiseera. (1 Mot. 3:23-27) Yookiin immoo intala Faraʼoon ishii lubbuu Musee isa mucaa xinnoo ture oolchite sanaa yaadadhaa. Mucaan sun mucaa Ibrootaa akka taʼee fi ajjeefamuu akka qabu kan beektu taʼu illee, “waan garaa isaaf laafteef,” (NW) akka mucaa ishiitti isa guddisuuf murteessite.—Bau. 2:5, 6.

3 Mata dureen gara laafina jedhu kun xiyyeeffannaa kee harkisuu kan qabu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa akka fakkaannu waan nu gorsuufi. (Efe. 5:1) Ilmaan namootaa gara laafina argisiisuu akka dandaʼan godhamanii kan uumaman taʼanis, cubbuun Addaam irraa dhaalle akka of irratti xiyyeeffannu nu godha. Yeroo tokko tokko warra kaan gargaaruu ykn of irratti xiyyeeffachuu ilaalchisee murtoo gochuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko yeroo baayʼee haala kanaa wajjin walʼaansoo godhu ykn madaallii isaanii eeguuf rakkatu. Madaallii keessan cimsuu fi namoota kaaniif akka yaaddan argisiisuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa? Mee jalqaba, Yihowaanis taʼe warri kaan gara laafina kan argisiisan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Achii immoo, fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi akkas gochuun keenya immoo kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe qorra.

YIHOWAAN GARA LAAFINA ARGISIISUU IRRATTI FAKKEENYA MUDAA HIN QABNE DHA

4. (a) Yihowaan maleekota gara Sodoomitti kan erge maaliifi? (b) Seenaa waaʼee Looxii fi intaloota isaa dubbatu irraa maal baranna?

4 Kitaabni Qulqulluun seenaawwan Yihowaan gara laafessa taʼuu isaa argisiisan hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, wanta Waaqayyo Looxiif godhe yaadaa. Namni qajeelaan sun addaggummaa jiraattota Sodoomii fi Gomoraatiin kan kaʼe “akka malee dhiphachaa ture.” Waaqayyo namoonni addaggummaa raawwatan sun duuti akka isaaniif malu murteessuun isaa sirrii ture. (2 Phe. 2:7, 8) Taʼus, Waaqayyo Looxiin oolchuuf maleekota ergeera. Maleekonni kunis innis taʼe maatiin isaa magaalaa badiisni itti murteeffame sana keessaa akka baqatan isaan akeekkachiisan. “Inni garuu qaqqabachaa ture; haa taʼu iyyuu malee, Waaqayyo waan isa baraareef [“garaa isaaf laafeef, NW”], namoonni sun [maleekonni] isa, haadha manaa isaa, intaloota isaa lamaanis harka qabanii baasanii mandarattii duubaan in gaʼan.” (Uma. 19:16) Fakkeenyi kun, Yihowaan haala rakkisaa tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan yeroo tokko tokko isaan mudatu guutummaatti akka hubatu kan argisiisu mitii?—Isa. 63:7-9; Yaq. 5:11; 2 Phe. 2:9.

5. Caqasoonni akka 1 Yohaannis 3:17 jiran gara laafina argisiisuu akka barannu kan nu gargaaran akkamitti?

5 Yihowaan gara laafina argisiisuu qofa utuu hin taʼin, sabni isaas gara laafeyyii akka taʼan isaan barsiiseera. Fakkeenyaaf, liqiidhaaf wayyaa qabsiisa fudhachuu ilaalchisee seera Israaʼelootaaf kenname ilaalaa. (Baʼuu 22:26, 27 dubbisi.) Namni gara jabeessa taʼee fi namaa liqeessu tokko wanta inni uffatee bulu utuu isaaf hin dhiisin wayyaa namichaa qabsiisa godhee fudhachuuf qoramuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan sabni isaa ilaalchaa fi gocha gara jabinaa akkasii irraa akka fagaatan isaan barsiiseera. Sabni isaa kun gara laafeyyii taʼuu qabu turan. Dhugaan buʼuuraa seera kana keessatti ibsame hojiidhaaf nu kakaasuu hin qabuu? Rakkina obboloota keenyaa salphisuuf wanti gochuu dandeenyu utuu jiruu, akka fakkeenyaatti qorra keessa akka bulan isaan dhiisuu ni barbaannaa?—Qol. 3:12; Yaq. 2:15, 16; 1 Yohaannis 3:17 dubbisi.

