Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MASARAA EEGUMSAA Lakk. 1 2022 | Jibba Injifachuu ni Dandeessa!

Addunyaan kun jibbaan kan guutame dha. Namoonni jibba isaanii karaa garaa garaatiin ibsu. Fakkeenyaaf, loogii raawwachuu, wanta hamaa dubbachuu ykn miidhaa qaamaa illee namoota irraan geessisuu dandaʼu. Jibba injifachuun ni dandaʼamaa? Mata dureewwan maxxansa kanaa gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin jibba injifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsu. Waadaa Waaqayyo bara baraaf jibba balleessuuf gales qabataniiru.

 

Jibba Injifachuu ni Dandeenya!

Jibbi maalidha? Jibbi yeroo baayʼee akkamitti ibsama?

Jibbi Hamma Kana kan Baayʼate Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun jibbi kan jalqabe akkamitti akka taʼe, namoonni warra kaan kan jibban maaliif akka taʼee fi yeroo harʼaatti jibbi kan babalʼate maaliif akka taʼe ni dubbata.

Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Barumsi Kitaaba Qulqulluu namoonni jijjiirama gaarii akka godhan gargaareera.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

1 | Loogii Irraa Fagaadhu

Fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan loogii irraa fagaadhu, miira gadhee namootaaf qabdus of keessaa balleessi.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

2 | Haaloo hin Baʼin

Waaqayyo dhiheenyatti wanta hundumaa akka sirreessu amanuudhaan haaloo baʼuu irraa fagaadhu.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi

Gargaarsa Dubbii Waaqayyootiin jibba sammuu fi garaa kee keessaa baasi.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu

Hafuurri qulqulluun amaloota jibba si keessaa balleesan horachuuf si gargaaruu dandaʼa.

Jibbi Bara Baraaf ni Balleeffama!

Wanti jibbaaf furmaata bara baraa argamsiisu maali dha?

Addunyaan Jibbaan Guutameera

Jibba injifachuun kan dandaʼamu akkamitti? Addunyaa maratti ammayyuu namoonni jibba injifachuu dandaʼan jiru.