Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Dhagaʼuu kan hin Dandeenye Taʼuun Koo Barsiisuu Irraa Duubatti Akkan Jedhu Na hin Goone

Dhagaʼuu kan hin Dandeenye Taʼuun Koo Barsiisuu Irraa Duubatti Akkan Jedhu Na hin Goone

Bara 1941⁠tti umurii koo waggaa 12⁠ttin cuuphame. Haa taʼu malee, hamma bara 1946⁠tti dhugaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti hin hubannen ture. Kun akkas kan taʼe akkamitti? Mee seenaa koon isinitti hima.

BARA 1910⁠tti warri koo gara Kaanaadaa Tibliisii Joorjiyaa dhufan; dhiha Kaanaadaa naannoo Peeliyi Saaskaachiwaanitti mana dirree xinnoo bakka qotiisaatti argamu irratti ijaarame keessa jiraatu turan. Bara 1928⁠tti kanan dhaladhe siʼa taʼu, ijoollee jaʼa keessaa isa dhumaan ture. Abbaan koo ani dhalachuu koo jiʼa jaʼa dura duʼe; haati koos yeroon daaʼima turetti duute. Utuu baayʼee hin turin immoo, obboleettiin koo ishiin angafaa Luusiin umurii waggaa 17⁠tti duute. Sana booda, eessumni koo Niik anaa fi obboloota koo fudhatee nu guddisuu jalqabe.

Yeroon daaʼima ture, gaaf tokko maatiin koo eegee fardeen iddoo qotiisaa jiran keessaa kan isa tokkoo qabadhee yeroon harkisu na argan. Tarii fardichi na dhiita jedhanii waan sodaataniif, eegee isaa akkan gadhiisu kan natti iyyan taʼus, ani garuu deebii isaaniif hin kenninen ture. Dugda koo isaanitti garagalchee waanan tureef, sagalee guddisanii dubbatan hin dhageenye. Kan nama gammachiisu fardichi na hin miine; taʼus maatiin koo guyyaa sana dhagaʼuu akkan hin dandeenye hubatan.

Michuun maatii keenyaa tokko ijoollee dhagaʼuu hin dandeenyee wajjin barachuu akkan qabu yaada dhiheesse; kanaaf eessumni koo Niik mana barumsaa ijoolleen dhagaʼuu hin dandeenye itti baratanii fi Saaskitoon Saaskaachiwaanitti argamutti na galche. Yeroo dheeraadhaaf maatii koo irraa fagaadhee waanan turuu fi yeroo sanatti umuriin koo waggaa shan qofa waan tureef baayʼee soodadheen ture. Maatii koo wajjin kan wal arginu guyyoota ayyaanaa fi ganna yeroo boqonnaatti qofa ture. Suutuma suuta afaan mallattoo kanan baradhe siʼa taʼu, ijoollee kaanii wajjinis walii galuu dandaʼeera.

DHUGAA KITAABA QULQULLUU BARACHUU

Bara 1939⁠tti obboleettiin koo ishiin angafaa Meeriyan, Biil Daaniyelchuuk wajjin gaaʼela kan godhatte siʼa taʼu, anaa fi obboleettii koo Firaansiis fudhatanii nu guddisuu jalqaban. Miseensota maatii keenya keessaa jalqaba Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kan wal argan isaan turan. Ganna yeroo barumsi cufamutti, wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan anatti himuuf waan isaanii dandaʼame hunda godhu turan. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, afaan mallattoo waan isaan hin beekneef isaanii wajjin walii galuun salphaa hin turre. Haa taʼu malee, wantoota hafuuraatiif jaalala guddaa akkan qabu hubatanii turan. Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hojii irra oolchaa akka turan waanan hubadheef, yeroo isaan lallaban isaanii wajjinan deema ture. Utuma baayʼee hin turin cuuphamuu waanin barbaadeef, Fulbaana 5, 1941⁠tti Biil gandaa sibiilaa bishaan boollaatiin guutame keessatti na cuuphe. Bishaanichi garmalee qorra ture!

