DAMMAQAA! Lakk. 1 2022 | Addunyaa Tasgabbii hin Qabne—Dandamachuu ni Dandeessa
Haalli addunyaa yeroo hammaachaa deemu baayʼeen keenya balaa uumamaa fi namtolcheetiin kan kaʼe rakkinni nurra gaʼuun isaa hin oolu. Ofii keetiifis taʼe namoota jaallattuuf eegumsa gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
Addunyaa Tasgabbii hin Qabne—Dandamachuu ni Dandeessa
Haalli gaddisiisaan yeroo si mudatu ofii keetiifis taʼe maatii keetiif eegumsa gochuuf kutannoodhaan tarkaanfii fudhadhu.
ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE
1 Fayyaa Kee Eeggadhu
Fayyaa kee yoo eeggatte haala rakkisaa dandamachuun siif salphata.
ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE
2 Qabeenya Kee Eeggadhu
Maallaqa keetti ogummaadhaan kan fayyadamtu yoo taʼe, yeroo rakkinaatti haala isaa dandamachuun sitti hin ulfaatu.
ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE
3 Hariiroo Namoota Wajjin Qabduuf Of Eeggadhu
Gorsa gaarii gaaʼela kee, michummaa warra kaan wajjin qabduu fi hariiroo ijoollee kee wajjin qabdu eeggachuuf si gargaaru ilaali.
ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE
4 Abdii Kee Cimsadhu
Kitaabni Qulqulluun rakkina jireenya keessatti nu mudatu dandamachuuf nu gargaara, akkasumas abdii nuuf kenna.
Maxxansa Dammaqaa! Kana Keessatti
Mata dureewwan atis taate maatiin kee rakkoowwan ilmaan namootaarra gaʼaa jiran dandamachuuf isin gargaaran dubbisi.