6. Yihowaan Israaʼeloonni cubbuu isaanii akka dhiisan irra deddeebiʼee isaanitti himuu isaa irraa maal baranna?

6 Yihowaan yeroo sabni isaa cubbuu raawwatanitti illee akka garaa isaaniif laafu argisiiseera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo inni kan abboota isaanii saba isaatiif, mana qulqullummaa isaatiifis waan ooʼeef [“garaa laafeef,” NW], si’a baayʼee ergamoota isaa gara isaaniitti ergee isaan akeekkachiisee ture.” (2 Sen. 36:15) Nutis akkuma isaa namoota cubbuu isaanii irraa yaada geddaratanii Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadaniif garaa laafuu hin qabnuu? Yihowaan yeroo murtii dhufu irratti eenyu iyyuu akka badu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Kanaaf hamma Waaqayyo namoota hamoo taʼan balleessutti, akeekkachiisa inni gara laafinaan kennu kana labsuu keenya itti haa fufnu.

7, 8. Maatiin tokko Yihowaan gara laafina akka isaanitti argisiise kan amanan maaliifi?

7 Muuxannoowwan Yihowaan gara laafinaan kakaʼee tarkaanfii akka fudhate ibsan hedduun jiru. Fakkeenyaaf, wanta maatii mucaa waggaa 12 Miilaan jedhamu irra gaʼe haa ilaallu. Kun kan taʼe jalqaba baroota 1990mmanii yeroo gosoota gidduu walitti buʼiinsi turetti dha. Miilaan, obboleessi isaa, warri isaa fi Dhugaa Baatonni hedduun kaan otobusiidhaan Boosniyaadhaa gara Sarbiyaa deemaa turan. Gara walgaʼii naannoo deemaa kan turan siʼa taʼu, warri Miilaanis walgaʼii kana irratti cuuphamuuf yaadanii turan. Haa taʼu malee, daangaa irra yommuu gaʼan loltoonni sanyii isaaniitiin kan kaʼe maatii sana otobusii irraa buusanii obboloonni kaan akka deeman godhan. Maatii kana guyyaa lamaaf achi erga tursanii booda, itti gaafatamaan loltoota sanaa maal akka isaan godhu gaafachuuf hogganaa isaatti bilbile. Loltuun sun maatii sana dura dhaabatee dubbachaa waan tureef, yeroo hogganaan isaa “Gad baasaatii isaan ajjeesaa!” jedhu hundi isaanii ni dhagaʼu turan.

8 Achiis utuu loltuun sun namoota isaa haasofsiisaa jiruu, namoonni gara biraan lama gara maatii sanaa dhufanii Dhugaa Baatota taʼuu isaanii suuta jedhanii itti himan. Namoonni kun kan dhufan dhimma kana obboloota otoobisii keessa jiran kaan irraa dhagaʼanii ti. Ijoolleen waraqaa eenyummaa waan hin gaafatamneef namoonni lamaan kun Miilaanii fi obboleessi isaa daangaa sana darbuuf konkolaataa isaanii akka yaabbatan isaanitti himan. Achii immoo haatii fi abbaan sun eegdota daangaa sana duubaan darbanii gamatti akka isaanii wajjin wal argan itti himan. Miilaan wanta isaan jedhan kana yeroo dhagaʼu kolfuunis taʼe booʼuun isa dhibee ture. Yeroo kanatti haatii fi abbaan miilaan “Wanta nu gadhiisan isinitti fakkaata?” jedhanii isaan gaafatan. Yommuu isaan achii deemuu jalqabanis, loltoonni sun waan isaan ilaalaa jiran fakkaata ture. Sana booda, ijoolleen sunii fi warri isaanii daangaa sana gamatti wal argan. Achiis kadhannaa cimaa isaan dhiheessaniif Yihowaan deebii akka isaaniif kenne mirkanaaʼoo taʼuudhaan, gara walgaʼichaa deemuu isaanii itti fufan. Dhugaa dha, Yihowaan yeroo hunda kallattiidhaan tajaajiltoota isaa akka hin eegne Kitaabni Qulqulluun ni ibsa. (HoE. 7:58-60) Miilaan wanta isatti dhagaʼame yeroo dubbatu, “Maleekonni ija loltoota sanaa akka jaamsan, Yihowaanis akka nu oolche natti dhagaʼamee ture” jedheera.—Far. 97:10.