Garee namoota dhagaʼuu hin dandeenyee wajjin walgaʼii guddaa Kileevlaand, Ohaayoo keessatti bara 1946⁠tti godhame irratti

Bara 1946⁠tti ganna yeroo barumsi cufamutti, walgaʼii guddaa Kileevlaandi, Ohaayoo, Yunaayitid Isteetis keessatti godhame tokko irratti argamnee turre. Guyyaa jalqabaa walgaʼii kanaatti, obboleettonni koo saganticha hordofuu akkan dandaʼuuf dabareedhaan yaadannoo barreessuudhaan na gargaaraa turan. Guyyaa lammaffaatti garuu, garee namoota dhagaʼuu hin dandeenyeef afaan mallattootiin akka hiikamu yommuun beeku baayʼeen gammade. Saganticha irraa akka gaariitti faayidaa argachuu dandaʼeera; akkasumas dhuma irratti dhugaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti hubachuun koo baayʼee na gammachiise!

DHUGAA BARSIISUU

Yeroo Waraanni Addunyaa Inni Lammaffaan xumurame sanatti, sabboonummaan babalʼatee ture. Walgaʼii guddaa sana irraa yeroon deebiʼu, mana barumsaatti amantii kootiif dhaabbachuuf murteesseen ture. Kanaaf, alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu fi faaruu biyyaa faarfachuu nan dhiise. Kana malees, guyyoota ayyaanaa irratti hirmaachuu fi ijoollee kaanii wajjin sirna waldaalee irratti argamuu nan dhaabe. Barsiisonni mana barumsichaa ejjennoo kootti waan hin gammanneef, yaada koo akkan jijjiiru gochuuf na dorsisuu fi soba dubbachuuf yaalu turan. Kun hundi barattoota anaa wajjin baratan gidduutti jeequmsa kan uume siʼa taʼu, anaaf garuu dhugaa baʼuuf carraa naaf baneera. Ijoollee anaa wajjin baratan keessaa Laarii Aandiriisoof, Noormaan Diitriikii fi Emiil Shinaayidar, yeroo booda dhugaa fudhatanii hanga guyyaa harʼaatti Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.

Magaalota gara biraa yommuun daawwadhutti, yeroo hunda namoota dhagaʼuu hin dandeenyeef lallabuuf carraaqqii addaan godha ture. Fakkeenyaaf, kilabii namoota dhagaʼuu hin dandeenyee, Moonteryaal keessa jiru keessatti, dargaggeessa Eedii Taagar isa miseensa garee dargaggoota badii uumanii taʼeefan lallabe. Waggaa darbe hanga guyyaa duʼetti, inni gumii afaan mallattoo Laavaal Kuubeek keessa tajaajilaa ture. Akkasumas dargaggeessa Kuwaan Ardaanez jedhamu akkuma warra Beeriyaa ergaan Kitaaba Qulqulluu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf hawwii guddaadhaan qorannaa godhuu wajjin wal argine. (HoE. 17:10, 11) Innis gara dhugaatti kan dhufe siʼa taʼu, hanga gaafa duʼeetti gumii Otawaa, Oontaariyoo keessa jirutti jaarsa taʼee tajaajileera.

