Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Dhugumayyuu Kun Maqaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalaa Qulqulluufi Guddaa Ta’edha”

“Dhugumayyuu Kun Maqaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalaa Qulqulluufi Guddaa Ta’edha”

“Dhugumayyuu Kun Maqaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalaa Qulqulluufi Guddaa Ta’edha”

Nikoolaas inni nama mandara Kiyusaa ta’e, jecha kana kan dubbate haasawaa bara 1430⁠tti dhiheesserrattidha. * Namni kun waa’ee wantoota hedduu beekuu kan barbaadu yommuu ta’u, afaan Giriikii, afaan Ibrootaa, falaasama, barumsa amantii, herregaafi waa’ee urjii qorateera. Umriisaa waggaa 22⁠tti doktoora seera mana sagadaa Kaatolikii ta’eera. Bara 1448⁠ttimmoo qeesii aangoo guddaa qabu ta’e.

Nikoolaas, gara waggoota 550 dura dhaabbata maanguddoonni itti kunuunsaman Kuus keesatti hundeessee ture. Yeroo ammaatti magaalaan kun, Barnikaastil Kuus kan jedhamtu yommuu ta’u, Jarman keessa magaalaa Boonirraa gara kibbaatti kiiloomeetira 130⁠rratti argamti. Manni kitaabaa Kiyusaa inni barreeffamoota durii harkaan qophaa’an 310 qabate yeroo ammaatti kan argamu gamoo kana keessattidha. Barreeffamoota kana keessaa tokko, Koodeeks Kuusaanas 220 kan jedhamuufi haasawaa Nikoolaas bara 1430 dhiheesse kan qabatedha. Nikoolaas, haasawaa mataduree Iin piriinsiippiyoo eraat veerbam (Sagalichi Jalqaba Waan Hundumaa Dura Ture) jedhuun dhiheesserratti, maqaa Yihowaa isa afaan Laatiniitiin Iehoua (I’oowaa) jedhutti fayyadameera. * Barreeffama kanarratti fuulli 56 maqaa Waaqayyoo ilaalchisuudhaan akkas jedha: “Maqaan kun kan Waaqayyo ofiif moggaasedha. Maqichi, Teetiraagiraamaatan, jechuunis qubeewwan afurirraa kan ijaaramedha. . . . Dhugumayyuu kun maqaa Waaqayyoo isa hunda caalaa qulqulluufi guddaa ta’edha.” Yaanni Nikoolaas dubbate kun, maqaan Waaqayyoo Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa bara durii keessatti kan argamu ta’uusaa wajjin wal sima.—Bau. 6:3, NW.

Koodeeksiin naannoo jalqaba jaarraa 15⁠ffaatti qophaa’e kun, barreeffamoota durii Teetiraagiraamaataniin “I’oowaa” jedhamee itti hiikame keessaa tokkodha. Barreeffamni kun, maqaa Waaqayyoo maqaawwan “Yihowaa” jedhuu wajjin wal fakkaataniin barreessuun, akkaataa barreeffamaa jaarraawwan hedduudhaaf itti hojjetamaa ture akka ta’e kan argisiisudha.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Nikoolaas inni nama mandara Kiyusaa ta’e kun, maqaa, Nikoolaawos Kiriiftis (Kireepsi), Nikoolaawos Kusaanasiifi Nikoolaawos isa biyya Kuus jedhamuunis ni beekama. Kuus maqaa magaalaa Jarman keessatti argamtuufi bakka dhalootaasaa taateeti.

^ key. 3 Haasawaan kun barumsa Sillaasee deggeruuf kan dhihaate ture.

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Mana Kitaabaa Kiyusaa