Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadakee Jijjiiruu Qabdaa?

Yaadakee Jijjiiruu Qabdaa?

DARGAGGOONNI Kiristiyaana taʼan muraasni waliin taʼanii dhaqanii fiilmii tokko ilaaluuf murteessan. Dargaggoonni kun ijoolleen isaanii wajjin baratan fiilmicha akka jaallatan dhagaʼanii turan. Mana fiilmii erga gaʼanii booda, beeksisawwan fiilmichaarratti meeshaalee waraanaafi dubartoota uffata qaamasaanii argisiisu uffatan argan. Yeroo kanatti maal godhu? Utuma kana arganii fiilmicha ilaaluuf mana fiilmichaa seenuu laata?

Haalli kun, wantoonni murtoo karaa hafuuraa nu miidhuu ykn nu fayyaduu dandaʼu, akkasumas walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa tuquu dandaʼu gochuu gaafatan hedduun akka nu mudatan kan argisiisudha. Yeroo tokko tokko wanta tokko gochuu erga yaaddee booda, haalasaa irra deebitee yeroo gamaaggamtu yaadakee jijjiirta taʼa. Kana gochuunkee, nama murtoo gochuu hin dandeenye akka taate kan argisiisudhamoo wanta sirrii taʼedha?

Yeroo Yaadakee Jijjiiruun Sirrii Itti Hin Taane

Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, isaaf akka of murteessinuufi akka cuuphamnu nu kakaaseera. Waaqayyoof amanamoo taanee itti fufuuf fedhii guddaa qabna. Diina keenya kan taʼe Seexanni garuu, ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuu barbaada. (Mul. 12:17) Yihowaa tajaajiluufi ajajasaa eeguuf murteessineerra. Yihowaadhaaf erga of murteessinee booda yaada keenya utuu jijjiirree baayʼee nama gaddisiisa! Kana gochuun lubbuu keenyallee nu dhabsiisuu dandaʼa.

Waggaa 2,600 dura, mootii Baabilon kan taʼe Nebukadnezaar fakkii warqee guddaa tokko dhaabee, namni hundumtuu kufee akka sagaduuf ajajee ture. Namni kana gochuu dide kamiyyuu ibidda bobaʼu keessatti darbatama ture. Waaqeffattoonni Yihowaa Shaadraak, Meshaakiifi Abedneegoo jedhaman garuu Waaqayyoon waan sodaataniif kana gochuu didanii turan. Kanaan kan kaʼes ibidda bobaʼu keessatti darbataman. Dargaggoonni kun murtoo Waaqayyoon tajaajiluuf godhan laaffisuu mannaa lubbuusaanii dhabuuf qophaaʼoo kan turan taʼus, Yihowaan dinqiidhaan isaan oolcheera.—Dan. 3:1-27.

Yeroo boodammoo, namni kadhannaa dhiheessu boolla leencaa keessatti akka darbatamu kan labsame taʼus, Daaniʼel raajichi kadhannaa dhiheessuusaa itti fufee ture. Eeyyee, akkuma sanaan dura gochaa ture, guyyaatti siʼa sadii Yihowaa kadhachuusaa itti fufeera. Daaniʼel murtoo Waaqa isa dhugaa waaqeffachuuf godhe hin jijjiirre. Kanaan kan kaʼes Waaqayyo “harka leencotaa keessaa” isa oolcheera.—Dan. 6:1-27.

Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis murtoo isaaf buluuf godhanii wajjin wal simanii jiraatu. Dhugaa Baatonni Yihowaa mana barumsaa Afriikaa keessatti argamu tokkotti baratan, alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kennuu didan. Barattoota kaanii wajjin sirna kanarratti hin hirmaatan taanaan, mana barumsichaatii akka ariʼaman isaanitti himame. Yeroo muraasa booda, ministeerri barnootaa magaalattii kan daawwate siʼa taʼu, ijoollee Dhugaa Baatota taʼan kana keessaa tokko tokko haasofsiise. Dargaggoonni kun karaa ulfina qabeessa taʼeen garuummoo sodaa malee ejjennoosaanii ibsaniiru. Sana booda dhimmi kun deebiʼee hin kaane. Dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼan, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabanirratti ejjennoosaanii akka laaffisan dhiibbaan utuu isaanirratti hin godhamin barumsasaanii itti fufuu dandaʼaniiru.

