Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

Dubbisaaf akka Taʼutti Sirreeffachuu—Andirooyidii

Dubbisaaf akka Taʼutti Sirreeffachuu—Andirooyidii

Dubbisaaf akka siif taʼutti akka sirreeffattuuf wantoonni garaa garaa JW Libraryiitti dabalamaniiru. Wantoonni kun boqonnaa ykn mata duree tokko yeroo dubbistu, karaa mirgaa iskiriinii keetii gubbaa isaa irratti argamu.

Filannoowwan kan biroo argachuuf immoo mallattoo filannoo garaa garaa argachuuf gargaaru tuquu dandeessa.

Dubbisaaf akka siif taʼutti sirreeffachuuf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:

 Afaan Jijjiiruu

Afaan boqonnaa ykn mata duree dubbisaa jirtuu jijjiiruu dandeessa.

  • Wanti dubbisaa jirtu afaan kam faʼiin akka argamu ilaaluuf mallattoo afaan filachuuf gargaaru tuqi. Afaanonni yeroo baayʼee itti fayyadamtu jalqaba irratti argamu. Masaraa Eegumsaa Ingiliffaa afaan salphaatiin qophaaʼes argachuun ni dandaʼama. Maqaa afaan barbaadduu barreessuudhaanis barbaaduu ni dandeessa.

  • Afaanonni ati hin garagalfanne mallattoo duumessaa qabu. Barreeffamicha garagalfachuuf afaan barbaaddu tuqi. Barreeffamicha erga garagalfattee booda mallattoon duumessaa sun ni bada. Dubbisuu yoo barbaadde ammas afaanicha tuqi.

 Qubee Guddisuu ykn Xinneessuu

Qubee barreeffama dubbisaa jirtuu akka siif taʼutti guddifachuu dandeessa.

Text Settings isa jedhu tuqi; achiis qubee isaa xiqqeessuuf ykn guddisuuf gara bitaatti ykn gara mirgaatti harkisi. Filannoon kun barreeffamoota hundaaf ni hojjeta.

 Bifa Fakkiitiin ykn Bifa Barreeffamaatiin Ilaaluu

Mata dureewwan tokko tokko bifa fakkiitiin ykn bifa barreeffamaatiin ilaalamuu dandaʼu. Filannoowwan kana lamaan jijijjiiruuf mallattoo akkas gochuuf gargaaru tuqi.

  • Bifa Fakkii: Inni bifa fakkiidhaan argisiisu akkaataa barreeffamichi isa maxxanfame irratti mulʼatutti argisiisa. Namoonni tokko tokko nootaa isaa wajjin ilaaluudhaaf waan isaan gargaaruuf, kitaaba faarfannaa irratti filannoo kanatti fayyadamuu barbaadu.

  • Bifa Barreeffamaa: Inni bifa barreeffamaatiin argisiisu, caqasa Kitaaba Qulqulluu tuqxee akka dubbistuu fi akka barbaaddutti qubee isaa akka guddifattu si gargaara.

 Kutaa Open in . . . Jedhu

Kutaan Open in . . . jedhu wanta JW Library keessa jiru appilikeeshinii kan biraa keessatti ilaaluuf si dandeessisa.

Filannoowwan qabdu ilaaluuf Open in . . . isa jedhu tuqi. Fakkeenyaaf, fuula amma dubbisaa jirtu LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAATIIN ilaaluu yoo barbaadde Open in Online Library isa jedhu tuquu dandeessa.

 Kutaa Customize Jedhutti Fayyadamuu

Caqasa Kitaaba Qulqulluu barreeffama tokko keessa jiru yommuu tuqxu, caqasichi ni mulʼata. Kitaabota Qulqulluu garagalffatte keessaa itti dabalachuu yoo barbaadde caqasoota jalaa Customize isa jedhu tuqe.

Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu itti dabaluuf ykn keessaa hirʼisuuf mallattoowwan itti dabaluu fi hirʼisuuf gargaaran tuqi. Duraa duuba isaa sirreessuuf Kitaaba Qulqulluu qubaan ol ykn gad harkisuu dandeessa.

Kitaabota Qulqulluu dabalataa JW Library irraa argachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe baruuf, mata duree “Kitaaba Qulqulluu Garagalfachuu fi Itti Fayyadamuu—Andirooyidii” jedhu ilaali.

Qabiyyeewwan kun Caamsaa 2014 JW Library 1.2f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 2.3 ykn isaa ol taʼeef hojjeta. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii,” jedhu jalaa, qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.