Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Dhuma Irratti Abbaa Koo Wajjin Tokko Taane

Dhuma Irratti Abbaa Koo Wajjin Tokko Taane
  • BARA DHALOOTAA: 1954

  • BIYYA DHALOOTAA: Filippiinsi

  • SEENAA: Abbaa isaa isa hamaa ture irraa adda baʼee kan ture

JIREENYA KOO DURAA

 Tuuristoonni hedduun gara magaalaa Paagsanjan ishii Filippiinsi keessatti argamtuu dhufanii fincaaʼaawwan beekamoo naannoo sanatti argaman daawwatu. Abbaan koo Naardoo Leroon bakka kanatti hiyyummaadhaan guddate. Malaammaltummaa dhaabbilee mootummaa, humnoota poolisii fi bakka hojii isaatti arguun kan kaʼe nama hamaa fi dheekkamaa taʼe.

 Warri koo ijoollee isaanii saddeet guddisuuf cimanii hojjetu turan. Yeroo baayʼee lafa qonnaa gaarreen irratti argaman eeguuf yeroo dheeraadhaaf mana irraa fagaatanii turu. Yeroo baayʼee anii fi obboleessi koo Roodiiliyoon of kunuunsuun nu barbaachisa ture, akkasumas ni beelofna turre. Ijoollee taanus taphachuuf carraa baayʼee hin argannu. Tokkoon tokkoon keenya yeroo umuriin keenya waggaa torba taʼu gara lafa qonnaa dhaqnee hojjechuu qabna turre, kunis baʼaa kokonaatii baayʼee ulfaataa taʼan baannee karaa gaarreen irra jiran irra deemuu dabalata. Baʼaa sana ol kaasuun yoo nutti ulfaate lafa irra harkisuuf dirqamna turre.

 Rukuttaa abbaa keenyaa dandaʼuunis nu barbaachisa ture, haa taʼu malee caalaatti kan nutti ulfaate haadha teenya yeroo inni rukutu ilaaluu dha. Ishii irraa isa dhoowwuuf kan yaalle taʼus hin dandeenye. Kanaafuu anii fi Roodiiliyoon gaafa guddanne abbaa keenya ajjeesuuf dhoksaatti walii galle. Abbaa jaalala qabeessa taʼe argachuuf baayʼeen hawwa ture!

 Gocha isaa kanatti abdii kutadhee akkasumas aaree waanan tureef yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu mana dhiiseen baʼe. Yeroo muraasaaf daandii irra yeroon jiraachaa turetti qoricha sammuu namaa hadoochuu fi maariwaanaa jedhamu fudhachuun jalqabe. Yeroo booda tuuristoota gara fincaaʼaawwaniitti geessuuf doonii irra hojjedheera.

 Waggoota muraasa booda immoo Maanilaa keessatti yunivarsiitii galeen barachuu jalqabe. Haa taʼu malee dhuma torbaniitti hojiidhaaf gara Paagsanjan waanan deemuuf, qoʼannaadhaaf yeroo gaʼaa hin argadhun ture. Jireenyi koo ulfaataa fi kaayyoo kan hin qabne ture, maariwaanaanis dhiphina koo naaf hirʼisuu hin dandeenye. Kanaafuu, qoricha sammuu namaa hadoochan kan akka, meetaamfetaamins, kookeeyinii fi heeroyinii fudhachuun jalqabe. Qoricha sammuu namaa hadoochan fudhachuun immoo yeroo baayʼee gara halalummaa raawwachuutti nama geessa. Hiyyummaa, jalʼina haqaa fi rakkinaan marfameen ture. Rakkinoota kanaaf kan itti gaafatamu mootummaa akka taʼe waan natti dhagaʼamuuf mootummaa nan jibba ture. Akkasumas, “Jireenyi maalif akkas taʼe?” jedheen Waaqa gaafadha ture. Dhaabbilee amantii adda addaa kanan qore taʼus deebii argachuu hin dandeenye. Miira abdii kutachuu natti dhagaʼamu dhokfachuuf qorichawwan sammuu namaa hadoochan baayʼinaan fudhachuun jalqabe.