Haala Joseef isa haati manaasaa dhukkuba kaansariitiin qabamtee akka tasaa jalaa duutees haa ilaallu. Maatiin Joseef, ilaalcha inni sirna awwaalchaa ilaalchisee qabu kan hubatan siʼa taʼu, ilaalchasaa kanas isaaf kabajanii turan. Maatiin haadha manaasaa garuu Dhugaa Baatota Yihowaa waan hin taaneef, sirnawwan Waaqayyoon hin gammachiisne dabalatee sirna awwaalchaa tokko tokko raawwachuu barbaadanii turan. Joseef akkas jedheera: “Ani yaadakoo jijjiiruu waanan dideef ijoolleekoorratti dhiibbaa geessisuuf carraaqqii godhanii kan turan taʼus, isaan garuu ejjennoosaaniitti cimaniiru. Firoonni keenya manakootti sirna halkan guutuu reeffarratti booʼaa itti bulan isa naannoo keenyatti baramaa taʼe raawwachuuf yaalanii turan. Akkas gochuu akka qaban yoo isaanitti dhagaʼame garuu manakoo keessatti kana raawwachuu akka hin dandeenyen itti hime. Sirni kun amantiikoo wajjinis taʼe kan haadha manaakoo wajjin akka wal hin simne waan beekaniif, maree saʼaatii dheeraa booda sirnicha iddoo kan biraatti raawwataniiru.

“Yeroo gaddaa ulfaataa taʼe kanatti maatiin keenya seerasaa akka hin cabsine akka nu gargaaru Yihowaa nan kadhadhan ture. Yihowaan kadhannaakoo dhagaʼee, dhiibbaan nurra jiraatuyyuu ejjennoo keenyatti akka cimnu nu gargaareera.” Joseefiifi ijoolleesaatiif, waaqeffannaasaanii wajjin haala wal qabateen yaadasaanii jijjiiruun wanta filannaadhaaf dhiifame hin turre.

Yeroo Yaadakee Jijjiiruun Filannaadhaaf Kan Dhiifame Itti taʼuu Dandaʼu

Dh.K.B. bara 32⁠tti Ayyaanni Faasikaa ayyaaneffamee baayʼee utuu hin turin, dubartiin biyya Finiiqee Sooriyaa tokko naannoo Siidoonitti gara Yesus Kiristos dhuftee, intalasheerraa hafuura hamaa akka baasu irra deddeebitee isa kadhatte. Jalqabarratti Yesus deebii tokkoyyuu hin kennineef. Bartootasaatiin, “Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israaʼelii badan duwwaaf malee hin ergamne” jedhee ture. Yeroo isheen ittuma fuftee isa kadhattu Yesus, “Buddeena ijoollotaa fuudhanii sarootaa darbachuun baʼeessa miti” jedheen. Isheenimmoo, “Eyyee, yaa gooftaa, haa taʼu iyyuu malee, saroonnis maaddii gooftota isaanii irraa isa harcaʼu in nyaatu” jechuudhaan amantii guddaa akka qabdu argisiiste. Yeroo kanatti Yesus kadhatashee dhagaʼee intalashee fayyiseef.—Mat. 15:21-28.

Karaa kanaan Yesus, yeroo haallisaa heyyamutti yaadasaa jijjiiruuf qophaaʼaa taʼuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofeera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Israaʼeloonni warqeerraa jibichaa yeroo tolfatanitti isaan balleessuuf murteessee kan ture taʼus, murtoosaa kana irra deebiʼee akka ilaalu Museen akka isa gaafatu heyyamee ture.—Bau. 32:7-14.

Phaawulos ergamaan fakkeenya Yihowaafi Yesus hordofeera. Adeemsa misiyoonummaa isa jalqabaarratti Maarqos, Phaawulosiifi Barnaabaasiin dhiisee deebiʼee waan tureef, yeroo tokko Phaawulos, adeemsa sana booda godhanirratti Maarqosiin fudhatanii deemuun sirrii akka hin taane isatti dhagaʼamee ture. Yeroo booda garuu Phaawulos, Maarqos jijjiirama gochuusaafi nama isa fayyadu akka taʼe hubateera. Kanaan kan kaʼes Phaawulos Ximotewosiin, “Yeroo dhuftu, Maarqosin of duukaa fidii kottu! Inni anaaf ergamuudhaan waaʼee anaaf in baasa” jedheera.—2 Xim. 4:11.

Nutis fakkeenya Abbaa keenya isa araara, obsaafi jaalala qabeessa taʼee hordofuudhaan yaada keenya jijjiiruun yeroon itti nu barbaachisu jira taʼa. Fakkeenyaaf, ilaalcha warra kaaniif qabnu jijjiiruu qabna taʼa. Yihowaafi Yesusirraa haala adda taʼeen nuti cubbamootadha. Isaan yaadasaanii jijjiiraniiru erga taʼee, nutimmoo haala namootaa tilmaama keessa galchuudhaan yaada keenya jijjiiruun nu hin barbaachisuu?