9. Yesuus haala namoonni hedduun isa duukaa deemaa turan keessa jiran yommuu argu maal godhe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

9 Barumsi Yesuus irraa argannus jira. Namoonni hedduun inni arge, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii” waan turaniif gara laafina isaanitti argisiiseera. Yesuus haala gaddisiisaa isaan keessa jiran yommuu argu maal godhe? “Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.” (Mat. 9:36; Maarqos 6:34 dubbisi.) Ilaalchi isaa ilaalcha Fariisota warra namoota iddoo guddaa hin qabne gargaaruuf fedhii hin qabne irraa baayʼee adda ture. (Mat. 12:9-14; 23:4; Yoh. 7:49) Ati hoo akkuma Yesuus namoota karaa hafuuraa beelaʼan sooruuf fedhii guddaa qabdaa?

10, 11. Yeroo hunda gara laafina argisiisuun sirrii dhaa? Ibsi.

10 Kana jechuun garuu, yeroo hundumaa gara laafina argisiisuu qabna jechuu miti. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu olitti ibsaman akka argisiisanitti Waaqayyo gara laafina kan argisiise yeroo barbaachiisaa taʼetti ture. Faallaa kanaatiin Saaʼol Mootichi gara laafina argisiisuu akka qabu yeroo isatti dhagaʼamee turetti utuu hin ajajamin hafeera. Saaʼol Agaag isa diina saba Waaqayyoo taʼe utuu hin ajjeesin hafe; bushaayee keessaa warra gaggaarii taʼanis utuu hin balleessin hafeera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Saaʼol Israaʼel irratti mootii taʼee akka itti hin fufne isa godhe. (1 Sam. 15:3, 9, 15) Dhugaa dha, Yihowaan Abbaa Murtii qajeelaa dha. Wanta garaa namaa keessa jiru beekuu fi gara laafina argisiisuun yoom sirrii akka taʼu murteessu ni dandaʼa. (Faru. 2:17; His. 5:11) Yeroon inni namoota isaaf ajajamuu didan hundumaatti badiisa itti murteessu dhihaateera. (2 Tas. 1:6-10) Yeroon kun, yeroo inni namoota hamoo akka taʼan isaanitti murteessutti gara laafina argisiisu miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo namoota kana balleessuun isaa, namoota qajeeloo inni badiisa irraa oolchutti gara laafina akka argisiisuu kan mulʼisu dha.

11 Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni akka balleeffaman ykn badiisa irraa akka oolan murteessuun gaʼee keenya miti. Kanaa mannaa, amma namoota gargaaruuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuu nu barbaachisa. Kanaaf, hojii keenyaan namootatti gara laafina sirrii taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee yaadawwan muraasa haa ilaallu.