 Bara 1972tti, barattoonni Filippiinsi mootummaa irratti mormii kaasuuf gurmaaʼanii turan. Anis mormii sana keessaa isa tokko irratti kanan hirmaadhe siʼa taʼu, mormiin kunis gara lolaatti jijjiirame. Namoonni baayʼeen kan hidhaman yommuu taʼu, jiʼoota muraasa booda biyyattiin humna waraanaatiin buluu jalqabde.

 Fincila sana irratti hirmaachuu kootiin kan kaʼe abbootii taayitaa waanan sodaadheef deebiʼeen daandii irra jiraachuu jalqabe. Qarshii araada kootiif na barbaachisu argachuuf hatuu, yeroo booda immoo namoota sooreyyii fi namoota biyya ormaa wajjin gocha naamusaan ala taʼe raawwachuun jalqabe. Yoon jiraadhes yoon duʼes dhimma hin qabun ture.

 Yeroo kanatti haati tiyyaa fi obboleessi koo inni quxisuun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabanii turan. Abbaan koo baayʼee waan aareef barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan jalaa gube. Haa taʼu malee isaan ejjennoo isaanii eeggachuudhaan Dhugaa Baatota taʼanii cuuphaman.

 Gaaf tokko Dhugaa Baatuun tokko waaʼee abdii Kitaaba Qulqulluu isa gara fuulduraatti haqni dhugaan guutummaa lafaa irra akka jiraatu ibsu abbaa kootti hime. (Faarfannaa 72:12-14) Abbaan koo abdii kanatti baayʼee waan gammadeef waaʼee dhimma kanaa ofuma isaatii qoruuf murteesse. Abbaan koo waaʼee abdii Waaqayyo bulchiinsa gaarii fiduuf galee qofa utuu hin taʼin, wanta Waaqayyo abbaa manaa fi haadha manaa irraa barbaadu Kitaaba Qulqulluu irraa ni hubate. (Efesoon 5:28; 6:4) Yeroo muraasa booda innii fi obboloonni koo hundi Dhugaa Baatota taʼan. Ani mana irraa fagaadhee waanan jiruuf waaʼee kanaa hin beekun ture.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Bara 1978tti, gara Awustiraaliyaan deeme. Taʼus biyya nagaa fi badhaatuu taate kana keessatti illee nagaa sammuu argachuu hin dandeenye. Dhugaatii alkoolii fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu koo ittuman fufe. Gara xumura waggaa sanaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa na haasofsiisan. Wanti isaan lafa nageenyi keessatti dagaagu ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irraa natti argisiisan kan natti tole taʼus, isaan wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin barbaanne.

 Utuma baayʼee hin turin torban muraasaaf gara Filippiinsitti nan deebiʼe. Obboloonni koos abbaan keenya nama gaarii taʼuuf carraaqaa akka jiru natti himan; taʼus ani baayʼee isatti aaree waanan tureef isa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu dhiisuuf yaaleen ture.

 Obboleettiin tiyya quxisuun jireenyi rakkinaa fi jalʼina haqaatiin kan guutame maaliif akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa natti argisiiste. Intalli umurii waggoota kurnanii keessatti argamtuu fi muuxannoo baayʼee hin qabne gaaffiiwwan kootiif deebii kennuu dandaʼuun ishii na dinqisiise. Deemuu koo dura abbaan koo kitaaba Lafarra Jannata Keessa Bara Baraan Jiraachuu ni Dandeessa (Afaan Oromootiin hin argamu) jedhamu naaf kenne. a Akkasumas, “Karaa dogoggoraatiin gaaffiiwwan keetiif deebii argachuuf yaaluu kee dhaabi. Kitaabni kun wanta barbaaddu argachuuf si gargaara” naan jedhe. Yeroon gara Awustiraaliyaatti deebiʼus Dhugaa Baatota Yihowaa akkan barbaadu na jajjabeesse.