Galmawwan hafuuraa wajjin haala wal qabateen yeroon yaada keenya jijjiiruun filannoo gaarii itti taʼu jiraachuu dandaʼa. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabataniifi walgaʼiiwwan gumiirratti argaman tokko tokko, dafanii cuuphamuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Obboloonni tokko tokkommoo haallisaanii qajeelchaa taʼuuf kan isaanii heyyamu taʼus, qajeelchitoota taʼuurraa duubatti jedhu taʼa. Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf carraaqqii gochuurraa duubatti jedhanis jiru. (1 Xim. 3:1) Haalawwan olitti ibsaman keessaa kan si ilaallatu jiraa? Yihowaan jaalalaan kakaʼee mirgawwan akkasii akka argattu si afeera. Maarree, yaadakee jijjiirtee gammachuu Waaqayyoofi namoota tajaajiluudhaan argamu maaliif hin argattu?

Yaadakee jijjiiruun eebba siif argamsiisuu dandaʼa

Eelaa isheen waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Afriikaa keessatti argamu tokko keessa tajaajiltu akkas jetteetti: “Yeroon Betʼel galetti, yeroo dheeraadhaaf kanan turu natti hin fakkaanne ture. Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluun barbaadan ture; haataʼu malee maatiikoo wajjinis walitti dhufeenya cimaan qaba ture. Jalqabarratti baayʼeen isaan yaade! Taʼus, obboleettiin anaa wajjin kutaa tokko keessa jiraattu waan na jajjabeessiteef, Betʼel keessatti tajaajiluukoo itti fufuufan murteesse. Ergan Betʼel seenee waggaa kudhan kan taʼe taʼus, hamma haallisaa naa heyyametti ammas achumatti obbolootakoo tajaajiluu itti fufuun barbaada.”

Yeroo Yaadakee Jijjiiruun Dirqama Itti taʼu

Qaayin obboleessasaatti hinaafee aariidhaan yeroo bobaʼetti wanta isa mudate ni yaadattaa? Waaqayyo, wanta gaarii yoo godhe isa duratti fudhatama akka argatu nama haala gadhee keessa jiru kanatti himee ture. Waaqayyo cubbuu ‘balbalasaa dura riphee isa eeggatu’ akka toʼatu isa gorsee ture. Qaayin ilaalchaafi yaadasaa jijjiiruu qaba ture; inni garuu gorsa Waaqayyoo diduu filate. Kan nama gaddisiisu, Qaayin obboleessasaa ajjeesuudhaan nama lubbuu namaa balleesse isa jalqabaa taʼeera!—Uma. 4:2-8.

Qaayin yaadasaa jijjiireera utuu taʼee maaltu taʼa ture?

Mee seenaa Uziyaa Mootichaas haa ilaallu. Jalqabarratti wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochaafi Waaqayyoon barbaaddachaa ture. Booda garuu of tuulaa taʼuudhaan maqaasaa isa gaarii balleesseera. Luba kan hin turre taʼus, aarsaa ixaanaa dhiheessuuf mana qulqullummaa seene. Yeroo luboonni gocha of tuulummaa kana akka hin raawwanne isa akeekkachiisanitti yaadasaa jijjiireeraa? Lakki. Uziyaan kan “aare” taʼuusaarrayyuu, akeekkachiisa kennameef hin fudhanne. Kanaan kan kaʼes Yihowaan lamxiidhaan isa rukute.—2 Sen. 26:3-5, 16-20.

Eeyyee, yeroon yaada keenya guutummaatti jijjiiruu itti qabnu jira. Mee fakkeenya bara keenyaa tokko haa ilaallu. Joʼaakiim bara 1955⁠tti kan cuuphame siʼa taʼu, bara 1978⁠tti gumiidhaa baafame. Waggaa 20 booda qalbii jijjiirratee deebiʼee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Dhiheenya kana jaarsi gumii tokko maaliif utuu hin deebiʼin hammana akka ture isa gaafatee ture. Joʼaakiim akkas jechuudhaan deebiseef: “Aareen ture, kooras qaban ture. Hamma kana turuukootti nan gaabba. Yeroon gumiidhaa baafamee turettis, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa akka barsiisan beekan ture.” Ilaalchasaa jijjiiruufi qalbii jijjiirrachuun isa barbaachisee ture.

Yaada keenyaafi akkaataa jireenyaa keenya jijjiiruu akka qabnu yeroon itti hubannu jira taʼa. Yihowaa duratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, yeroo akkasiitti yaada keenya jijjiiruuf fedhii haa qabaannu.—Far. 34:8.