GARA LAAFINA SIRRII TAʼE HORACHUU FI ARGISIISUU

12. Walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabdaniin gara laafina argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

12 Sochii guyyaa guyyaa keessatti gargaarsa kennuuf qophaaʼoo taʼaa. Namoonni Yesuusiin fakkaachuuf carraaqan namoota kaaniittis taʼe obboloota isaanitti gara laafina argisiisuun isaanii hunda caalaa barbaachisaa dha. (Yoh. 13:34, 35; 1 Phe. 3:8) Hiika gara laafinni qabu keessaa tokko “walii wajjin dhiphachuu” jechuu dha. Namni gara laafina argisiisu tokko tarii namoonni rakkina isaanii keessaa akka baʼan isaan gargaaruudhaan isaan boqochiisuuf kakaʼa. Isinis carraawwan akkas gochuuf isin gargaaran barbaadaa! Fakkeenyaaf, tarii nama tokkoof hojii barbaachisaa taʼe tokko raawwachuuf jecha isaaf ergamuudhaan isa gargaaruuf of dhiheessuu ni dandeessaa?—Mat. 7:12.

Gargaarsa isaaniif gochuudhaan namootaaf garaa akka laaftan argisiisaa (Keeyyata 12 ilaali)

13. Erga balaan gaʼee booda amala saba waaqayyo isa kamtu caalaatti mulʼate?

13 Hojii gargaarsaa irratti hirmaadhaa. Rakkinni namoonni balaan isaan irra gaʼe keessa jiran, namoonni hedduun gara laafina akka argisiisaan isaan kakaasa. Sabni Yihowaa yeroo gargaarsi akkasii barbaachisutti dursanii gaʼuudhaan beekamu. (1 Phe. 2:17) Obboleettiin lammii Jaappaan taate tokkoo, bara 2011⁠tti bakka kirkira lafaa fi sunaamiidhaan barbadaaʼee keessa jiraatti turte. Obboleettiin kun carraaqqii obboloonni hedduun manneen balaadhaan miidhaman sana suphuuf Jaappaan keessaa fi biyya alaatti dhufan godhan arguun ishii ‘baayʼee akka ishii jajjabeesse’ dubbattetti. Obboleettiin kun akkana jettee barreessiteetti: “Muuxannoon kun Yihowaan akka nuuf yaadu hubachuuf na gargaareera. Dhugaa Baatonni kaanis waliif ni yaadu. Akkasumas obboloonni addunyaa mara irra jiran hedduun waaʼee keenya ni kadhatu.”

14. Namoota dhukkubsatanii fi dulloman gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

14 Warra dhukkubsatanii fi dullooman gargaaraa. Namoonni kaan wanta cubbuun Addaam fideen siʼa rakkatan yommuu arginu, gara laafina argisiisuun keenya barbaachiisaa dha. Yeroo dhukkubnii fi dullumni itti hafu hawwiidhaan eegganna. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu ni kadhanna. Hammasitti garuu, namoota gargaarsi barbaachisu gargaaruuf wanta dandeenyu hunda haa goonu. Barreessaan Jaan Boon jedhamu wanta haadha isaa ishii dhukkubaa Alzaayimeeriin dhiphattu ilaalchisee barreesse ilaalaa. Gaaf tokko, uffata ishii of irratti balleessite. Qulqulleessuuf utuu yaalaa jirtuu balballi ishii ni rurrukutame. Kan dhufan obboleettota yeroo hunda deddeebii gaaffii ishiidhaaf godhan lama turan. Obboleettonni kun wanti ishii gargaaruu dandaʼan jiraachuu isaa ishii gaafatan. “Kan nama qaanessu taʼus, eeyyee jira” jettee isaaniif deebiste. Isaaniis qulqulleessuudhaan ishii gargaaran. Achiis shaahii ishiidhaaf danfisanii ishii wajjin haasaʼuu jalqaban. Ilmi dubartii kanaa baayʼee isaan galateeffate. Achiis, “Dhugaa Baatonni kun waanuma lallaban hojii irra waan oolchaniif isaanan dinqisiifadha” jedhee barreesseera. Gara laafinni namoota dhukkubsatanii fi dulloomaniif qabdu, rakkina isaanii salphisuuf wanta gochuu dandeessu hunda gochuuf si kakaasaa?—Filp. 2:3, 4.

