Dhimma ijoo ta'etti seeni

Iccitii Eeguu

Iccitii Eeguu

Iccitii Dhuunfaa

Watchtower Bible and Tract Society of New York, Inc, ykn jaarmiyaawwansaa odeeffannoo dhuunfaa Weeb saayitii kanarratti gale, kaayyoo namni tajaajila argachuu barbaadu qofaaf itti fayyadama. Watchtower Bible and Tract Society of New York, Inc, teessookee kaayyoo kanaaf itti fayyadama malee nama garabiraadhaaf hin kennu. Odeeffannookee kan kenninu, seerri kana gaafatu yoo jiraate, akka ati hin saamamneefi nageenyikee akka eegamuuf ykn dhimma barbaachisaa ta’eef yoo gaafatamne qofadha. Odeeffannookee hin gurgurru, dabarsinee hin kenninu ykn hin kireessinu.

Teessoo Ii-meelii

Teessoon ii-meelii, yommuu Weeb saayitii keenyarratti akkaawuntii banatte kennite, waaʼee akkaawuntiikee odeeffannoo sii kennuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, maqaa itti fayyadamtu ykn iggata (password) kee irraanfachuudhaan gargaarsa yoo barbaadde, ii-meelii guuttee nuu ergitetti fayyadamnee si gargaaruu dandeenya.

Kuukiisota

Kuukiisonni, namni Weeb saayitii jw.org jedhamutti fayyadamu wanta itti fayyadamuu filatu akka yaadatu isa gargaara. Fakkeenyaaf, namni tokko yommuu Weeb saayitii jw.org jedhamu kanatti deebiʼu, afaan itti fayyadamuu filate sana deebisee akka argatu isa gargaara. Kuukiisii kanarra odeeffannoon dhuunfaa hin kaaʼamu.

Aktiiv Iskiriipti ykn JaavaaIskiriipti

Iskiriiptiingiin, jw.org jedhamu Weeb saayitichi caalaatti saffisaan akka hojjetu gargaara. Iskiriiptiingi teknooloojiitti fayyadamuun, Weeb saayitiin jw.org jedhamu namni Weeb saayitii kanatti fayyadamu dafee odeeffannoo akka argatu gargaara. Iskiriiptiingiin, matumaa kompiitara nama Weeb saayitii jw.org fayadamurratti soofti weerii hin feʼu ykn kompiitarii nama sanaarraa odeeffannoo hin sassaabbatu.

Aktiiv Iskiriiptiingiin ykn JaavaaIskiriiptiin jw.org tokko tokko sirriitti akka hojjetu yoo barbaadame iyyaafataan (browser) akka hojjetu godhamuu qaba. Weeb biraawuzaroonni hedduun, Weeb saayitiiwwan tokko tokko kana akka hojjetan ykn akka hin hojjenne gochuu dandaʼu. Iskiriiptiin Weeb saayitii filatamerratti akkamitti akka hojjetu baruuf, dookmantii Weeb biraawuzar helpi jedhamu ilaali.

Seera itti fayyadamnu jijjiiruun yoo nu barbaachise, odeeffannoo akkamii akka qabnuufi akkamitti akka itti fayyadamnu yeroo hunda akka ilaaltuuf jijjiirama kana fuula kanarra keenya.