 Anis gorsa abbaa koo hordofuudhaan gara Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa mana koo isa Biriisbaan jiru biratti argamuu nan deeme. Achiis Kitaaba Qulqulluu isaan wajjin qoʼachuufan walii gale. Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan akka Daaniʼel 7 fi Isaayaas boqonnaa 9 irraa Mootummaan Waaqayyoo inni guutummaatti malaammaltummaa irraa bilisa taʼe gara fuulduraatti akka nu bulchu hubachuu dandaʼeera. Akkasumas lafa Jannata taatu irra akka jiraannu baradheera. Anis Waaqayyo biratti fudhatama argachuu kanan barbaade taʼus, miira koo toʼachuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhiisuu, akkasumas jireenya gadhiisii taʼe jiraachuu dhaabuu akkan qabun hubadhe. Achiis dubartiin wajjin jiraachaa ture irraa kanan adda baʼe siʼa taʼu, araada koos nan dhiise. Amanannaan ani Yihowaa irratti qabu yommuu guddachaa adeemu, jijjiirama kan biroo gochuuf akka na gargaarun isa kadhadhe.

 Suutuma suuta wantin barachaa jiru nama tokko jijjiiruu akka dandaʼun hubadhe. Kitaabni Qulqulluun carraaqqii yoo goone “namummaa haaraa” uffachuu akka dandeenyu dubbata. (Qolosaayis 3:9, 10) Kana gochuuf yommuun yaalutti abbaan koo amalli isaa akka jijjiirame ilaalchisee wantin dhagaʼe dhugaa taʼuu akka dandaʼun hubadhe. Isatti aaruu fi isa jibbuu mannaa isa wajjin nagaa uumuun barbaade. Dhuma irratti abbaa kootiif dhiifama kanan godhe siʼa taʼu, ijoollummaa kootii kaasee jibban isaaf qabus nan dhiise.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Yeroon dargaggeessa turetti yeroo baayʼee namoota amala miidhaa geessisu qabanin hordofa ture. Akeekkachiisni Kitaaba Qulqulluu dhugaa taʼuu isaa jechuunis, hiriyummaa gadheen daandii dogoggoraatti akka nama geessu jireenya koo irraa mirkaneeffadheera. (1 Qorontos 15:33) Dhugaa Baatota Yihowaa gidduudhaa garuu michoota amanamoo taʼan argachuu dandaʼeera; isaanis nama gaarii akkan taʼu na gargaaraniiru. Akkasumas haadha manaa gaarii Looreettaa jedhamtu isaan gidduudhaa argadheera. Waliin taanee Kitaabni Qulqulluun akkamitti namoota gargaaruu akka dandaʼu isaan barsiisna.

Haadha manaa tiyyaa fi michoota koo wajjin yeroo nyaata nyaannu

 Kitaaba Qulqulluudhaaf galanni haa taʼuutii abbaan koo nama ani matumaa ni taʼa jedhee hin yaadne, jechuunis haadha tiyyaaf abbaa manaa jaalala qabeessa, akkasumas Kiristiyaana gad of qabuu fi nagaa jaalatu yeroo taʼu arguu dandaʼeera. Bara 1987tti ergan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee cuuphamee booda yommuu wal arginu abbaan koo jireenya koo keessatti yeroo jalqabaatiif na hammate!

 Abbaan koo waggoota 35 oliif haadha tiyya wajjin taʼee abdii Kitaaba Qulqulluu namootatti himuuf hojjechaa tureera. Nama cimaa fi nama namaaf yaadu waan tureef, namoota gargaaruudhaan beekama ture. Waggoota sana keessatti isa kabajuu fi isa jaalachuu baradheera. Ilma isaa taʼuu kootti nan boona! Abbaan koo bara 2016tti kan duʼe taʼus, anii fi inni barumsawwan Kitaaba Qulqulluu yommuu hojii irra oolchinu amala keenya irratti jijjiirama guguddaa akka goone waanan beekuuf waaʼee isaa yaadannoo gaariin qaba. Jibba koo duraanii amma of keessaa balleesseera. Yihowaa isa Abbaa jaalala qabeessa taʼee fi wantoota dhiphina maatiiwwan bakka hunda jiraniif sababa taʼan hunda balleessuuf abdii kenne argachuu kootti baayʼeen galateeffadha.

a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe; amma garuu maxxanfamaa hin jiru.