Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Israaʼeloonni Gibxii keessatti garbummaa jala akka turan ragaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dabalatee ragaan kan biraa jiraa?

Kitaabni Qulqulluun warri Miidiyaan Yoseefiin gara Gibxiitti erga geessanii booda Yaaqoobii fi maatiin isaa Kanaʼaanii gara Gibxii akka deeman dubbata. Achiis naannoo Gibxii Gooshen jedhamuu fi qarqara laga Naayilitti argamu buufatan. (Uma. 47:1, 6) Israaʼeloonni ‘wal horuu fi guddaa jabaachuu’ isaanii itti fufan. Kanaan kan kaʼes, warri Gibxii Israaʼeloota sodaachuu waan jalqabaniif garboota akka taʼan isaan dirqisiisan.— Bau. 1:7-14.

Qeeqxonni bara keenyatti argaman tokko tokko seenaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu fi olitti ibsame kun sheekkoo akka taʼe dubbachuudhaan qoosu. Taʼus, Seemonni * Gibxii durii keessa garboota taʼanii akka jiraatan ragaan argisiisu jira.

Fakkeenyaaf, arkiʼoolojistoonni kaaba Gibxiitti hambaalee bakkawwan bara duriitti namoonni jiraatan argisiisan argataniiru. Doktar Joon Biimsan naannoo kaaba Gibxii keessa bakkawwan gosti Seem jiraachaa turan 20 ykn sanaa ol akka taʼe ragaan argisiisu jira jechuudhaan gabaasaniiru. Kana malees, namni qarooma Gibxii durii irratti qorannaa godhuu fi Jeemsi Kaarl Hoofmiyeer jedhamu, “Tilmaamaan Dh.K.D. baroota 1800 hanga 1540 gidduu jirutti Gibxiin iddoo hawwataa namoonni Afaan Semeetikii dubbatanii fi dhiha Eeshiyaa keessa jiraatan itti godaanani dha” jechuudhaan dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, “Yeroon kun yeroo abbootiin amantii itti jiraatan wajjin tokko dha, akkasumas yeroo fi taʼeewwan kitaaba Uumamaa keessatti ibsamanii wajjin wal fakkaata” jedhaniiru.

Ragaan dabalataa kibba Gibxiitti argamus jira. Paappirasiin baroota Mootummaa Giddu Galeessaatti (DH.K.D. naannoo bara 2000–naannoo bara 1600) barreeffame tokko maqaa namoota kibba Gibxiitti garba taʼanii hojii mana keessaa hojjechaa turanii of keessatti qabateera. Maqaawwan kanneen keessaa 40 ol kan taʼan maqaa warra Seemotaa ti. Garboonni ykn tajaajiltoonni kun hojiiwwan akka nyaata bilcheessuu, uffata dhawuu fi hojii humnaa hojjetu turan. Hoofmiyeer akkana jedhaniiru: “Warri Seem afurtama taʼan Teebeed keessatti (kibba Gibxii) mana nama tokkoo keessa kan hojjetan erga taʼee, lakkoofsi Seemota Gibxii, keessumaa Deeltaa keessa jiraatanii baayʼee taʼuu hin oolu.”

Arkiʼooloojistiin Deevid Rool jedhamu maqaan garboota tarreeffamanii muraasni “maqaa namoota Kitaaba Qulqulluu irratti ibsamanii wajjin akka wal fakkaatu” barreessaniiru. Fakkeenyaaf, barreeffamichi maqaawwan kan akka Yisaakor, Asheerii fi Siifraa jedhaman wajjin wal fakkaatu of keessaa qaba. (Bau. 1:3, 4, 15) Rool xumura irratti “Kun yeroo itti Israaʼeloonni garba taʼanii Gibxii keessa jiraachaa turan ilaalchisee ragaa quubsaa taʼe dha” jechuudhaan dubbataniiru.

Doktar Biimsan akkana jedhaniiru: “Yaadni Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼee garbummaa Gibxii keessa turee fi Gibxii baʼuu dubbatu seenaa dhugaa irratti kan hundaaʼe dha.”

^ key. 4 Maqaan Seemota jedhu, Seem isa ilmaan Noh sadan keessaa tokko taʼe irraa kan dhufe dha. Sanyiin Seem warra Elaam, Asorota, Kaldoota durii, Ibroota, warra Sooriyaa fi gosoota Araboota adda addaa kan of keessatti qabate taʼuu hin oolu.