Jalqaba bara 1950mmaniitti karaa irratti yommuu lallabnu

Bara 1950⁠tti, Vaankoovar keessa jiraachuun eegale. Namoota dhagaʼuu hin dandeenyeef lallabuu kanan jaalladhu taʼus, muuxannoo dubartii dhagaʼuu dandeessuu Kiriis Ispaayisar jedhamtu tokkoo fi karaa irratti lallabeef matumaa hin irraanfadhu. Barreeffama fudhachuuf kontiraata kan galte siʼa taʼu, abbaa manaa ishii Geerii jedhamuu wajjinis akkan wal baru barbaadde. Kanaaf mana isaaniin dhaqe, yaadannoo barreeffame irratti hundoofnee maree dheeraa goone. Sana booda garuu wal arginee hin beeknu; haa taʼu malee walgaʼii naannoo Toroontoo Oontaariyootti dhiheenya kana goone irratti namoota hedduu gidduudhaa adda baasanii na beekuun isaanii baayʼee na dinqisiise. Geeriin guyyaa sana cuuphama ture. Muuxannoon dinqisiisaan kun, dhugaan akkamittii fi yoom akka hundee godhatu waan hin beekneef, hojii lallabaa irratti jabinaan hirmaachuun barbaachisaa taʼuu isaa na hubachiiseera.

Yeroo booda, gara Saaskaatuunittin deebiʼe. Achitti haadha ijoollee durbaa lakkuu Jiinii fi Joʼaan jedhaman qabduu wajjin wal argine; haati kun ijoollee ishii dhagaʼuu hin dandeenye kana akkan qoʼachiisu na gaafatte. Ijoolleen ishii kunis mana barumsaa ijoollee dhagaʼuu hin dandeenyee fi ani itti baradhetti barachaa jiru turan. Utuma baayʼee hin turin, ijoolleen durbaa kun wanta barachaa jiran ijoollee kutaa isaanii jiranitti himuu jalqaban. Yeroo booda, ijoollee kutaa isaanii keessaa shan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Isaan keessaa tokko Yuunas Koolan turte. Yuunasii wajjin jalqaba kan wal barre, mana barumsaa warra dhagaʼuu hin dandeenyee yommuun xumuruuf jedhutti ture. Yeroo sanatti, karameellaa tokko naaf kennitee akka hiriyoota taanu na gaafatte. Yeroo booda nama jireenya koo keessatti bakka guddaa qabdu, jechuunis haadha manaa koo taate!

Karaa bitaatiin: Bara 1960 fi bara 1989⁠tti Yuunasii wajjin

Yuunas Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akka jirtu haati ishii yommuu beektu, hogganaan mana barumsa tokko ejjennoo ishii akka jijjiirsisu gochuuf yaalii gootee turte. Innis barreeffamoota ishiin ittiin qoʼattu humnaan harkaa fuudhe. Haa taʼu malee, Yuunas, Yihowaa irratti xiyyeeffachuu ishii itti fufuuf murteessitee ture. Yommuu ishiin cuuphamuu barbaaddetti warri ishii, “Yoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taate mana keenya gadhiistee baʼuu qabda!” ishiidhaan jedhan. Yuunas umurii ishii waggaa 17⁠tti mana warra ishiitii yommuu baatu, maatiin Dhugaa Baatota naannoo sana jiru tokkoo mana isaaniitti ishii fudhatan. Qoʼannaa ishii itti fufuudhaan yeroo booda cuuphamteetti. Bara 1960⁠tti yommuu gaaʼela godhanne, warri ishii sirna gaaʼelaa keenya irratti hin argamne. Haa taʼu malee, waggoonni darbaa ennaa deeman, amantii keenyaa fi akkaataa ijoollee keenya itti guddisne yommuu argan nu kabajuu jalqabaniiru.

YIHOWAAN NA KUNUUNSEERA

Ilma koo Niikolaasii fi haadha manaa isaa Diiboraa warra Betʼel isa Landan jiru keessa tajaajilan

