MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Amajjii 2020

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Bitootessa 2–Ebla 5, 2020⁠tti qoʼataman qabateera.

‘Dhaqaatii Namoota Barattoota Godhaa’

Caqasni waggaa bara 2020 dandeettii hojii barattoota gochuu keenya fooyyeffachuu irratti akka xiyyeeffannu nu gargaara.

“Madda Jajjabinaa Guddaa” Taʼuu ni Dandeessu

Amaloota madda jajjabinaa guddaa taʼuuf si gargaaranii fi warra kaan deeggaruuf si dandeessisan sadi ilaali.

Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!

Dhukkubaan, rakkina qarshiitiin ykn dullumaan humna akka dhabne yommuu nutti dhagaʼamu jaalala Abbaa keenya isa samii irraa homtuu gargar nu baasuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

“Hafuurichi Ofii Isaa Hafuura Keenyaa Wajjin Taʼee Dhugaa Baʼa”

Namni tokko hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaa akkamitti beeka? Namni tokko affeerraa kana yommuu fudhatu maaltu taʼa?

Nuti Isinii Wajjin Deemna

Namoota galgala sana maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinicha irraa hirmaatanii dabalaa deemuun isaa hoo nu yaaddessuu qabaa?