Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼanitti haasaʼaa jira.

MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Bitootessa 2020

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Caamsaa 4-31, 2020tti qoʼataman qabateera.

MATA DUREE QOʼANNAA 10

Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Cuuphamuuf Isin Kakaasa

Jaalalli Yihowaadhaaf qabdan cuuphamuuf isin kakaasuu dandaʼa. Haa taʼu malee, duubatti akka jettan kan isin taasisu maal taʼuu dandaʼa?

MATA DUREE QOʼANNAA 11

Cuuphamuuf Qophoofteettaa?

Gaaffiiwwan mata duree kana keessatti argamaniif deebiin ati kennitu murteessuuf si gargaara.

SEENAA JIREENYAA

“Kunoo, Nuti Jirra! Nu Ergaa!”

Jaakii fi Maarliin tajaajila yeroo guutuutti akka itti fufan wanti isaan kakaase maal akka taʼee fi ramaddii haaraa erga fudhatanii booda haalawwan garaa garaatti baruuf maaltu akka isaan gargaare ibsaniiru.

MATA DUREE QOʼANNAA 12

Dubbachuuf Yeroon Sirrii Taʼe Yoomi?

Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu yoom dubbachuu fi yoom callisuu akka qabnu beekuuf nu gargaaran ilaali.

MATA DUREE QOʼANNAA 13

Cimsaa Wal Jaalladhaa

Yesuus jaalalli mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu akka taʼe dubbateera. Jaalalli nagaa kan uumnu, namoota kan wal hin caalchisnee fi keessummoota kan simannu taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Kana Beektaa?

Israaʼeloonni Gibxii keessatti garbummaa jala akka turan ragaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dabalatee ragaan kan biraa jiraa?

Gaaffii Dubbistootaa

Eegdonni mana qulqullummaa Yihudootaa eenyufaa turan? Itti gaafatamummaan isaanii hoo maal ture?