15. Tajaajilli keenya carraa guddaa akkamii nuuf bana?

15 Karaa hafuuraa namoota gargaaraa. Rakkinnii fi dhiphinni namoota irra gaʼu karaa hafuuraa isaan gargaaruuf nu kakaasa. Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni hunda caalu, waaʼee Waaqayyoo fi wanta Mootummaan isaa ilmaan namootaatiif godhu isaan barsiisuu dha. Karaan inni biraan immoo, ulaagaa Waaqayyoo eeganii jiraachuun ogummaa taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaaruu dha. (Isa. 48:17, 18) Hirmaannaa hojii tajaajilaa isa Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi namoota kaaniif gara laafina akka qabdu argisiisu irratti qabdu guddifachuu ni dandeessaa?—1 Xim. 2:3, 4.

GARA LAAFINNI ISINIIFIS GAARII DHA!

16. Namni gara laafina argisiisu faayidaa akkamii argata?

16 Hayyoonni fayyaa sammuu, gara laafina argisiisuun, fayyaa namaa akka fooyyessu, gammachuu akka argamsiisuu fi walitti dhufeenya namootaa wajjin qaban akka guddisu ni dubbatu. Yeroo rakkina namoota kaanii salphisuuf yaaltan, caalaatti gammachuu argattu, abdii qabaattu, kophummaan isinitti hin dhagaʼamu, akkasumas yaadawwan dogoggoraa irratti xiinxaluuf hin qoramtan. Eeyyee, gara laafina argisiisuun isin fayyada. (Efe. 4:31, 32) Kiristiyaanonni jaalalaan kakaʼanii warra kaan gargaaruu barbaadan seera Waaqayyo wajjin wal simanii jiraachaa akka jiran waan beekaniif, qalbii qulqulluu argachuudhaan badhaafamu. Amala akkasii qabaachuun warra, hiriyaa gaaʼelaa fi michuu gaarii taʼuuf gargaara. Namoonni gara laafina argisiisan, isaaniis yeroo isaan barbaachisutti gargaarsaa fi deggersa isaan barbaachisu argachuun isaanii hin oolu.—Maatewos 5:7; Luqaas 6:38 dubbisi.

17. Gara laafina horachuu fi argisiisuu kan barbaaddan maaliifi?

17 Sababiin amala gara laafina horachuu itti qabdu inni guddaan, amalli kun akka si fayyaduu beekuu kee qofa taʼuu hin qabu. Sababiin inni guddaan, Yihowaa isa Madda jaalalaa fi gara laafinaa taʼe fakkaachuu fi isaaf ulfina fiduu taʼuu qaba. (Fak. 14:31) Inni fakkeenya mudaa hin qabne nu taʼeera. Kanaafuu, isaa fakkaachuuf, jechuunis obbolootaa keenya gidduu jaalalli hoʼaan akka jiraatu gochuu fi gara laafina argisiisuudhaan namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabachuuf wanta nuu dandaʼame hunda haa goonu.—Gal. 6:10; 1 Yoh. 4:16.

[Miiljalee]

^ key. 1 Baʼuu 34:5-7 (NW): “Yihowaan duumessa keessa gad buʼee achitti isa bira dhaabatee maqaa Yihowaa isaa isatti labse. Achiis Yihowaan isa dura ni darbe, akkana jedhees ni labse: ‘Yihowaa, Yihowaa, Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa, aariitti suuta jedhaa fi jaalala amanamaa guddaa fi dhugaa kan qabu, kumaatamatti jaalala amanamaa kan argisiisu, dogoggora, irra daddarbaa fi cubbuu kan dhiisu, isa cubbamaa garuu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, dogoggora namootaa ilmaan isaanii fi ilmaan ilmaan isaanii irratti, hamma dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaatti kan isaan irratti fidu dha.’”