Warra dhagaʼuu hin dandeenye taanus, ijoollee dhiiraa dhagaʼuu dandaʼan torba guddisneerra. Kun baayʼee rakkisaa ture; taʼus sirriitti walii galuu fi dhugaa isaan barsiisuuf afaan mallattoo akka baratan gargaaruuf carraaqqii guddaa gooneerra. Obboloonni gumii keessa jiranis gargaarsa guddaa nuuf godhaniiru. Fakkeenyaaf, abbaan tokko ijoollee keenya keessaa inni tokko Galma Mootummaa keessatti jecha gadhee akka dubbatu barreessee nuuf kennee ture. Kanaaf yeruma sana haala kana sirreessuuf tarkaanfii fudhachuu dandeenyeerra. Ilmaan koo arfan Jeemsi, Jeerii, Niikolaasii fi Istiivan haadhotii manaa isaanii fi maatii isaanii wajjin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. Arfan isaanii iyyuu jaarsolii gumii ti. Kana malees, Niikolaasii fi haati manaa isaa Diiboraan waajjira damee Biritaaniyaa keessa hojii hiikkaa afaan mallattoo gargaaraa jiru; Istiivanii fi haati manaa isaa Shaanan immoo, kutaa hiikkaa afaan mallattoo waajjira damee Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu gargaaraa jiru.

Ilmaan koo Jeemsi, Jeerii fi Isteevan haadhotii manaa isaanii wajjin, hojii lallabaa afaan mallatoottiin geggeeffamu karaa adda addaatiin gargaaraa jiru

Waggaa 40⁠ffaa gaaʼela keenyaa kabajuuf jiʼi tokko yommuu hafu, Yuunas dhukkuba kaansarii wajjin qabsoo gochaa turteen kan kaʼe duuteetti. Yeroo rakkisaa sana hundatti baayʼee cimtuu turte. Amantiin ishiin abdii duʼaa kaʼuu irratti qabdu humna ishiidhaaf kenneera. Guyyaa ishii wajjin deebinee itti wal arginu hawwii guddaadhaanan eeggachaa jira.

Faayee fi Jeemsi Maarkan; Jeerii fi Eveliin Maarkan; Shaananii fi Istiivan Maarkan

Guraandhala 2012 kufeen luqqeettuun koo waan cabeef gargaarsi na barbaachisa ture. Kanaaf, ilma koo isa tokkoo fi haadha manaa isaa wajjin jiraachuun jalqabe. Amma Gumii Afaan Mallattoo Kaalgaarii jiru keessa kan jirru siʼa taʼu, achitti jaarsa taʼee tajaajiluu koo itti fufeera. Miseensa gumii afaan mallattoo kanan taʼe yeroo jalqabaatiifi. Mee yaadaa! Bara 1946 eegalee waggoota sana hunda gumii Ingiliffaa keessa waanan tureef, karaa hafuuraa jabaachuu kanan dandaʼe akkamitti? Yihowaan, abdii ijoollee abbaa hin qabneef abbaa taʼuudhaaf kenne eegeera. (Far. 10:14) Obboloota yaadannoo barreessuuf, afaan mallattoo barachuu fi hamma dandaʼan naaf hiikuuf carraaqqii gochuuf fedhii argisiisan hunda guddaan galateeffadha.

Umurii koo waggaa 79⁠tti mana barumsaa qajeelchitootaa Afaan Mallattoo Ameerikaa irratti yommuun hirmaadhu

Dhugaa isaa dubbachuuf, wanta dubbatamu yommuun hubachuu dadhabuu fi fedhiin namoota dhagaʼuu hin dandeenyee akka isaaniif hin hubatamne yaaduudhaan yeroon abdii itti kutadhes jira. Taʼus, yeroo kanatti jechoota Pheexiros, “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabda” jedhee Yesuusitti dubbaten yaada. (Yoh. 6:66-68) Akkuma obboloota dhagaʼuu hin dandeenyee fi bara keenya keessa turan kaanii, anis obsa qabaachuu barachuun qaba ture. Yihowaa fi jaarmiyaa isaa eeggachuu baradheera; akkas gochuu kootiinis faayidaa guddaa argadheera! Amma afaan kootiin nyaata hafuuraa hedduu argachuu koo irra iyyuu, gumii fi walgaʼii guguddaa Afaan Mallattoo Ameerikaa irratti argamuun baayʼee na gammachiisa. Dhuguma iyyuu, Yihowaa isa Waaqa keenya isa Guddaa taʼe tajaajiluudhaan jireenya gammachiisaa fi eebba hedduu qabu jiraachaan jira.